"Haadhakoo dura taa'ee nyaata nyaachuu nan qaanfadha"

Waa'ee qaama keenya fi maal akka fakkaannu ilaalchisee, yaanni namoonni nuti jaalannuu fi hiriyoonni keenya nuuf kennan, yeroo dheeradhaaf shakkii fi sodaa keessa akka jiraannu nu taasisa.

Ijoolleen qaama isaanitti sodaa malee akka ofitti amanan akkamitti gochuu dandeenya?

Mucaan durbaa wandaboo gabaabduu kaawwattee gammchuudhaan of duuba ilaalte. Hiriyoonni ishees gammachuu ishee kana qooddatanii, "Baay'ee bareedda!" jechuun jajan.

Booda kitaaba ishee fuutee osoo dubbistuu namoonni qaqal'oo ta'anii fi bineensonni babbareedon itti tolee osoo deemanuu argiti. Warri fufurdoo ta'an ammoo dadhaboo fi suutumee jedhamanii fakkii isaanii argiti. Yeroo tokko tokko maatiin ishee waa'ee furdina isaanii ykn qaama isaanii osoo yaadda'anuu argiti. Yeroo isheen umurii dargaggummaa geessutti, maatiin ishee namoonni miidiyaa hawaasaa irratti beekamoo ta'an waa'ee qaama ishee dhiibbaa irraan gahu jechuun yaadda'auu eegalan.

Haa ta'u malee ilaalchi isheen qaamaaf qabduu fi hawaasa biratti fudhatamummaan isaa yeroo isheen umurii daa'imummaa turte kan hidda fageeffate ta'uu ragaaleen qorannoo ni agarsiisu.

Waa'ee walitti dhufeenya qaama keenya waliin qabnuu ilaalchisee yeroo heddu gammachuun ykn gaddi qabnu eessaa akka dhufu kana jechuun rakkisaadha.

Dudduubatti deebinee bara ijoolummaa keenya yaadachuun yaada ykn ilaalcha namoonni waa'ee keenya nuun jedhan yaadachuu ni dandeenya. Tokkoon tokkoo waanta namoonni nuun jedhanii dhiibbaa homaa waan hin qabne nutti fakkaachuu danda'a.

Garuu, walitti kuufamaa deemun dhiibban inni egeree keenya irratti qabu baay'ee guddaadha.

Gileen Dooyil barreessituudha. Daa'imummaa isheetti waa'ee qaama isheetii dinqisiifannaa heddu hiriyoota ishee irraa akkamitti argataa akka turte ammayyuu ni yaadatti: "Fuula isaanii irraa nan arga. Baay'ee fuulli isaanii ifa, yeroo sana anaaf waanuma addaati," jechuun poodkaastii ishee irratti dubbatti.

Erga umuriin dulloomaa deemtee booda, dinqisiifannaan sun hundinuu ni hafe. Kuni gaafa ishee mudatu, addunyaan fuula akka irraa deebifate.

Yaanni namni daa'imummaatti bifa jajuutin ykn qeeqatiin waa'ee qaama keenyaa nutti himu, ilaalcha fi ofitti amanuu dhabuu keessaa bahuun rakkisaa ta'eef nama saaxila. Akka qorannoon agarsiisutti, dhiibbaan inni qabu baay'ee cimaadha.

Fakkeenyaf, waa'ee ulfaatina qaamaa ilaalchi maatin waa'ee keenya qaban ykn yaadni badaan namoonni nuun jedhan rakkoolee sammuu fi nyaatatan wal qabataniif nama saaxila.

Dabalataanis, ijoollee qaamni isaanii furdaa ta'e irratti qoollifannaan gaggeeffamu baaya'ataa dhufeera- akka isaan iddoo ofii hin kennine isaan taasisa, waa'ee qaama isaanis ilaalcha gaarii akka hin qabaanne isaan taasisa. Ijoollen waa'ee qaama isaanii ofitti amanamummaa akka qabaatanii fi namoota biroos gargaarudhaaf maatin fi warri deeggarsa namaaf godhan maal gochuu qabu?

Waa'ee qaama ofii qaanfachuun baratameeti malee kan uumamaa miti

Ilaalchi waa'ee qaamaa namni qabu yeroo garaa garaa fi aadadhaa aadatti addaa adda.

Qaamni namaa furdatus, huqqaatus ykn qal'atus rakkoo hin qabu ilaalchi jedhu jabaataa dhufus, namni yoo qal'aa ta'e wayya ilaalchi jedhu ammayyuu miidiyaa hawaasa fi TV irratti yaada baay'ee deeggaramuu fi namoonni heddu itti amananiidha.

