Bakka hojii akka isiniif hintaane hubattan gadhiisuuf hangam isinitti fudhata?

Bara sababoota garaagaraatiif hojiin akka garaatti hinargamne kanatti hojjattoonni hedduun hojii hinjaalannee hojjachuuf dirqisiifamuutu himama.

Isini osoo waajjira hojiif itti mindeeffamtanitti yoo dursaa gaariin isin hinmudanne, haalli hojii mijataa ta’uu baatee ykn mindaa gaarii kan isiniif hinkafalle ta’e maal gootuu?

Osuma jibbitanii hojjachuu itti fuftuummoo battaluma mindeeffamatanitti hojiicha dhaabdu? Namoonni muraasni hojii gaarii hintaane torbanoota keessatti gadhiisuun gaarii ta’uu himu.

Garuu osoo isin ta’ee guyyaa meeqaaf iilaaltu? Osoo hojii biraa hinargatiin hojii jibbitan gadhiiftuu?

Shamarree Niikool dhaabbata Ameerikaa Maayaamii keessatti argamu keessatti kan mindeeffamnte bara darbe ture.

Haata’u malee, mindeeffamntee sa’aatiiwwan keessatti ture dhaabbatichi akka isheedhaaf hintaane kan barte. Guyyaa jalqabaatti hojii gaggeessaan dhaabbatichi hojjattuu haaraa ta’usheelleen warra kaaniitti hin beeksiifne.

Walgahii garee guutuu carraa hojjattootaaf osoo hin kenniin ofuumaan haasa’aa ture. Niikoolaanis kun guyyaa jalqabaatii tarii haalli ni jijjaramaa laata jettee yaaddee turte.

Guyyaa lammaffaarratti ammoo hogganaan kun wal-gahii keessatti hojjataa tokkotti yoo iyyuufi arrabsu arguun caalaa ishee naasise.

Guyyaa sadaffaatti ammoo Niikolaan amala dursaashee ilaalchisee hojjataa gara biraa gaafatte. Achinis hojjattoota arrabsuufi tuffachuun amalasaa ta’uu itti himame. ‘‘Namni hunduu isa sodaatuun’’ deebii jedhu argatte.

Niikolaa kan umuriishee waggaa 20n keessatti argamtus, mindeeffamtee guyyaa arfaffaarratti xalayaa hojii gadhiisuu barreessite. Achinsi hojiicha dhiiftee baate.

Hojjattoonni hedduun jireenya dhunfaafi ogummaa isaaniitti dhimmoonni dursa kennaniif deeddeebiisanii yoo xinxialan, kaan isaanii hojii itti hin gammadne gadhiisuuf hin maman. Guyyoota ykn torbanootaan booda gadhiisanii bahau.

Hojjattoonni hojii ifaajjii baayyeen booda argatan yeroo gabaabaa keessatti gadhiisanii sababii itti bahan hedduutu jiru.

Gaheen hojii hojatiicha caalaa yoo leellifamee, to’annoo cimaa hinbarbaachifne, aadaa hojii hinmijanne, akkasumas duudhaaleen dhaabbatichaa shakkisiisaa yoo ta’an sababboota hojjattoota alatti dhiiban keessaayi.

Haalawwan tokko tokkorratti hojjattoonni saffiisaafi hubannoo malee murteesaanii osoo itti hin yaadiin haalli itti hojii gadhiisan akka jirus ogeessonni ni dubbatu.

Kaan ammoo murteessaanii itti yaaduudhaan osoo yeroo hin gubiin hojii fooyya’aadhaaf hojii gadhiisu.

Ta’us hojjattoonni addunyaa keenya keessatti argaman hojii tokkorra baroota hedduuf ni turu.

Akka Biiroo Istastiksii Ameeriikaatti, hojjataan Ameerikaa jidduugalaan hojiirra kan turu wagga afuriifidha.

Haata’u malee, waggoota lamaan darbanii kaasee lakkoofsi hojjattota wagga tokkoo gadiitti hojii gadhiisanii dabalaa kan dhufe yoo ta’u, parsanataa 10niin dabaluu qorannooni Linkdeniin hojjatame mul’iseera.

Haala gara biraatiin yoo ibsamus, hojjattoonni gammadoo yoo ta’u baatan, bakka hojiisaanii waggootaaf turuu irra osoo yeroo hin gubiin kan gadhiisan dabalaa dhufaniiru.

Taatee kanaaf sababii tokko, walitti dhufeenyi hawaasummaa hojjataafi hojjachiisaa jidduu jiru cituu akka ta’e kan dubbatan Boostan Kiyistirom Yunivarsitiitti Mana Barnootaa Daldalatti barsiisaa Maanaajmantii kan ta’an Mooshee Kohaan turan.

