Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen guyyoota muraasa dura irra gahame cabuu Bataskanni Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa hime
Bataskana Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti waldhibdeen mudate mariin furamee guyyoota lama booda waliigaltichi garee tokkoon cabe jechuun abbootiin amantii Bataskanichaa himatan.
Hoji-gaggeessan mana lubummaa bataskaanicha Abuna Abirahaam fi Barreessan Sinodoosiii Bataskaanichaa Abuna Pheexiroos kaleessa ibsa wayita kennan, abbooti Bataskanichatti deebi’anitu waliigaltee cabse jedhan.
Hoggantoonni mana amantichaa kun akka jedhanitti, abbootiin amantaa bataskaanicha keessaa bahuun muudama kennan, ammas dhimma deebii irratti argatanii fi muudamicha ilaalchisee qanoonaa mana amantichaa fi waliigaltee irra gahame cabsan jechuun himatan.
Abuna Abirahaam, waliigalteerra gahamee guyyaa lama booda ‘’dhimmoonni abbootiin bataskaanicha akka deebi’an murtaa’e dubbatan gurraaf kan hin tolle, bataskaanicha addaan kan qoodu, abbootii fi ijoolleesaanii kan waldhabsiisu,’’ jedhan.
Abboota amantaa naannoo Oromiyaa keessatti muudama kennan keessaa Abbaa saariwoos mana amantichaa keessa loogummaan sanyii, malaammaltummaa fi siyaasni hamaa tahe akka jiruu fi mootummaanillee callisuu akka hin qabne yeroo dubbatan dhagahamaniiru.
Barsiisaa Diyaaqon Daani'eel Caalaa BBCtti akka himetti, gaaffiin keenya deebii guutuu argata jennee amanna. Muudamni kenname raggaasifamuu qaba malee haqamuu hin qabu. Kun icciitii muudama lubummaa waann taheef irra deebiin kan kennamu miti,'' jedhan.
Murtee guutuun kan beekamu yaa'ii waliigalaa Sinodosicaaa ji'a Caamsaa keessa gaggeeffamu irratti akka tahe himeera.
Abbaa saariwoos jalaa manni jireenyaa isaanii saamsamee ture. Haa tahu malee, deebisanii bananis ammayyuu bakkuma achii bahanii turan jiru malee hin deebine, gaaffii uummataa hanga deebi'u eeguun qaba jedhanii turan jedhe Daani'el.
Abbootiin mana amantichaa sadii bataskanaa Ortodoksii Itoophiyaa keessaa akka bahan itti murame ture bakka argamitti ibsi kennamuun miidiyaa hawaasarratti gadhiifame keessatti yaada irratti waliigalame mormuun ibsame.
Ibsa kenname sana keessatti, abbootii sadan Iphis Qophosatiin muuduun seeraafi ittiin bulmaata mana amanticha bu’uureffachuun raawwatamuu, muudamni kenname kan mulqamu otoo hin taane, akkuma jirutti akka turuufi mariin akka irratti gaggeeffamu waliigalame jedha.
Dhimma kana ilaalchisuun Abuna Abirihaam akkas jedhan:’’Sinodoosii haaraa jedhanii maqaan addatti gargaaramaniin ibsa kennanii jechuun cinatti ’’ muudama Iphis Qophosaatii waliigaltichaan haqame ykn diigame ta’u otoo beekanii sarbamiinsa raaawwatan,’’ jedhan.
Abuna Abirihaam itti dabaluun, rakkoo mana amantichaa hiikuu keessatti hirmaachuun waliigalticha kan dubbisanillee otoo hin hafiin walta’iinsaan ''waliigaltee cabsan'' jedhani.
Abuna Abirihaam, haalichi dhimma amantii ta’uurra darbee bifa siyaasaa qabate jedhan.
Abbotiin bataskaana Ortodoksii keessa akka bahan mana amantichaatiin murteen irrratti darbee ture ibsa Iphis-Qophosaatiin 26 muudan fudhatama argachuu ibsan keessatti Sinodoosii haaraa jechuun of waama turan jechuun himatan.
Ibsa kennamerratti seerrii fi sirni bulchiinsa mana amantichaa sarbamuu, akkasumas waliigalteen qondaaltoota mootummaa fi jaarsolii duratti seename cabuu isaaf’ qaamni dhimmichi ilaallatu’’kaana caala ni gaha ‘’ jechuuni qaba jedhan.
Phaaphaasonni sadii gaaffiin Bataskana Ortodoksii Itoophiyaaf dhiyeessan fudhatama dhabu eeruun, Iphis Qophosatii 26 muudu hordofee, waldhibdeen mana amantichaa keessatti mudate ture.
Muudama sana hordofee Sinodoosiin bataskanaa Ortodoksii seeraa fi sirna ittiin bulmaata maa amantichaa sarban jechuun mana amanticharra fo’uutu yaadatama.
Waldhibdee bataskaana Orotodoksii keessatti dhalate sana MM Abiyi Ahimad, qondaalonni olaanoo fi jaarsolii biyyaa waliin waldhibdee abbootii amantii battaskanichaa giddutti dhalate mariin hiikamuun himamee ture.