Carraa fi lakkoofsi dubartoota ummata duratti gaaffii gaafatan maaf xiqqaata?

Sagantaawwan kallattiin namoonni itti hirmaatan irratti, gaaffiiwwan gaafachuudhaan dubartoonni dhiiraan baayyee caalamu. Isayyu kan nama ajaa'ibu ammoo amala kana cabsuun rakkisaa ta'uusaati.

Kilaawudiyaa Amoond muuxannoo waggaa dheeraa qabduufi dhimma kana waggootaaf hordofteetti akka itti aanuutti kan qopheessan.

Ani waggoota dheeraaf sagantaa raadiyoo baayyee dhiyeesseera. Hordoftoota hedduu dura dhaabbadhees waltajjiiwwan ummataa gurguddoos gaggeesseera.

Qophiiwwan akkasii kanarratti dhumarratti gaaffiifi deebiin baayyee barbaachisaa waan ta'eef namoonni bilisa ta'anii gaaffii murteessaadha jedhan akka gaafatan jajjabeessuun jaalladha.

Haata'u malee, akkas akka namoonni gaafatan cimsee jajjabeessee booda yeroo namoonni hedduun gaafachuuf harka baasan dubartoota caalaa dhiirota ta'een arga. Keessumaa, jalqaba harkai bahu hunduu kan dhiirotaati.

Kun maaliif ta'a? Dubartoonni gaaffii hin qabanii? Dhumarratti yeroon dubartoota gaafadhus gaaffii gaafachuu barbaadan ni qabu garuu hin gaafatiin hafu.

Muuxannoowwan akkasii waggaa dheeraan arge akkan ragaa jiru ilaalu na taasise.

Dhimma kana ilaalchisuun qorannoowwan gaggeeffaman baayyeen isaanii hordofotoota konferaansii dhimma akaadamiirratti daawwachuun kan gaggeeffamanidha, ta'us garuu ammallee kan agarsiisu ni qaba.

Ragaan jiru akka agarsiisuttis muuxannoo ani qabus kan adda ta'e miti. Duudhaadhuma jirudha.

Fakkeenyaaf, qorannoon Shoshaanaa Jaarvis Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Barkilee irraa bara 2022 maxxanfame, konferaansii hayyoonni akka Baayoloojii, Astiroofiisiksiifi Ikonoomiksii hirmaachise ilaaleera.

Konferansiin akkasii kun yoo gaaffii kan qabdu taate bakka teessuu kaatee fuulduratti ba'uun hiriirtee bakka namni kamiyyu si argu dhaabbattee maayikiraafoonii qabattee gaafatta.

Namoota konferesii akkasii kanarratti ba'anii gaafatan keessaa %63 dhiirotadha. Gaaffii gaafataman keessaas %78 kan gaafatame dhiirotaanidha.

Qorannoo Yunivarsiitii Kollejjii Landan irraa Aleeciyaa Kaarteriin hojjette kan seminaarri akadamii muummeewwan 250 biyyoota 10 hirmaachises kanuma fakkaata.

Reeshiyoon dhiiraafi dubartootaa konferaasiirratti hirmaatan giddu-galeessaan walqixa ta'us dubartoonni gaaffii gaafatan kan dhiiraa harka lamaafi walakkaatiin gadi akka ta'e argatteetti.

Kanaaf, dubartoota maaltu akka hin gaafanne dhorke?

Gaaffii gaafatan dhabanii hin fakkaatu. Aleesiyaa Kaarter deebiiwwan namoonni 600 biyyoota 20 keessaa kennan xiinxalteetti. Yeroo tokko tokko lamaanuu-dhiironniifi dubartoonni gaaffii gaafachuu barbaadan tokko sammuu keessaa qabaatanis gaafachuuf fedha hin qaban.

Haata'u malee, gaafachuudhaaf ija hin jabaannu ykn ni sodaanna kan jedhan keessaa garri caalan dubartootadha. Dubartoonni yeroo gaafannutti tarii akka hin taanetti hubannee laata jechuun sodaatu.

Yookaan ammoo abbaan waltajjii ykn namni gaaffiin dhiyaatuuf baayyee beekamaa ykn kan nama salphisu ta'a yookaan ammoo ofiidhumasaaniiyyu gaaffii gaarii gaafachuudhaaf cimoo akka hin taanetti of yaadu.

