Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Odola falfalaafi 'qoricha jaalalaa' tolchuun beekamtu
Odolli Sikiihoor Fiilippiinsi keessatti haa argamtuyyuu malee Kibba Baha Eeshiyaa maratti addatti ilaalamti. Bara duriirraa qabee wiirtuu falfalafi dawaa aadaa tolchuuti.
Sikiihoor bulchiinsa Visaayaas keessatti kan argamtu yoo tahu, imaltoota Fiilippiinsi biyya keessaa fi ala jiran hawwachuun beekamti.
Kanneen garas imalan wal'aansa amantii, kan Kaatolikiifi amantii aadaa wajjin wal-makee argachuuf deemu. Kunis jinnii baasuu, dawaa aadaa fudhachuufi qaama namaa biqiloota adda addaan sukkumuu dabalata.
Wal'aansi aadaa asitti kennamu kuni gosa dhukkubaa kamiyyuu(hangam hamaa yoo tahellee) akka fayyisutti amanama. Dhukkubni isaan qabatus sababa sadii irraa akka maddu amanama.
''Sababiin inni jalqabaa addunyaa hafuuraa dheekkamaa tahe dha,'' jedha namni hawwata turizimii naannichaa daawwachiisu Luwii Naatnaa'el. ''Hafuurri hamaa nu marsee jira, finca'aa,bosona fi galaana keessaa dhufa. Yoo isaanitti buune dhukkuba, bokkaafi du'aan haaloo bahu,'' jedha.
Inni lammataa, immoo ''falfala'' dha jedha Naatinaa'el. ''Tolcha, ilbisni namaafi midhaan akka miidhu gochuu,'' fa'i dabalata.
Inni sadaffaa gosa isa laafaa tahe yoo tahu, ''dhukkubaafi dhukkubbii uumamaan dhufu, madaa qoonqoo irraa qabee, hafuura ekeraan qabamuufaa irratti wal'aansi aadaa beektota odolichaan kennama.
''Beektota'' odola kanaaf akka aadaa isaanitti dhibee kunneen hunda fayyisu jedhamee waan yaadamuuf bakka guddaatu kennamaafi-sababa kanaan Fiilippinsi irra darbe daawwattoota daayaaspooraafi lammiilee biyyoota biroo hawwachaa jiru.
''Beektonni dhibee akkasii fayyisna jedhan kennaa kana Waaqaarraa akka argataniifi tajaajilicha nama hundaaf malee nama muraasaaf qofa akka hin kennine dubbatu.'' Bara kana odolli Sikiihoor, ''Odola icciitii'' jedhamuun beekamti.
Odola fayyistoonni aadaa kabaja qaban
Jiraattonni odola kanaa doktara ammayyaa caalaa beektota aadaa kana bira deemuun beekamu. Naatinaa'el, ''yeroo qorichi ammayyaa hojjechuu didu beektonni kuni garuu ni fayyisu,'' jedha.
Adeemsa wal'aansa isaanii keessa inni ijoon tokko qoricha biqilootarraa manatti hojjetamu dha.
''Qoricha gosa biqiloota adda addaa 300 ol odolicha keessatti biqilan irraa tolchu. Biqiloonni wal'aansaaf oolan odolicha tarfaasanii waan jiranii wal'aansi qoricha aadaa jaarraa baayyeef kennamaa ture,'' jedha.
Kabaja hojii falfalaaf kennamu
Abuurtoonni Ispeen Huwaan Aguureefi Isteebaan Roodriigeez lammiilee Awuroooppaa yeroo jalqabaaf bara 1565tti odola kana gahan. Fagoorraa arguunis waan ibiddi irraa mul'atu se'uun Isla de Fuego (odola ibiddaa) jedhanii moggaasan.
Naatinaa'el,''ibiddi inni isaan jedhan gosa ilbisaa iftuu mukkeen odolichaa weerartee jiraattu arganiitu,'' jedha.
Taatee uumamaa kanaanis tahuu mala odolli Sikiihoor namoota kaaniin ''tolcha qabdi'' jechuun waan sodaatamtuuf namoonni odola ollaa jiraatanillee gara achii hin deeman,'' jedha.
Amantii Kaatolikii fi amantii ganamaa
Warri Filiippiinsi amantii gara Kaatolikiitti kan geeddaratan bara 1521 irraa qabeeti, garuu warri mishinarii hamma 1700 Sikiihoor hin qaqqabne ture.
Namoonni odola kanarra jiraatan akkaan amantii isaanitti kan jabaatan waan taheefi falfalatti waan amananiif warri mishiinarii geeddaruu hin dandeenye.
''Tahus yeroo keessa amantiin lameen kuni wal-makuu jalqaban: beektonni odolichaa amantii Kaatolikii fudhachuun dandeettiin fayyisuu isaanii humna isaan olii Waaqa jedhamurraa akka dhufu fudhatan.
