Baankiin Jarmanii sa'aatii afur keessatti akkamitti Yuuroo miiliyoona 100 saamame?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Kun seenaa biyya Jarmanii keessatti saamicha baankii isa guddaa jedhameera.

Jarmanii keessa torban ayyaana qilleetti qorra cimaatu ture. Saamtonni magaalaa dhiha Jarmanii, Gelsenkirchen jedhamtu keessatti bobbaafaman

Maashinii humna guddaa qabu fayyadamuun baankii magaalattii cabsanii seenan

Saanduqawwan kuusaa kuma 3 ol hatanii deeman. Qabeenyi kun yuuroo miliyoonaan lakkaa'amu ta'a.

Erga saamichi raawwatame ji'a tokko darbeera, poolisiin shakkamtoota to'annaa jala oolchuu hin dandeenye.

Maamiltoonni baankichaa hedduun qusannoo umurii isaanii guutuu fi meeshaalee maatii isaanii kan gatii guddaa qaban akka dhaban dubbatu.

Namoonni hedduun saamicha kanaan aaraniiru. Gariin burjaaja'anii ammallee rifaatuu guddaa keessa jiru. Gariin ammoo kana booda baankotaa fi dhaabbilee mootummaa akka hin amanne dubbatu.

Ministirri Biyya Keessaa Kaaba Raayiin-Westfaaliyaa Herbert Ruhil waa'ee saamicha kanaa gaaffileen hedduun ka'uu ibsaniiru.

Akkamitti namni hanna kana hin hubanne? Hojjettoonni baankii saamicha kana keessatti hirmaataniiru?

Akkamitti namni wayita dallaan baankiichaa cabu hin dhageenye?

Hattoonni akkamitti saanduqootni kun eessa akka jiru sirriitti beekan? Nageenyi baankichaa laafaadhaa?

Poolisiin Gelsenkirchen kanneen ragaalee odeeffannoo qaban kamiyyuu akka dhiyeessan waamicha dhiyeesseera.

Qorattoonni akka jedhanitti hattoonni kun karaa buufata konkolaataa baankii cina jiruun baankii cabsanii seenan.

Qorattoonni bakka buufata konkolaataa gamoo abbaa darbii hedduun seenuun dallaa baankii cabsanii akka seenaan ibsan.

Hattootni kunne dallaa baankichaa keessa erga seenanii booda meeshaalee nageenyaa eegaan hedduu bira darbuu qabu turan.

Isaanis kallattiin gara kutaa iccitiin meeshalee fi mallqani itti kuufamu kan lafa jalatti baankiidhaan ijaarame qajeelan.

Dallaa baankii seentimeetira 40 uranii mana kuusaa, bakka qabeenyi gatii guddaa qabu itti kuufamu bira gahuu danda'an.

Saamichi kun walakkeessa baatii Muddee keessa akka raawwatame amanama.

Jalqaba Muddee 27 baankii keessatti sagaleen balaa ibiddaa dhageessifamee ture. Namoonni abidda dhaamsanii fi poolisiin gara sanatti imalanis garuu aara fi ibidda waan hin argineef alarmii sobaa ta'uu isaa amanan, kunis waanuma baramedha. Kanaaf ni deeman.

Qorattoonni taateen kun sochii saamtota kanaan kan ka'e ta'uu akka danda'u himaniiru.

Angawoonni naannoo akka jedhanitti saamtonni kun osoo gara kutaa maallaqi itti kuufamuu keessa hin bahin irratti baramee garuu hanga xiqqoof miliqanii jedhan.

Sagaleen yeroo balaa halkan saatii 6tti kan iyyee yoo ta'uu Poolisiin fi namoonni abidda dhaamsan 20 sa'aatii 06:15tti baankii kana gahanis, "garuu waan miidhaa agarsiisu argachuu hin dandeenye" ​​jechuun poolisiin ibsa baaseen beeksiseera.

Ministirri Biyya Keessaa Kaaba Raayiin-Westfaaliyaa Herbart Ruul akka jedhanitti, odeeffannoon balaa ibiddi kun kutaa balaa tasaa irraa gabafamuus balaan gahe yeroo sanatti hin turre jedhan.

Poolisiin yeroo odeeffannoon nu qaqqabe ajaja poolisii malee baankii sakatta'uuf mirga akka hin qabne mana maree magaalichaaf ibsaniiru.

Baankii kana sakatta'uu kan danda'e gareewwan ibiddaa qofa.

Saamtonni kun kutaa sana cabsanii erga seenanii booda saanduqa 3,250 banuun warqee, maallaqaa fi faaya hataniiru.

Akka Ministirri Biyya Keessaa jedhanitti, galmeen kompiitaraa baankii akka agarsiisutti saanduqa kuufamaa jalqabaa Mudde 27 sa'aatii 10:45 irratti kan baname yoo ta'u, inni dhumaa ammoo sa'aatii 14:44 irratti baname.

Kanaaf sa'aatii afur keessatti saanduqawwan kana guutumatti banuu isaanii akkasumas kompiitarri baankii akkamitti odeeffannoo waraabuu akka dhabe waanti ifa ta'e hin jiru.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti halkan keessa dhiironni boorsaa gurguddaa baatanii buufata konkolaataa keessatti argamaniiru. Kaameeraan nageenyaa dhiirota fuula isaanii haguugamee fi konkolaattota lama lakkoofsa gabatee sobaa qaban agarsiiseera.