Namni kamiyyu namoota dhibba sadii duratti gaaffii gaafatee 'elaa nama waan jedhame hin hubatiin hafedha' jedhamuu hin fedhu. Kun garuu akka qorannoon kun agarsiisutti harka caalu dubartoonni akka gaaffii hin gaafanne kan taasisudha.

US keessatti Jaavis akka qorannoon argattetti, dubartoonni gaaffii gaafachuudhaaf baayyee akka sodaatan dubbatu. Dhiironni garuu nuti qofa gaaffifi deebii dhuunfachuu hin qanu jechuun gaafachuurraa duubatti akka jedhan himu.

Dhiironni dubartoota caalaa dachaa lamaakka jedhanitti, gaaffii gaafachuuf kan isaan kakaasu dogoggorri akka uumameeru yeroo itti dhaga'amudha.

Dhiironniifi dubartoonni gaaffii akkamii akka gaafatan qorannoon ilaaleera.

Yeroo tokko tokko dhiironni gaaffiiiwan dheeraa ykn takkaatti gaaffii tokkoo ol gaafatu jedhama.

Haata'u malee, Yunivarsiitii Saasaksirraa Giliyaan Saandistormgaaffilee 900 ol konfiraansiiwwan ykn festivaaliiwwan ummataa 160 xiinxaltee saalarratti hundaa'uun garaagarummaan akka hin jirre argatteetti.

Dubartoonnis akkuma dhiirotaa gaaffiin gaafatan dheeraa ykn baayyee yeroon itti ta'e jira.

Amaloota gaaffii biroo kan akka gaggeessaa nagaa gaafachuu, deeggaruu ykn of beeksisuutiin garaagarummaan dhiirotaafi dubartoota gidduu jiru dubartoonni gaggeessaa nagaa gaafatu.

Kanaaf, garaagarummaan jiru tokkichi eenyuti gaafachuuf fedhii qaba isa jedhudha.

Nama hundaaf gaaffii gaafachuuf yeroon hin jiru jedhamuu mala; yeroo akkas ta'u namni gaafatu dhibuun rakkoo hin qabu.

Rakkoo kan ta'u, yeroon gaaffii jiraatee hirmaattota keessaa walakkaa kan ta'u [dubartoonni] gaafachuu sodaatu ta'e gaaffii bifa gara garaa qabuufi dhimmoota gara garaa irratti xiyyeeffatu argachuu qabdu dhabuu dandeessa.

Kanaaf, ammallee qorannoon dhiirotaafi dubartootarratti xiyyeeffachuu qaba. Kana malees, gareewwan ummataa bakka bu'aa hanga maluu gadi qaban ykn dhiibamoo ta'anis gaaffii deebii irratti argachuu qaban gaafachuurraa duubatti jedhanis ilaalunis gaarii ta'a.

Bakka hojiitti, gaaffii gaafachuun akka beekamtu si taasisa. Hojiiwwan hunda caalaa filatamu argachuudhaafis mullachuun murteessaadha.

Qorannoo Faransaay keessatti qorattuun Juhaanluu Zhaang akka jettutti, namoonni yeroo baayyee maqaa namoota gaaffii baayyisanii yaadatu. Kana jechuun ammoo maqaan namoota akkasii yeroo hunda gaarummaatiin qofa yaadatama jechuu miti. Tarii dhaabbataadhaan gaafiiwwan gaafachuutiin nama aarsuutiin yaadatamuullee danda'u!

Rakkoon biraa akka lakkoofsi dubartoota gaaffiiwwan gaafatanii xiqqaatu taasise, yeroo barumsa baratanitti nama adda ba'ee fakkeenya isaaniif ta'uun gaaffii gaafachuu hin sodaanne irraa baratan dhabuudha.

Dubartoonni gaaffii qabaannaan akka gaafatan gochuuf maaltu ta'uu qaba?

Weerarri addunyaa mudate hanga tokko fuulduratti akka tarkaanfannu nu taasiseera. Yeroo dhibeen addunyaa weeraretti wanti baayyeen akka fageenyarraa karaa toora interneetiin (online) ta'u dirqisiise.

Kun ammoo osoo jecha tokko hin dubbatiin ykn hin dhageessisiin gaaffiiwwan gaafachuuf carraa haaraadha. Carraa kanaan namni gaaffii qabu karaa 'chaat boksii', yeroo tokko tokko osoo ofiyyu hin beeksisiin gaaffii ergachuu danda'a.

