Miseensi paarlaamaa Dassaaleny Caannee filannoo keessaa of baase

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Walga'iiwwan mana maree bakka bu'oota uummataa yeroo gaggeeffaman gaaffilee fi qeeqa jajjaboo kaasuun kan beekamu miseensi paarlaamaa Dassaaleny Caannee filannoo waliigalaa torbaffaa as adeemaa jiru irratti akka hin hirmaanne ibse.

Miseensi paarlaamaa kun murtee isaa kanaaf akka sababaatti kan eeru ''haalli mijataan filannoo walabaa, haqa qabeessaa fi naga qabeessa gaggeessuuf dandeessisu'' dhibuudha.

ALI bara 2013 filannoo waliigalaa irratti paartii morkataa Sochii Saba Amaaraa (ABIN) bakka bu'uun paarlaamaa kan seene Dassaaleny, murtee kanarra ga'uu Jimaata, Guraandhala 6, 2026 ergaa Facebook irratti maxxanseen beeksise.

Miseensi paarlaamaa Dassaaleny Caannee filannoo waliigalaa ja'affaarratti magaalaa Baahirdaar bakka bu'uun erga filatamee booda jalqaba bara 2014 (ALI) irraa eegalee hanga ammaatti miseensa paarlaamaa ture.

Miseensi mana maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa kun filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffamuuf deemuuf kaadhimamaa ta'ee dhihaachuu fi dhihaachuu dhabuu ilaalchisee filattoota, deeggartoota fi miidiyaalee irraa irra deddeebiin gaaffiin dhihaataafii akka ture hime.

Sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Itoophiyaa baase keessatti akka ibsametti galmeen kaadhimamtootaa ALI Amajjii 1 eegale Dilbata dhufu gaafa Guraandhala 1 xuurame.

Kanaan dura hanga dura taa'aa ta'uutti ABIN dursaa kan turee fi boodarra kan keessaa ba'e miseensi paarlaamaa kun, paartii biraa bakka bu'uun filannootti dhihaachuu ilaalchisee gaaffiin yeroo adda addaatti dhihaachaafii akka ture ibseera.

"Paartileen tokko tokko, Finfinnees ta'e Baahirdaar, bakkan fedhetti kaadhimamaa ta'e akkan dhihaadhu carraa naaf kennanii turan,'' jedhe.

Yaada dhuunfaadhaan dorgomuufis "sirriitti itti yaaduu" ibse.

"Ta'ullee filannoo marsaa 7ffaa dhufurratti akka kaadhimamaatti dhiyaachuu dhiisuuf murteessuu uummata koof iufatti beeksisuun barbaada" jechuun murtoorra gahuu ibse.

Dassaalanyi murtoo kanarra akka gahu kan isa dandeessise ijoon yeroo ammaa "haala qabatamaa biyya keenyaan wal qabsiisuun" jechuun ibse. Kanaa waliin wal qabsiisee dhimmoota lama akka sababaatti kaase.

Kan jalqabaa, "Filannoo walabaa, nagaa fi haqa qabeessa gaggeessuf haalli dandeessisu jiraachuu dhabuu" dha.

Dabalata turtiisaa paarlaamaa hanag yoonaatiin "Paarlaamaa keessa waggoota dabalataa shan turuun uummata kootiif faayidaa wayiituu akka hin qabne hubadhe"jedhe.

Barri hojii mana maree bakka bu'oota uummataa Waxabajjii dhufu " Hanga goolabamutti ji'oota hafanitti gahee bakka bu'ummaa uummataa" isarraa eegamu raawwachuun tajaajila isaa akka xumuru ibse.

"Gara fuulduraatti biyyaa fi uummata koo akkamiin tajaajiluun akka narra jiraatu kanan beeksisu ta'a" jedha Dassaalenyi.

Dassaalanyi hanga ammaa turtii isaa keessatti "deeggarsa hin qusatamne, kabajaa fi amantaa" narratti qabu agarsiisera jechuun "uummata magaalaa Baahirdaar, uummata Amaaraa fi lammiilee Itoophiyaatiif" galata galche.

"Waggoota darbaniif mana maree bakka bu'oota uummataa keessatti uummata kabajamaa magaalaa Baahirdaariin filatamee, bakka isin bu'ee, sagalee dhugaa keessan ta'uun isin tajaajiluu danda'uu kiyyaaf kabajatu natti dhagahama, isniniinan boona"jedhe.