Hubannoon waa'ee qaamaa daa'imummaatti eegala, ilaalcha ijoolen waa'ee naannoo isaanii qaban calaqqisiisa. Ilaalcha sirrii fi negatiiva ta'e adda baasuf qorannoo tokko keessatti ijoollen fakkii qal'aadhaa hanga furdaa jiru agarsiisu akka filatan godhaman.

Fakeenyaf, fakkii ijoollee qal'aadhaa hanga furdaatti dhiyaate keessaa kamtu nama gaarii ykn gaarii hin akka hin taane, isaan keessaa kamitti namni akka qoosu fi guyyaa dhaloota isaanitti kam akka affeeran gaafataman.

Ijoollen kun nama amala negatiiva ykn sirrii hin taane bakka bu'a jedhanii kan isaan filatan fakkii nama guddaa fi furdaa ta'eeti.

Ilaalchi kun akka uumamu keessaa namoonni harka qabu: fakkeenyaf, ilaalchi haati isaanii waa'ee qaamaa qaban bu'aa qorannoo kanaa irratti dhiibbaa fideera.

Amalli kun kan baratame malee kan uumamaaa akka hin taane kan agarsiisu biraa ammoo ijoollee warra xixiqqoo caalaa warri jajjaboon ilaalcha hin taane (bias) qabaachuu isaaniti.

Qorannichis, "Waa'ee ulfaatina ykn furdina qaamaa ilaalcha sirrii ykn negatiiva qabaachuf hawaasummaan ijoollee murteessaa" ta'uudha lafa kaa'a.

"Ijoollen fakkii nama furdaatif ilaalcha sirrii hin taane, nama qal'aadhaf ammoo ilaalcha sirrii yeroo qabaatan argina," jedhu Siyaan Maak Liin, Yuunivarsiitii La Trobe tti barsiisaa Xiinsammuu fi qaama ofiitti gammaduu dhabuu irratti muuxannoo gahaa kan qaban.

"Ijoollummaa irraa kaasanii yaada sana ofitti fudhataa dhufu, kuni ammoo nama qal'aa ta'uun filatamaa fi nama guddaa ykn furdaa ta'uun filatamaa akka hin taane fi waanta hawaasa biraa waanta isaanin jedhamu akka yaadan isaan taasisa," jedhu.

Ijoollen isaanii ilaalcha akkamii qabatanii akka guddatan gochuu keessatti gaheen matii salphaa ta'uu baatus, sababoonni biroo ijoollee saaxilamoo taasisanis jiru.

Haa ta'u garuu qorannoon akka agarsiisutti ilaalchi maatii murteessadha.

Qorannnoon biroo akka agarsiisutti ijoollen hanga waggaa sadii jiranii mataan isaanii ilaalcha maatin isaanii waa'ee furdinaa ykn ulfaatinaa qabaniin dhiibban irra gaha.

Yeroon booda ilaachi ijoollen kun waa'ee furdachuu fi ulfaatina hir'isuu irratti hubannoon isaan qaban dabalaa adeeme. Ilaalcha kana keessa ammoo dhiironni abbaa isaanitiin, shamarran ammoo haadha isaanitiin dhiibban irra gaha.

Nyaata xiqqeessun ykn toa'chuudhan ulfaatina ykn furdina hir'isuu ilaalchi jedhu shamarran waggaa shanii irratti mul'ateera. Kana irratti ammoo sababni guddaan miidiyaadhaaf saaxilamuu akkasumas waa'ee sansakkaan qaama namaa maal yoo ta'e wayya kan jedhu namoota waliin dubbachuudha.

Qorannoowwan garaa garaa akka agarsiisanitti, ijoollen xixiqqoon sadarkaa gadiitii kaasanii amala namoonni gurguddoon agarsiisan, waa'ee qaama fi nyaata waan isaan dubbatan hordofu.

Hanguma guddataa deeman shaakala kana itti fufaa fi caalmatti waa'ee kanaaf xiyyeeffannoo kennuu itti fufuu malu.

Waa'ee qaama ofiitti gammaduu dhabuu fi hubannaa waa'ee nyaataa ijoollee umurii waggaa shanii hanga saddeeetii jiran irratti qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti "ijoollee dubaraa biratti fedhiin qal'oo ta'uu kan eegalu yeroo isaan umurii jahaa irraa kaase" akka ta'eedha.

"Ammayyuu nama fuuldura taa'ee nyaachuu nan qaanfadha"

Maatiin hedduun osoo hin beekin ykn fedhii isaanitiin ala miirri ofitti amanamummaa dhabuu isaanii dhiibbaa inni fidu gaafa dhagahan ni nahu.