‘‘Dhaabbileen hojjattootsaanii hin kunuunsan. Hojjattoonnis kan yeroofi barbaachisaa akka hin taane itti dhagahamaa dhufeera. Kaanaf, amanamummaan mindeessitootaatti agarsiisan hin jiru. Kanaafiidha hojjattoonni dhaabbilee adda addaatti hojiiwwan gargaaraa yaalaa kan jiran’’ jedhunKohaan.

Gabaan hojiis jijjiramaa jiraachuu kan dubatan Kohaan, hojiirraa ari’atamuu, hir’ifamuu hojjattootaa, akkasumas hojjattoonni waadaa dhaabbatasaaniif seenaa kabajuu dhiisuun baayyataa dhufuu eeru.

To’annaan cimaan hojjattoota waajjiraa hojjatan osoo hintaanee kanneen fageenyarraa hojjatan irratti taasifamu wal amantaa ture akka hir’ise kaasu.

Hojjattoonni tokko tokko, haalawwan mijataa kaampaaniiwwaniifi dhaabbilee kanneen keessatti argaman mormuurraa hojiisaanii gadhiisanii deemuu filamataasaanii godhataniiru.

Gaazexeessaan umurii wagga 30n keessatti argamu Jeems bara kana naannawaa baatii Amajjii ture miidiyaa Niiyoorkiitti argamu tokko biratti hojii kan eegale.

Muuxannoo kan qabu Jeems itti gaafatamummaasaa bahuun salphaa ta’ufilleen, hojiisaa akkuma jalqabe torbanitti ture hojichi isaaf kan hin mijannee ta’uu kan hubate.

‘‘Miidiyichatti kanan mindeeffame hoggansa kutaa oduutiin qabunan ture. Garuu yeroo hojii eegaletti gulaallii guyyaa guyyaakoo na hordofuufi dogongoroota xixiqqoo harbeessanii kaasuu eegalan’’ kan jedhu Jeems, itti dabaluunis, ‘‘guyyaa guuyyaan dogongorri akkasii akka hin umamneef humnakoo guutuu isarratti balleessuun eegale. Kunis akkan tarsimoo guddina miidiyaa irratti hin xiyyeeffannee waan na taasiseef mindeessitonnikoo itti dhagahamuu eegale,’’ jedha.

Baatii tokkoon booda Jeems hojiicha nuffuu qofaa osoo hin taane gungumuu eegale. Achinis hojii gadhiisuuf yeroo karoorseetti hojiirraa hir’ifamuun itti himame. ‘‘Boqonnaa natti uume. Dhugaadha hojiichaaf nama sirrii hin turre,’’ jedha.

Hojiin gammadoo yoo hin taane dafanii gadhiisuun hojjataaf murtee sirrii akka ta’e ogeessoonni kan dubbatan.

Sadarkaa jalqabaarratti bakka hojii sirrii hin taanee keessa turuun, carraa gara biraa dhabsiisuu danda’a.

Hojjattoonni bakka hojii gammachuu hin qabne keessa akkuma turaniin hojiifi dhaabbata ittiin guddachuu danda’aniif carraa ittiin dhabu jedhu Kaaliifooriyaa Peepardiin Giraaziyaadootti Mana Barnootaa Bizinasiitti Pirofessar Ittaanaa kan ta’an Boobii Tomaasan.

Keessattuu kaampaaniifi dhaabbileen mindeessan hedduun gaheen bakka hojii banaa qaban yoo kan baayyina namoota iyyatan caaluutti dhugaa jiruu caalaa ni mul’isa.

Ta’us dameewwan hojii tokko tokko sababii tasgabbii dhabiinsa diinagdeetiin yoo hanqinni carraa hojii mudatu kampaanonni biraa hedduun haalli itti hanqinni hojjataa itti mudatu ammas yoo ta’e hojjattoonni gahee olaanaa qabaatu.

Keessattuu hojii mijataa yoo hin taaneefi aadaan hojii summaa’aa yoo ta’e, hojii gadhiisuun ofiif ulfina kennuu akka ta’e dubbatu Pirofesar Boobii Tomaasan. Hojii yoo isiniif hin taane gadhiisuun hojjatichaaf bu’aa qabaata jedhu.

Dhaabbilee tokko tokkotti hanqinniifi dogoggorri jiran ifa ta’anii mul’achuu haalli itti danda’an akkuma jiru hunda kan dhokatan ta’uu akka danda’an ibsu.