Sanaan booda gara ganda odolli kuni argamtu Saan Antooniyootti namoota amantiifi kaan deemuu jalqaban,'' jedhama jedha Naatinaa'el. Antooniyoon qulqulluu lafarraa baduu bakka bu'u waan taheef, beektoonni odola kanaa madaala qaama keessaa bade(dhukkubaaf) akka mallattootti isa ilaalu.
Qoricha jaalalaa, saal-quunnmatiifi milkaa'inaa
Makaa biqloota garaagaraa qorichaaf fayyadamuun odola kanarratti bal'inaan hojiirra oola. Suuqiidhaa dawaan jaalalaa doolaara 1.7'n gurgurama.
Qorichoota kunneen keessaa inni baay'inaan beekamu dawaa jaalalaa isa jedhamu kana dha. Gosoota firii mukaa 20 ol walitti makuun hojjetama. Isaan keessaa tokko biqiltuu hanxaxii quba harkaa fakkaatudha.
''Nama harka sochoosuun ofitti waamuu agarsiisa,'' jetti Liliyaa Aloom beektuun dawaa muuxannoo waggaa 30 qabdu. ''Jaalalas tahe milkaa'ina kottaa gara koo jedha,'' jetti.
Akka isheen jettutti dawaan kuni jaalala waara'aa tahe fiduu dhiisuu mala-isa yeroo gabaabaaf gaarii dha jetti. ''Caalatti daldala keessatti milkaa'ina hawwachuuf gargaara, yoo sooressa tahuu feete ofitti amanamummaafi faara gaarii qabaachuu sii kenna,'' jetti.
Humna hafuuraa argachuuf sirna gaafa Sanbataa taasifamu
Qorichi falfalaa gagaa fakkaatu wantoota gargaraa 200 olirraa hojjetame, gaafa Sanbataa sirna geggeefamuun yeroo aarafamu tolchaafi hafuura hamaa baasa jedhu.
Dawaa kana tolchuuf beektonni hafuuraa kuni Jimaata torbaaf iddoowwan garagraa deemuun ilbiisa, daraaraa, biqiltuu, damma daamuu fi dungoo baqe walitti qabu.
Kunis egaa sirna waggaa keessaa al-tokko Jimaata gaafa Fannoo borumtaasaa ''Sanbata Gurraacharra'' irratti raawwata. Warra Fiilippiinsiif guyyaan kuni guyyaa Yasuus awwaala jiru waan taheef guyyaa gaddaati.
Firoota du'anitti dubbachuu
Tiijiin shaakala dhukkuba fira du'erraa dhufe fayyisuuti. Paaskaal Ogook ulee addaa fayyadamuun eenyummaa nama du'ee fayyisu - ''yeroo maqaan nama du'ee dhahamu uleen kuni ni daba, ni dheerata,'' kanasa hafuuraan isaan wajjin dubbachaa akka jirutti fakkeessa.
''Yeroo baayyee waan irraanfatamaniif tasgabbii akka dhaban hafuurri isaanii natti himaa, '' jedha Ogook. Yaadatamuuf jecha nama dhukkubsuun mallattoo agarsiisa,'' jedha.
Qorichisaa salpha dha: namni dhukkubsate luba naannoof qarshii kaffala, nama du'e sana gammachiisuufis waan jedhamu jedha.
Tolchaafi hafuura hamaa baasuu
Ruheeliyoo Lugaatiimaan kanneen aadaa bolo bolo raawwatan keessaati.
Sirni kuni bishaan taliilaa qaruuraatti guutame, ujummoo qal'oo dhangala'aa ittii xuuxaniifi dhakaa falfalaa qabaachuu qaba.
Qaruuraa keessatti kobbi akka uumamu taasifamee mataa nama dhukkubsaterratti afuufama, dhakaan immoo tolcha/abaarsa balleessa jedhu.
Lugaatiimaan awwaannisa dabalatee lilmoo abaarsa hafuura hamaan dhufe fa'i yeroo adeemsa fayyinaaf taasifamu kanatti akka argu dubbatu, sirni kunis hamma bishaan qulqullaa'utti itti fufa.
Namoota fayyisuu...
Beektonni kunneen tajaajila kennaniif hin kaffalchiisan garuu arjooma xiqqoo fudhatu. ''Kaffaltiin kuni mararteerraa kan kennamu malee nuti irraa buufannaaf miti, nuti jireenya salphaa jiraanna,'' jedhu beekaan Huunitaa Tooreemaakaa jedhaman.
Sababa kanaan yeroo dhiyootiin asitti lakkoofsi isaanii akkaan hir'isee jira. Aadaan kuni akka hin banneef bara 2006 irraa qabee feestivaalli wagga waggaan adeemsifama, daawwattoonni biyya keessaafi biyya alaa ni eeyyamamaaf.
''Namoonni asitti dawaa jaalalaa ofii isaaniin tolchuu danda'u, kuni hojii afuura hamaa akka hin taane agarsiisuu barbaanna, falfala kana dhabuu hin barbaannu, kan adda nu taasisuus kana,'' jedha Naatinaa'el.