Maatiin tokko tokko ammoo dhiibbaa kana dubbii fokkisaa dubbachuudhan hammeessu.

Sansakkaa qaamatti gammachuu dhabuu fi nyaata bifa idilee hin taanen nyaachuu (food disorder) irratti miseensonni maatii qoosuudhan rakkoo inni fidu irratti qorannoo gaggeeffameen, namoota qorannicha irratti hirmaatan keessaa 23% maatin dhaabbiii qaama isaanitti (appearance-related teasing) akka qoosanii fi 12% kan ta'an ammoo furdina isaanitti maatin akka qoosan dubbatan.

Baay'een isaanii ammoo haadha isaanii caala abbaan isaanii akka itti qoose himan.

Qoosan abbaa irraa dhufu ammoo rakkoolee akka qaama ofiitti gammaduu dhabuu fi nyaata heddu nyaachatanii deebi'anii of ceepha'uu (bulimic behaviours) fa'aaf saaxila. Haati gaafa ijoollee isheetti qoostu ammoo ijoollee sana dhiphinaaf akka saaxilutu himama.

Obbbolaa yoo itti qoosan ammoo fayyaa sammuu, ofitti amanamummaa fi nyaata bifa idilee ta'een ala nyaachuu irratti dhiibbaa isaan irratti uuma.

Maatin akkamitti ijoollee isaanitti akka qoosan hubachuun ogeeyyin fayyaa namoota rakkoo "ilaalcha qaamaa, rakkoo nyaataa fi fayyummaa xiinsammuutif" saaxilaman waldhaanuf isaan gargaara.

Qorannoon biraa ijoollee waggaa torbaa hanga saddeetii jiran irra gaggeeffame akka mul'isutti, qeeqni haadholiin furdinaa fi ulfaatina ijjoollee isaanii irratti dhiyeessan bifa idilee irraa adda ta'een nyaata nyaachuu ijoollee isaanii giduu jiruun wal qabata.

Bifuma wal fakkaatun, shamarran "haati, abbaan, fi hiriyoonni akka isaan furdina hir'isuun qal'oo ta'uu akka filatan gorfaman" waa'ee furdina nama biroo ilaalcha sirrii hin taane horataa horataa adeemu. Kuni ammoo fat stereotypes jedhama.

Kuni ammoo qoccolloo fi qoollifannaa nama furdaa irratti xiyyeeffatee fi dabalaa dhufees sababa ta'aa jira.

Dubartoonni gurguddoo ta'anii qorannoo kana keessatti hirmaatan, furdachuu isaanitiin qaanii bara ijoolummaa isaan irra gahe ammaayyuu akka isaanitti dhagahamu dubbatu; qaanii ykn qoollifannaa isaan mudateef ammoo haadha isaanitti quba qabu.

"Jireenya koo keessatti waan akkas nama miidhu hin agarre," jetti warra qorannoo keessatti hirmaatan keessaa tokko. Qorannoo kana keessatti dubartoonni umurii 40 hanga 60 oota keessa jiran kan hirmaatan yoo ta'u, waa'ee furdina qaama isaanii ilaalchisee waanta maatin isaanii jedhaniin irraa kan ka'e qaanii isaanitti dhagahamuu fi gadda isaanitti dhagahamaa ture akka waan har'a ta'eetti yaadatu.

"Haati koo waa'ee furdina kootii yeroo hunda na ceepha'uun ishee jireenya koo guutuu waa'ee koo ilaalcha gaarii akkan hin qabaanne na taasiseera," haati qorannicha irratti hirmaatte tokko.

Namni kan biraa ammoo yeroo isheen daa'ima waggaa 11 turte abbaa fi obboleessi ishee akka "ilmoo arbaatti" ishee fakkeessun itti qoosaa akka turan dubbatti. "Ammaayyii haadha koo fuuldura taa'ee nyaachuu nan qaana'a. Yeroon ani waggaa jahaatii kaastee akkan itti nyaadhu fi furdina koo na qeeqaa turte" jetti.

Namni biroo qorannicha irratti hirmaatte ammoo yeroo isheen waggaa 10 haati ishee nyaata akka hir'iftuuf sagantaa nyaataa akka baastef yaadachuun:

"Ilaalchin ani hin bareedu jedhee ofiif qabu bara koo guutuu na waliin ture- ergan qal'adhee illee na biraa hin hafne. Baay'ee nama dhukkuba." Haa ta'u garuu namoonni tokko tokko haati isaanii sodaaa ofii isaanii ibsachuu isaanitiin yaanni haadha isaanii isaan gargaare malee akka isaan hin miine dubbatu.