Fakkeenyaaf, pirojaktii hin milkoofne ykn gareen hojii qodamee ifa ta’uu danda’u. Haata’u malee, ammoo hojjattoonni dandeettii hojii qaban ta’e duudhaan kan haala adeemsa hojii dhaabbatichaa waliin wal hin simne ta’uu itti danda’u ni jiraata.

Aadaan dhaabbatichaa bu’uuraan rakkoonsaa kan hundee gadi faggeeffate yoo ta’e, fi aadaafi muxannoon isaa hojjattoota geedaruuf dandeettiis ta’e fedhii yoo hin qabne haala danda’ameen saffisaan gadhiisuun filamaata gaarii ta’uu hubachuun ni danda’ama jedhu Pirofessarri kun.

‘‘Rakkinichi hojjattoota caalee jijjiruun kan hin danda’amne yoo ta’e, hojjattoonni yoo gadhiisan arguun baramaadha,’’ jedhu.

Murtoon akkasiis yeroo baayyee gaarii ta’uu danda’a. Niikool guyyaa afuritti murteessitee hojii gadhiiftee deemuun baatii tokko keessatti hojii biraa argatte.

‘‘Hojii argadhaa laata kan jedhu na yaaddeessee ture. Garuu dhaabbata duraakoo keessa guyyaa biraa turuu akkan hindandeenye beekan ture’’ jetti.

“Hojiikoo haaraa baayyee fooyya’aadha. Dhaabbanni itti mindeeffame guddina oggummaakoof ni yaada. Hojii gaggeessaa mummeen nama gaariifi nama sagalee ol kaasuun hojjataatti hin dubbannedha,’’ jetti.

Dhaabbata guyyootaaf keessa hojjattetti mudannoo hamaan qabdu baayyee hin yaaddu. Haata’u amlee, yeroo tokko tokko yoo yaaddu saffiisaan murtoo fudhachusheetti ofiishee galateeffatti.

‘‘Muxannichii ofiin dhaabbachuu jechuun maal jechuu akka ta’eefi ofii dhaabbachuu na barsiiseera. Aadaan dhaabbanni hojjataaf kabaja hin qabne maal akka fakkaatu baruu danda’eera. Qaama dhaabbata kanaa akkan hin taaneef kanan murteessees ofiikoof kabaja gahaa waanan qabuufiidha,’’ jetti.

Ta’us Kohiin akka jedhanitti, hojjattoonni tokko tokko saffiisaan bahuufi galuun dhaabbileen akka miidhamaniif daandii akka saaqe dubbatu.

‘‘Hojjattoonni tokko tokkos fedhiisaanii guuttachuuf jecha yeroo gabaabaa keessatti hojii gadhiisuu filatu,’’ jedhu.

Hojjattoonni hedduun fedhii mindaa olaanaatiin alatti, carra barnootaa akkasumas sa’aatii hojii jijjiramuufi aadaa hojii mijataa barbaadu. Haata’u malee, fedhiiwwan kunneen hundi guyyaa jalqabaatiin guutamuu hin danda’aman.

‘‘Hojjattoonni mindeeffamanii battalumatti hojii hiikaa qabu hojjachuu akka danda’an ykn hanqina yoo argan hogganaan gaarii miti jedhanii yaadutu jira. Kun garuu dhugaa miti,’’ jechuun mormu Kohin.

“Gorsiin barattootakoof kennu, jalqaba hojii gadhiisuuf hin sodaatiinaa. Haata’u malee, saffisaan hin murteessinaa, tasgabbiin haala ilaalaa,’’ jechuun dubbatan.

Pirofesar Boobii Tomaasanis yaada kanaan waliigalu.

Hojjattoonni haala eddo hojiisaanii jijjiruuf hooggantoota olaanoo waliin hojjachuuf yaaluuf, akkasumas namoota dhaabbata keessa jiran waliin walitti dhufeenya qaban fooyyeessuuf daandiiwwan isaan dandeessisan akka yaadaniif gorsan.

Kana malees, waahila hojii duraanii, gorsiitootaafi leenjiiftoonni hojii gorsaa kennan dhagahuun hojjattoonni ilaalcha isaanii akka fooyyeessaniif gargaaruu danda’as jedhan.

‘‘Hojii osoo gadi hin dhiisiin dura dhaabbatanii yaaduun gaariidha,’’ jedhan. Ta’us miira namatti dhagahamu dhaggeeffachuuf eddoo barbaachisaan kennamuu akka qabu amanu Pirofesarri kun.

‘‘Haala hojii gaarii hin taanee keessatti hunda liqimsanii itti fufuun daandii barnootaa gaariidha.’’