Duulli haleellaa Yukireen eegalte fashalaa'aa jira - Putiin

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin duulli 'deebisanii haleeluu' Yukireen gaggeessaa jirtu fashalaa'eera jechuun, dhumaatii loltootasaaniirra ga'aa jiru osoo hin eerin darban.

Pireezidanti Putiin wayita gaazexeessitoota dhimma waraanaa qofa gabaasan Moskootti dubbisan ture, haleellaan Yukireen eegalte fashalaa'uu fi 'balaa hamaaf' ishee saaxilaa jiraachuu kan dubbatan.

Wanti Putiin dubbatan dhugummaansaa qaama walabaan hin mirkanoofne.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii ammoo duulli haleellaa gaggeessaa jiran fashalaa'aa jira osoo hin taane milkiirra jiraachuu himu.

''Gara fuul-duraatti milkaa'inaan deemaa jirra,'' jedhan Zeleniskiin ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin.

Ajajaa Olaanaan Humna Waraanaa biyyattii Vaalarii Zaaluzhinii ''Akkaataa karoorfanneen fuul-duratti deemaa jirra. Milkaa'ina galmeessines qabna,'' jechuun karaa Telegram isaanii ibsan.

Yukireen haleellaa Raashiyaa ofirraa qolachuuf deebistee duula haleellaa kan eegalte dhihoodha.

Garuu gama baha Doonesk fi Kibba baha Zaapporeezhiyaatiin haga tokko milkaa'aa jiraachuu himti.

Aab Zeleniskiin humni isaanii gara bulchiinsa Baakmuut imalaa jiraachuus ibsaniiru.

Haalli naannoo sana jiru hagas mara ifa miti, Kiiv fi Moskoon bakkeewwan to'atan himachuurraa kan hafe wanti ifatti beekamu hin jiru.

Qondaalli olaanaa Nato Jens Stoltenberg Yukireen duula ofirraa qolannaa erga eegaltee guyyoota muraasa ta'us, loltoota Raashiyaa of duuba deebisuurratti haga tokko milkaa'aa jirti jedhan.

''Kan nuti hubannu Yukireen hanguma lafa ishee hedduu deebistee to'attu, waltajjii haasaa irratti falmachuufis humna godhatti,'' jechuun Waayit Haawusitti Pireezidant Joo baayidanitti himan.

Pireezidanti Putiin duula kanaan Yukireen taankiiwwan waraanaa 160 dhabuu himan, kan saanii ammoo 54 qofa ta'uu ibsan.

Loltoonni Yukireen duula kana keessatti dhuman kan Raashiyaa harka 10niin caalas jedhan.

Kanaaf Kiiv ''gama hundaanuu hin milkoofne'' jedhan.

Putiin akka gaazexeessitoota waraanaatti himanitti, Raashiyaan waggaa darberraa eegaltee meeshaalee waraanaa oomishuu akkaan dabaltus, garuu gama meeshaalee quunnamtii, xiyyaarota waraanaa fi dirooniitiin hanqinni jira.

Pireezidanti Zeleniskiin qoqqobbiin Raashiyaarratti akka jabaatu ammallee gaafataa jiru.

Kibxata darbe Raashiyaan haleellaa magaalaa Karkiiv keessatti raawwatteen namoonni 11 ajjeefamuu fi hedduun madaa'uu kaasuun warra lixaa gargaarsa dabalataa gaafatan Zeleniskiin.

Guyyuma sana US gargaarsa meeshaalee waraanaa walumaagalatti doolaaraa miiliyoona 325tti tilmaamu Yukireeniif akka ergitu ibsite.