Maatidhaa oli

Dhiibban maatii sababa baay'ee cimaa ta'eef qaba. Ogeessa Xiinxammuu Northeastern University kan taate Reechel Roojars akka jettutti maatin waa'ee qaama isaanii yaaddoo yoo qabaatan, amalli isaan dhaalchisan jira. "Waa'ee sansakkaa mucaaa isaanii baasanii dubbachuu yoo baatan illee, (waa'ee qaama ofii isaanii) waanti isaan gochaan agarsiisan mucaa sanaaf 'kuni waan baay'ee na yaachisuudha...' kanaaf ijoollen isa fudhatanii ka'u." Dabalataanis, maatin heddu waanta ijoollen nyaatan, uffatan ykn waan isaan fakkaatan yaada kennu.

Kuni ammoo sansakkaa fi furdina ilaalchisee yaada wayii qabatanii akka guddatan isaan godha.

Kanarraa ka'uun ijoollen 'qal'achuu' irratti xiyyeeffatanii waan guddataniif hawaasa keessatti fudhatama qabaachuf jecha waan isaan qal'isuu fi furdina isaanii hir'isu gochuu irratti humnaa fi yeroo isaanii dhangalaasu jetti Reechel. Waa'ee qaama isaanii irratti ijollee qaanii ykn qoollifannnaadhaf kan saaxilu maatii isaanii qofa miti, keessumaa yeroo guddataa deeman.

Erga guddataniin booda gahee guddaa kan taphatu hiriyoota isaani fi miidiyaadha. 'Ashaangulliitin' illee dhiibbaa isaan irratti qabaata. Qorannoon ijollee dubaraa ganna shanii hanga sagalii jiran irratti gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, ashaangulliitii baay'ee qal'oo ta'een tapahatan, ofii isaanis qaamni isaanii qal'aa akka ta'u barbaadu. Miidiyaadhaf saaxilamuun qaamni isaanii maal fakkaachuu akka qabu ilaalcha achirra fudhataniin gaggeeffamu. Fakkeenyaf, shamarran yeroo heddu sirba ilaalan sana booda sansakkaa qaama isaanii eeggachuu irratti xiyyeeffatu. "Kan ofii isaanitii miidiyaa irraa argan caalaa isa hiriyoonni isaanii waanta miidiyaa irra jiru fudhatan/sirriidha jedhantu dhiibbaa isaan irratti qaba," jetti Jolien Trekels- ogeettin xiinsammuu fi yuunivarsiitii KU Leuven tti qorattuu waa'ee sansakkaa qaama namaa kan taate.

Rakkoo suura nama qal'aa maxxansuun (thinspiration) qabu

Gosti miidiyaa hawaasaa fi fayidaan inni ooluf gahee mataa isaa qaba. Qorannoon bara 2022 taasifame akka ibsutti Inistaagiraamif fi Isnaapchaatin feesbuukii caalaa walitti dhufeenyi sansakkaa qaamaa waliin qaban sirrii miti.

Sababni isaa ammoo suura ofiin of kaasanii maxxansuu fi bifa hin malleen itti fayyadamuudha.

Maxxansawwan waa'ee sochii qaamaa jajjabeessan miidiyaalee kana irratti maxxansuun dubartoota gidduutti fedhiin sochii qaamaa akka dabalu godheera jedha qorannoon bara 2019 hojjatame tokko. Waa'ee sansakkaa qaamaa ilaalcha hin taane ykn negatiiva ta'e qabaachun rakkoo baay'ee qaba. "Gatiin namni ofii isaatif qabu yeroo heddu ilaalcha namni waa'ee qaama isaatii qabuun wal qabata," jetti Tireekels. Kuni addumatti dubartoota fi shamarran ilaallata. Namni tokko qaamni isaa nama akka waan fudhatama hin qabneetti ilaalaa yoo dhufe, dhiphinaafi rakkoo nyaataatiif saaxilama. Ragaan akka mul'isutti shamarran umurii dargaggummaa dura jiran keessaa walakkaan qaama isaanitti hin gammadan. Yeroo daa'imummaatti waa'ee qaama ofii ilaalcha sirrii hin taane qabaachun yeroo heddu umurii dargaggummaattis itti fufa. Dhaabbanni namoota rakkoo nyaataa qabaniif ragaa irratti hundaa'un deeggarsa ykn gorsa kennu qorannoo taasiseen, namoota umurii daa'imummaatti qaama isaanitti gammadoo hin taane keessaa 93% yeroo umurii dagaggummaa akka isaanitti hammaate dubbatu.