Angawoonni saamtotni kunneen hangam akka fudhatame sirriitti akka hin beekne himan, garuu miidiyaaleen Jarmanii akka tilmaamanitti hattoonni kun hanga Yuuroo miiliyoona 100 (Paawundii miiliyoona 87) hatamuu akka hin oolle gabaasan.

Suuraa fi viidiyoon kaameraa nageenyaa buufata konkolaata keessa jiru irraa gadhiifameera.

Namoonni suuraawwan irratti mul'atan haguuggii fuulaa uffataniiru.

Konkolaataa lama (Audi RS6 gurraachaafi Mercedes adiin ) gabateen sobaa itti maxxane fi saamtootni kunneen ofanis adda bahaniiru.

Saamichi raawwatamuun kan barame Mudde 19 wayita sagaleen balaan ibiddaa kan biraa sagalee dhageessisetti ture.

Yeroo namoonni abidda dhaamsan baankii kana gahan ''akka hin taane tatta'ee'' akka ture gabaafameera.

Ministirri Biyya Biyya Keessaa kun meeshaaleen kuma 500 ol asii fi achi faca'anii waan turaniif bakka balfi itti gatamu fakkaata ture jechuun ibsan.

Hattoonni kunneen saanduqawwan faayaafi maallaqa kana banuun erga keessaa fudhatanii booda lafatti gadi jijjigsuu gabaasni poolisii ni mul'isa.

Qabeenyi hatame kunneen kan eenyuu akka ta'e adda baasuuf yaalii taasifamaa jira. Saamichi kun erga labsamee booda maamiltoonni baankii 200 ol bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamaniiru.

Meeshaaleen kunneen saamtonni bishaanii fi keemikaala itti naquun miidhamuu isaanii gabaasni poolisii ni mul'isa.

Qabeenyi kam kan eenyuu akka ta'e adda baasuuf yaalii taasifamaa jira. Saamichi kun erga labsamee booda maamiltoonni baankii 200 ol bakka balaan kun itti dhaqqabetti argamaniiru.

Maamiltoota kanneen keessa tokko Johachim Alfred Wagner kan umuriin 63, warqee fi faaya maatii isaa(abbaa fi akaakayyuu isarraa aragte) Yuuroo kuma kudhaniin lakkaa'amu dhabe jedhe.

Manni jireenyaa isaa yeroo hedduu cabsamuuf erga yaalamee booda baankitti saanduqa kuufamaa meeshaalee kanakireeffatee ture.

Meeshaaleen isaa gatii guddaa qaban baankii keessatti nageenya akka qabaatan amana ture. Amma garuu gaafan hatamuu isaa dhaga'u ariinan boo'e jedhe.

Baankichi akka jedhetti tokkoon tokkoon saanduqa kuufamaa yeroo baayyee hanga Yuuroo 10,300tti inshuraansii qaba.

Waagner maamiltoota jalqabaa baankii kana himatan keessaa tokko. Abukaatoon isaa Daani'eel Kuhlman baankichi eegumsa laafaa waan qabuuf maamilli isaa rakkoo kanaaf saaxilamuu morman.

Maamilli biraa ammoo maallaqa Yuuroo kuma 400 gurgurtaa mana jireenyaa irraa argame sooramaaf qusate samame.

Baankichi mataan isaa yakka kanaan miidhamaa ta'uu ibseera. Garuu yakki akkasii akka irratti hin raawwatamneef ''teknooloojii ammayyaatiin akka eegamu'' ibseera.

Maamiltoonni gariin waan saanduqa isaanii keessa kaa'an tokko tookoo isaaf nagahee qabu. Kaan immoo hin qaban.

Ministirri Dhimma Biyya KeessaaHerbert Rehul baankii illee waan saanduqawwan keessa jiru hin beeku. Tokkoon tokkoon namaa waan barbaade achi keessatti kuufachuu danda'a.

Miidhaan xiinsammuu maamiltoota baankichaa irra gahe guddaa ta'uu ibsuun, "gargaaruu qabna" jedhan.

"Namoota baay'eedhaaf kun maallaqa dhabuu qofa miti. Miira nageenya isaanii fi amantaa baankicha irratti qaban dhabaniiru"

Hogganaan poolisii Tim Frommeyer akka jedhanitti, seenaa Kaaba Raayiin-Westfaaliyaa keessatti dhimmoota yakkaa gurguddoo keessaakun saamicha isa guddaa ta'uu ibsan.

"Dhimmi kun hangam hamaa akka ta'e kutaan poolisii fi hojjettoonni keenya ni hubatu. Miidhaan maallaqaa qaqqabe guddaadha. Shakkii fi aariin uumameera," jedhan.

Saamichi kun erga dhaga'amee booda paartiin AfD Jarmanii kan mirgaa fagoo ta'e waajjira muummee baankii kanaatti mormii ummataa waamee ture.

Namoonni hedduun mormii kana jeequmsa kakaasuu waliin walqabsiisaniiru.

Gabaasni gaazexaa Jarmanii 'Der Spiegel' jedhamu hanni kun siyaasaan kan ka'e ta'uu ibseera.

"Dhaabbileen nageenya eeguu waan dadhabaniif namni itti gaafatame hin jiru," jechuun ibsan.