UAEn michummaa Afrikaa cimsiteen maal barbaadaa jirti?

Nama qawwee qabatee jiru

Yunaayitid Arab Emireetis (UAE)n waggoottan kudhan darbe keessa fedhii dinagdeefi dhiibbaa Afrikaa keessatti qabdu dabalaa dhufeera. Kanaanis Afrikaa keessatti biyya gahee guddaa taphattu taatee as bahaa jirti.

Biyyattiin dhiibbaa biyyoota irratti qabdu cimsuudhaaf maallaqa dhangalaasuu dabalatee malawwan gara biraa fayyadamti. Biyyi Galoo Galaanaa boba’aan badhaate kun immaamata alaa dursa diinagdee (economy-first foreign policy) jedhu gaggeessiti.

Haaluma immaamata kanaatiin, dantaashee eeguuf biyyoota Afrikaa hedduu waliin hariiroo ittisaafi waraanaa qabdurratti dhiibbaa kan qabu yoo ta’u, isaan keessaa inni guddaan dantaa galaanaa tarsiimoo Galaana Diimaa fi dhiha Galaana Indiyaa keessatti argamudha.

Biyyii qabeenyaa boba’aatiin badhaate kun fedhii waraanaafi ittisaas qabdi. Keessattuu fedhiin Galaana Diimaa fi Galaana Indiyaarratti qabdu kanneen eeramanidha.

Hidhattoonni Huutii Yeman keessa buufatan dhiheenya kaan Galaana Diimaarratti haleellaa raawwataniiru. Akkasumas, rakkoo nageenyaa Ggaanfa Afrikaa fi naannoo Sahel keessatti raawwatamus dabaleera.

Taateewwan kunneen ammoo, UAE’f balbala dippilomaasii dugda duubaa fi hidhata humnoota mootummootaan alaa fi hidhata finciltootaa waliin wal qabatanii akka qabdu ka’aniidha.

Fakkeenyaaf, waliigalteen UAEn Rippabiliika Somaalilaand kan akka biyya walabaatti of ilaaltu waliin mallatteessiteefi deeggarsa biyyattiin Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) Sudaaniif taasifte ni eeramu.

Dhiibbaa UAE Afrikaa keessatti gochuuf yaaltu

UAE'n ifatti beekkamtii kennuu haa baattuu ykn ibsaa kennuu baattuulleen, fedhiin Afrriikaa keessatti dhiibbaa gochuu ni mul’ata.

Dhimmichi falmisiisaa ta’ulleen, UAEn Afriikaa keessatti gidduu seenuunfi ardicha keessatti fedhii qabeenyaashee eegsisuudhaaf humnoota addunyaa kan akka Chaayinaa waliin dorgomuun ardicha keessatti dhiibbaa uumuuf yaaluunshee hin oollee.

Haata'u malee, hawwiin kun dhiibbaa ji'oopoolitikaa hanga tokko qabaachuu danda'u. Afriikaa keessatti rakkoon tasgabbii dhabuu dabaluufi duubatti deebi'uu ammoo UAE irratti dhiibbaa qabaachuu mala.

UAEn fakkeenyaaf walitti bu’insawwan garaagara waliin wal qabatee akka ‘‘diinaatti’’ ilaalamuun ni ka’a. Fakkeenyaaf, maqaan al-Qaa’idaa waliin hidhata kan qabu al-Shabaab ka’u maqaan UAE ni ka’a.

Imaammata alaa UAE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yunaaytid Araab Emireetis gabaa, invastimantiifi pirojektoonni akka dabalan taasiftee jirti. Bara 2006 irraa kaaftee sochiileen naannawa buufataaleetti argaman dabaleera.

UAEn osoo humnootiin addunyaa kaan dhiibbaasaanii Afriikaa keessatti cimsuudhaaf fiigicha hin eegaliin dura ture yaaliishee kan eegalte.

Afriikaan sababii qabeenyaa umamaashee, jechuunis boba’aa, albuudaafi qonnaasheetiin ijji itti bayyateera.

UAEn imaammata alaa diinageef dursa kennu hordofti. Kunis qaama diinagdeeshee qabeenyaa boba’aarratti hundaa’e maddeen qabeenyaa kaaniitiin deeggaruuf yaalii taasiiftudha.

Akkasumas, walitti bu’insawwan ardicha keessa jirurraa walaba ta’uuf yaalii taasiifti. Haata’u malee, diinagdeefi faayyidaa buufataa hubannoo keessa galchuudhaan waliigaltee waraanaafi ittisa mallatteessuun ishee hin oolle.

UAE Gaanfa Afrikaa fi Qaxanaa Saahel keessatti shororkeessummaa, finxaalessummaa Isilaamaafi saamicha galaanarraa ittisuudhaaf jidduu ni galti.

Bara 2015tti Yamaniitti gamtaa Saawudiin durfamu keessaa harka qabdi. Yeroodhaa gara yerootti ammoo ala taa’udhaan deeggarsa taasisuurra gara kallattiidhaan dhiibbaa waraanaa taasisuutti dhuftee jirti.

Bara 2019tti gamtaan Saawudiidhaan durfamu keessaa baayyinaan bahuun ‘‘hidhattoota faallaa Huutii’’ ta’an deeggaruu eegaltee jirti.

Gama deeggarsa namoomaatiinis yaalii Afriikaa irratti dhiibbaa gochuuf taasifamu keessaa kan eeramudha.

Bu’uuraalee misooma buufataalee fooyyeessuudhaaf deeggarsa ni taasiifti.

