Arsenaal-Foorast: Morkii taphattoonni haaraa Arsenaal gahuumsa guddaa itti agarsiisan

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal ganna darbe baasii paawundii miliyeena 250 ta'u baasee taphattoonni jajjaboon inni bite barana abdii waancaa Pirimeer Liigii kennaniiruf. Tapha kaleessa direessaatti Nootinghaam Foorast 3-0dhaan injifaterratti taphattoonni haaraa bitaman gahuumsa guddaa agarsiisan.
Arsenaal taphattoota saddeet barana mallatteessise keessaa kaleessa shan hirmaachiseera: Viiktoor Gaayikoreesh, Noonii Maduweekee, Ebereechee Eezee, Maartiin Zubemeendii, Kiristiyaan Morqeeraa.
Taphattoota haaraa bitaman kanneen keessaa gahuumsa gadaanaa kan agarsiise hin turre.
Arsenaal taphattoota ciccimoo kanneen akka Bukaayoo Saakaa, Kaayi Haveertiz, Wiiliyaam Saliibaa, kaleessa daqiiqaa 18ffaarratti miidhamee kan bahe Odigaard dabalatee miidhaman dhabus, heddu hin rakkanne.
Maartiiz Zubimeendii kubbaa fageenyarraa rukuteen galchii jalqabaasaa Arsenaliif lakkoosise.
Eezeen ammoo kubbaa galchiif ta'u bareechee kennuun Gaayikoreesh lakkoofsise. Zubemeendiin kubbaa Tiroosaad irraa kennamte mataan dhahee galchuun kaleessa Arsenaaliif galchii 2ffaa lakkoofsisuun alatti taphataa cimaa taphichaa jedhameera.
Arsenaal barana jalqabumarraa akka dhayicha wayii taphattoonni heddu jalaa miidhamanis filannoo heddu qabaachuun isa fayyadeera. Taphoota afur hanga ammaa taphate keessaa sadi injifatee milkiin galeera.
Karra eegaa duraanii Niwu Kaasiliifi Maan Siitii kan ta'e Sheey Givan BBC Match of the Day waliin turtii taasiseen, Arteettan akka baranaa iskuwaadii cimaa qabaatee akka hin beekne hime.
"Arsenaal baasii heddu baase, garuu Arteettaan akka bara kanaa iskuwaadii cimaa ta'e qabaatee hin beeku. Kuni waancaa Pirimeer Liigii injifachuuf carraa guddaadha. Kana gochuuf [Arteettaan] kana itti amanuu qaba, taphattoonnisaas kanatti amanuu qabu," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal taphattoota murteesoo akka Saakaa, Haveertiz, Saaliibaa miidhamaan dhabus bakka saanii taphattoonni haaraa galan gahuumsa guddaa agarsiisan.
Bakka Saakaa hiriiree kan taphate Maaduweekeen kaleessa farduma hidhaa hiikamee gadi lakkifame ta'e- qe'ee Nootinghaam Foorast jeeqaa oole.
Bara darbe Arsenaal sababa miidhama taphattoota jajjaboo ta'aniin dhumarratti Liivarpuuliif harka laate. Barana dogoggora sana irra deebi'uu hin barbaadu.
Arteettaan taphattooni akka Saakaafi Saliibaa fa'aa dafanii miidhamarraa akka bayyanatiif ni barbaada; garu bakkasaanii filannoon inni qabu warra isa qaanessan hin fakkaatan.
Noonii Maaduweekee gahuumsa tapha Foorast irratti agarsiiseen yoo itti fufe, bakka Saakaa dhaaluunsaa hin oolu jedhama.
Eezenis gahuumsa cimaa agarsiisuu bira darbee kubbaa galchiif ta'u Gaayikoreeshiif kenneera.
Arteettaan waa'ee taphichaa gaafatamee, taphattoota kanneen mallatteessisuun filannoo sirrii akka ta'e hime.
"Osoo [taphattoota] kanneen mallatteessisuu baannee, miidhama amma qabnu kanaan...haala rakkisaa keessa galla turre.
"Filannoo baay'ee waan qabnuuf baay'ee gammadeera," jechuun gahuumsa gareensaa agarsiisetti gammaduu ibse Arteettaan.
Arsenaal bori, Fulbaana 15, gara Ispeen imaluun kilaba Atileetik Bilbaawoo waliin Shaampiyoons Liigidhaaf morkata.
Dorgimmiiwwan akka Shaampiyoons Liigii fa'aarratti hirmaachuun garichi taphattoota heddu mallatteessisuuf dirqama akka ture hima Arteettaan.
"Taphattoonni bara kana taphoota 70 ykn 74 taphatu," taphattooni muraasi qofti tapha kana hundarratti hirmaachuun akka isaan dadhabsiisu hime.
Taphataa sarara ittisaa duraanii Arsenaal kan ta'e Maartiin Keewoon gareen Arsenaal amma ijaare sodaachisaa akka ta'e hima.
"Gahuumsa taphattoonni agarsiisan yoo ilaalle, Arsenaal cimina sodaachisaa irraa argine. rsenaal irraa kan argine cimina sodaachisaadha. Bara darbe Saakaa, Haveertix miidhamuun rakkoo ture, barana rakkoon sun hin jiru," jedhe turtii TNT Sports waliin taasiseen.
Dabaluunis Maaduweekefi Ezeen tapha Foorast irratti gahuumsa ajaa'ibaarra akka turaniifi Kiristiyaan Moskeeraa gahuumsi inni bakka Saalibaatti agarsiise ajaa'iba akka ta'e taajjabbiisaa ibse.
"Ammatti Arsenaal baay'ee cimaadha," jedhe.
'Maaduweekeen adda ture'
Arteettaan hanga kaleessatti Eezee, Maaduweekefi Gaayikoreesh wal-faana hiriirsisee hin taphachiisne.
Eezeen sa'aatii guutuu kan taphate yoo ta'i, galchii tokko Gaayikoreeshiif mijeessee kenneera.
Maaduweekeen galchii lakkoofsisuu baatus Foorast hunkuraa oole.
"Taphattoonni haaraan hirmaatan shananuu ajaa'iba turan, baay'ee itti gammadeera," jedhe Arteettaan.
"Noonii [Maaduweekee] ammoo adda ture," jechuunis jaje.
Taphataan ganna 23 kun torbee darbe garee biyyaalessaa Ingilaandif taphatee galchii lakkoofsiseera. Kaleessa ammoo taphataa sarara ittisaa Foorast kan ya'e Murillootti qormaata ta'ee ture.
Boodarra leenjisaan garichaa Poost Koguluun Maaduweekee akka dhaabuuf Niikoo Wiiliyaams mirgarraa gara bitaa dhufee akka taphatu godhe.