Dhuguma dubartoonni caalmatti saaxilamoodhaa?

Yeroo heddu waa'ee qaama isaanii kan yaadda'u dubartoota. Kuni tarii sababa qorannoon hedduun dubartoota irratti hojjatamee fi durii kaasee akkaataa itti qaamni dubartii fedhii saal-qunnamtii wajjin wal qabsiifamee durii kaasee ka'aa tureedha.

Qorannoon dhiyeenya kana dhiirota irrattis hojjatamaa jiru isaanis akkasuma qaama isaanitti gammadoo akka hin taane agarsiisa. Dhiironni baay'inaan maashaan isaanii akka jabaatu barbaadu. "Namni kamiyyuu waa'ee qaama isaatii itti gammaduu dhiisuun inuma itti dhagahama. Qaamni kee gara waan fedhe yoo fakkaate iyyuu isa miti kan rakkoo qabu, keessa keetti waanta ati yaaddutu murteessadha," jetti Istefaanii Damiyaanoo, "Butterfly" tti hojjattuu kan taate. Tirikelesis waanuma wal fakkaatu: "Dhiirota caalaa dubartoota irratti dhiibbaa isaa argina, kana jechuun garuu dhiirota irra dhiibban kun hin gahu jechuu miti." Sababoota dhiibban dubartoota irratti baay'achuu maluuf keessaa tokko, daa'imummaa irraa kaasee dhiironnii fi dubartoonni hawaasa keessatti bifa garaa gara ta'een guddachuu isaaniti.

Jalqaba irraa kaasee dubartootatti kan himamu, fudhatamummaan isaanii hammam akka ija namaatti bareedan irratti hundaa'uu isaa dubbatti Roojers.

"Qaamni isaanii akka namni ilaaluf uumame, akka of qabantu irraa eegama" jetti. "Dhiironni garuu hawaasa keessatti kan itti himamu, qaamni isaanii guddaa fi cimaa akka ta'eedha. Kuni ergaa adda ta'e qaba."

Ijoollen isaanii waa'ee ofii isaanii ilaalcha gaarii qabaatanii akka guddataniif maaatin maal gochuu qabu? Akka ragaan qorannoo agarsiisutti jalqaba namoonni gurguddoon bakka ijoollen jirtutti akkaatan isaan itti waa'ee qaamaa haasa'an murteessadha.

"Maatin ykn namoonni baruumsa kennan qaamni nama tokkoo maal akka fakkaatu yaada akka hin kennine gorsina, yaada sirrii yoo ta'e illee," jetti Maakliin. Inumaayyii kan maatin waan ijoollen gochuu danda'anii fi barbaadan irratti xiyyeeffachuu qabu. Doominoon ammoo, "Eenyummaa isaanii, dandeettii fi ogummaa addaa isaan qabaniif iddoo kennuudha malee maal akka isaan fakkatan irratti baay'ee xiyyeeffachuu hin qaban," jetti.

Deeggarsi maatii jijjiirama guddaa fida

Gorsi Domiinon maatidhaaf qabdu kan biraa, maatin waa'ee furdina ykn ulfaatinaa ijoollee isaanitti himuu hin qaban; nyaata madaalawaa akka nyaataniif irra deddeebin itti himuus hin qaba.

"Furdinni ykn ulfaatinni qaamaa rakkoo akka qabu irra deddeebin hanguma itti himaa deemnu, ykn nyaanni tokko "badaadha" jennee hanguma itti himnu, qaani fi qaama isaanitti gammaduu dhabuun ijooletti dhagahama." Maatin ijoollee isaanitti akkaataa itti ulfaatina hir'isan itti himuu caalaa sochii qaamaa gochuun fayyaadhaf gaarii akka ta'e itti himuu wayya jedhu. Nyaati ta'e tokko ijoolledhaaf badaa akka ta'e itti himuu caalaa maatin nyaata madaalawaa bifa idilee ta'een dhiyeessufii qabu. Walitti dhufeenyi maatis gahee guddaa tapahata: qorannoon tokko akka addeessutti, walitti dhufeenyi gaarin haadha fi ijoollee gidduu jiru dhiibbaa miidiyaan hawaasaa ijoollen qaama isaanitti akka hin gammanne taasisu hir'isuu irratti gahee qaba.

Ijoollen yeroo isaanii miidiyaa hawaasummaa irratti dabarsan akka xiqqeessan gochuun "qaama isaanii kan miidyaa hawaasummaa irratti argan wajjin wal madaalchisuu" akka hir'isan akkasumas fayyummaa sammuu gabbisuuf isaan gargaara.