Harka baasuuf yeroo mijataa eeguun hin barbaachisu, gaaffiin kiyya ni fudhatamamoo hin fudhatamu jettee yaadda'uus hin barbaachisu, maayikiin ni hojjetamoo hin hojjetu jettee yaadda'uunis hin barbaachisu.

Osoo namni hunduu na ilaalaa jiruu yoon gaaffiikoo caccabsee jettees dhiphina hin qabu. Ati appilikeeshinii kanaan gaaffii hanga barbaade gaggeessaa waltajjiif erguu ni dandeessa.

Juhaanluu Zhaang qorannoo Faransaay keessatti gaggeessiteen, yeroo konferansiin qaamaan argamuun ta'uufi karaa toora inteneeii ta'utti hirmaannaan dubartootaa wal tara.

Yeroo konferansiin karaa toora interneetaa ta'utti gaaffii keessatti hirmaannaan dubartootaa kan dhiirotaa waliin walqixatti dhiyaata.

Haata'u malee, dhiironni umuriin warra kaan caalan bakka jiranitti hirmaannaan dhiirotaa gaaffii baayyisuurratti ammallee ni caala. Kana jechuun, buleessa ta'uun garaa garummaa ni uuma jechuudha.

Akka amantaa Saandistoormitti, namni waltajjii qabate ykn gaggeessu akka namni itti tolee gaaffii gaafatu gochuu keessatti gahee ni qabaata.

Akka qorannoo Zhaangitti, saalli nama waltajjii gaggeessuu dhiibbaa hin qabaatu. Haata'u malee, saalli nama waltajjii gaggeessuu waan fedhe ta'us, tarsiimoowwan gaggeessaan waltajjii fayyadamuu danda'u garaa garummaa uumuu danda'u.

Akka qorannoon mul'isutti, yoo dhiirri tokko gaaffii isa jalqabaa gaafate, dubartoonni muraasni itti aansanii gaafachuun jira. Kun ammoo haalli jiru miira akkaataa jalqabeetiin akka deemu taasisuu uuma.

Kanaaf, tarii furmaata kan ta'u gaaffii jalqabaa dubartiin akka gaafattu gochuudha. Dubartii keessaayyu kan umuriin hin deemiin yoo ta'e caalaa filatama. Kun kan ta'uu danda'u yoo dubartoonni halfii ta'an jiraatanidha.

Yoo dubartiin tokkollee gaaffii gaafachuu hin barbaadne, ani yeroo baayyee hirmaattotattin waa'ee qorannoo dhimma kanarratti gaggeeffameen sirriitti ibseefan ifatti dubartoonni gaaffii jalqabaa akka gaafataniif nan hafeera.

Qorannoomti kun filannoon akka jiran mul'isa – yeroo gabaabaa gaggeessaa adda duree ykn hirmaattota waliin yerooboqonnaatti osoo sagantaan gaaffiifi deebiin hin jalqabiin dura qabaachuudha.

Kun namoonni akka waa'ee gaaffii isaanii madaalaniif isaan gargaara. Namoota bira taa'an ykn walitti dhufan waliin gaaffiiwwan isaanii kaasuun madaallachuu danda'u.

Ani kana kan yaale yoo ta'u, tooftaa akkasiitiin gaafiiwwan caalaa argachuu dandeessa. Sababiin isaas, namoonni gaaffiin qaban baayyee kan hin malle ykn yeroo namni qalbiin hin hordofiin kan irratti dubbatame ta'uu adda baafatu.

Dubartoonni gaaffiiwwan caalaa kan gaafatan yeroo sagantaan dheeraa ta'etti akka ta'es qorannoon ni mul'isa. Kun ammoo hirmaattonni yeroo akka argatan waan taasisuuf jedhama.

Ammatti, qorannoo dhimmoota akaadaamii keessatti hojjetamerratti hundoofna. Haata'u malee, argannoon qorannoo kun walga'iiwwan ummataarrattis tokko akka ta'e beekuun barbaachisaa ta'a.

Waltajjiiwwan ummataarratti hirmaannaa dubartoonni gaaffii gaafachuu keessatti qaban baruun ammoo dubartoota qofa gargaaruuf osoo hin taane qaamota dhiibamneerra jedhaniifi afaan ittiin dubbatannu hin qabnu jedhanii yaadan gargaara.