Naannawa kanaanis dhiibbaan isheen gama jii’opolikaatiin qabdu guddachaa dhufeera. Haaluma wal qabatuunis, gaheen gabaafi daldala Afrikaa keessatti qabdu dabaleerra.

Buufataalee Afriikaa kan bulchu DP World

Madda suuraa, AFP

Afrikaa keessaa sadarkaa investimantii UAE

Maappii buufataalee afriikaa UAEn bulchiitu

Yunaayitid Arab Emreetis invastimentii Afrikaa keessatti gootuun sadarkaa arfaffaa irratti argamti.

Sadarkaan tokkoffaa hanga sadaffaa jiruuf kan Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Chaayinaan qabamedha.

Biyyoota Galoo Galaanaa keessaa Afrikaa keesstti invastii gochuudhaan UAEn sadarkaa duraarratti argamti.

Fedhii ummata biliyoona 1.5 Afriikaa keessatti argamu guutuudhaaf, dhiyeessiin anniisaa, misooma buufataalee, albuuda, qonnaa, bu’uuraalee misoomaa fi telekominikeshiniidhaan invastii godhameera.

Bara 2022tti Yunaayitid Arab Emreetis Afriikaa keessatti invastimantii alaa kallattii qabdi turte. Piroojektoonni 60nis diriirfamaniiru.

Biyyoonni dursarratti argaman sadan; Ameerikaa (pirojaktoota 93), Faransaay (pirojaktoota 78) fi Yunaayitid Kingdam (pirojaktota 64)dha.

Odeeffannoo FDI Maarkeetis baaseen, haalli yaa’aa kaapitaala Afriikaa doolaara biliyoona 49.9, akkasumas mindeessuu hojjattootaa namoota 18,600n dursaa kan jirtu UAEdha.

Misooma omisha midhaanii, dhiyeessitii nyaataafi dhugaatii, sukkaaraafi dhiyeessii mi’eessituuwwan kaanitiin invastimantiin dabaleera.

Sababii murtaa’ina lafa misoomaa biyyoonni Galoo Galaanaa qabaniitiin, wabii nyaata qaxanichaa mirkanneessuuf Afrikaa bakka nyaanni irraa argamu gochuuf yaaliin taasifamu agarsiiftuudha.

UAEn daldala Afrikaa hawwachuuf yaalii taasisaa jirti. Bara 2022tti dhaabbileen Afrikaa Chaambarii Addunyaa Dubaayiin galmaa’an 26,420dha. Chaambarichis biyyoota Afrikaa kan akka Johaansbarg, Naayiroobii, Maapuutoo fi Akiraatti biiroo qaba.

Kunis guddinni parsantaa 6.5 akka galmaa’u dandeessiseera. Buufanni Xiyyaaraa Dubaay- Jabaal Aliin, kan riqicha Afrikaafi Eeshiyaa ta’es haaluma kanaaniidha.

Tooftaa 'hidhata buufataalee'

Dhimmoota Yunaatid Arab Emireetis dursa kennituuf keessaa tokko dhimma buufataati.Xinxaltoonni akka jedhanitti, Yunaatid Araab Emireetis ''buufataaleetti fayyadamuun dhiibbaashee Afrikaarratti qabdu cimsaa jirti.''

Dhaabbanni Dubaay keessa buufate 'DP World' fi Abudaabiitti kan argamu kampaaniin 'Abu Dhabi Ports Group' kanneen adda duruummaadhaan dhimma buufataarratti hojjatanidha.

Dhaabbileen lamaan kunneen maatii mootii waliin hidhata akka qaban amanama. Buufataan alattis, bu'uuraalee misoomaafi diinagdee qaxanichaa kaan biraa irrattis invastii ni gooti.

Dhaabbanni DP World jedhamus bara 2006 irraa kaasee ture kan Afrikaa keessatti itti gaafatamummaa bulchiinsa buufataa kan fudhate. Yeroo sanattis bulchiinsa buufata konteenara Dooraaleeh Jibuutii fudhatee ture. Booda garuu bara 2018tti Jibutiin deebiiftee ofiin bulchuu eegalte.

Akkasumas, buufanni tarminaalii konteenara Maapputoo -Mozaambiik buufata gara biraa bulchiinsa Yunaayitid Araab Emreetis jala jirudha.

Buufataaleen biyyoota Afrikaa bulchiinsa DP World kana jalatti argaman kan biraa; buufata Aljeers, buufata Dajen Dajan (Aljeers) Buufata Sokhnaa, Daakaar, Nyaandee (Senegaal), Barbaaraa (Somaaliilaandi), Buufata Bosaasoo (Puutilaand), Kiigaalii (Riwaandaa), buufata Luwaandaa (Angoolaa), buufata Baanaanaa (DR Koongoo) fi buufata Komaatii (Afrikaa Kibbaa) ni argamu.

Kana malees, bara 2016tti kan invastimentii buufataalee Afrikaatti makame Abudaabii Poortis Giruup (Abu Dhabi Ports Group ) ammoo, buuftaalee Kaasimaar (Gaayaanaa), buufata Abu AMaan (Sudaan), buufata Saafaagaa (Masrii), buufata Paayiinti Nooyiir (DR Koongoo) fi buufata Daare Salaam (Taanzaaniyaa) bulchaa jira.

Akka gabaasa CNBC Caamsaa darbe baasetti, warqeen gara doolaara biliyoona 35'tti tilmaamamu Afrikaa keessaa seeraan alaa kan bahe yoo ta’u, kana keessaa %80 hanga %85 kan ta'u osoo gara biyya biraatti hin ergamiin dura gara UAE seena.