Qondaaltonni waraana Yugaandaa yeroo Al-shabaab haleellaa irratti bane baqatan hojiirraa ari'aman

Loltoonni Yugaandaa 50 ol ajjeefamanii ture

Madda suuraa, AFP

Manni-murtii waraanaa Yugaandaa qondaaltota waraanaa lama kan Caamsaa darbe Somaaliyaa buufata waraanaa Gamtaa Afriikaa irratti yeroo hidhattoonni Al-Shabaab haleellaa raawwatan sodaatanii baqatan jedhamuun hojiirraa akka ari'aman itti murteesse.

Majeroonni lama- Zaadook Aboor fi Joon Olukaa wayita hidhattoonni al-Shabaab Buloo Mareer, kan Magaala guddoo Somaaliyaa irraa gara kibbaatti argamtu keessatti wayita haleellaa irratti bananitti ni baqatan jedhame.

Haleellaa hidhattoonni al-Shabaab buufata waraanichaarratti bananiin yoo xinnaatte loltoonni Yugaandaa 50 ajjeeffamuu aanga'oonni himanii ture.

Loltoonni Yugaandaa haaluma qaama humnoota Gamtaa Afriikaatti hidhattoota al-Shabaabii, kan garee al-Qaa’idaa waliin hidhata qabuu, waraanuuf mootummaa Somaaliyaa gargaaraa biyyattiiitti bobbaafaman.

Haleellaan hidhattoota kanneen buufata waraanaa Buloo Maareer irratti raawwatan kunis, kan erga gareen humna Gamtaa Afriikaa bara darbe Al-Shaabaab irratti haleellaa haaraa eegalee as haleellaa isa cimaadha jedhameera.

Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveniin deebii waraanni isaa haleellaa isaan mudatee ture sanaaf kennaniin qeeqaniiru.

Manni-murtii waraanaa Yugaandaa Moqaadishoo keessatti argamu, qondaaltonni waraanaa kunneen waa’ee haleellaa irratti raawwatamuuf ture ilaalchisee akeekkachiifni kennamuufilleen garuu tarkaanfii ittisaa akka hin fudhanne dhagahe.

Yeroo hidhattoonni Al-Shabaab buufaticha irratti haleellaa raawwatanittis, loltootasaanii walitti qabuu dadhabuudhaan gara buufata gara biraatti baqatan.

Kanaan walqabatees qondaaltoonni lamaanuu waraanicha keessaa hari’ataman.

Akkasumas, qondaaltonni waraanaa gara biraa afur ammoo meeshaalee waraanaa ittisuu dadhabuusaanitti baleessaan itti murtaa’eera.

Humnootiin Gamtaa Africaa 19,000 kanneen bara 2007tti Somaaliyaatti bobbaafamanis Al-Shabaab magaaloota hedduu keessaa akka bahaniif gochuurratti deeggaraniiru.

Itti-gaafatamummaa nageenyaa humnoota mootummaa Somaaliyaatti dabarsuun biyyattii keessaa bahuudhaaf bara dhufutti karoorfameera.

Haata’u malee, ammatti haleellaan al-Shaaba irratti gaggeeffamu dhaabbatulleen garichi garuu kutaalee baadiyaa biyyattii hedduu to’ateera.