Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miira walmakaa Filisxeemota gara qe'ee isaaniitti deebi'aa jiranii
Waraannii Israa'eliif hamaas gidduutti baatii 15 oliif ture booda walii galteen dhukaasa dhaabuu hojirraa ooluun lammilee Filisxeem hedduuun gara qe'ee isaanitti deebi'aa jiru.
Waraanni baqa, ajjeechaafi gidiraa hedduuf isaan saaxile kun dhaabchuutti gammachuu qabatanillee gama biraan ammoo manaa fi naannoo isaanii barbadaaa'ee, firaafi aantee isaanii caccabaa gamaa sana jalatti lubbuunsaanii darbite yaadachuun miira gaddaa fi gammachuu waliin keessummeessa jiru.
Filisxeemmonni hedduun Gaazaa keessatti dandii gamoowwan caccabanii fi mandara diigame keessa heddumatanii wayita yaa'aa turan waan arganirraa kan ka'e abdiin mana isaanitti deebi'uufi erga deebi'anillee haala isaanitti uumu yaadachuun imimmaanin gadda isaani ibsatu.
Kun godaannisa waraanni uumu keessa isa xiqqaadha.
Magaalaa kaaba Gaazaa kan bakka buufata baqattootaa guddaa taate Jabaliyaa keessatti suuraa fi viidiyoon jiraattonni keessa deemaan naannoo fi gamoowwann barbadaa'antu mul'ata.
Gara naannoo al-Falujaa Jabaliyaatti namoota deebi'aa jiran keessaa dubartiin al-Khalidi jedhamtu akkas jechuun BBCtti himte.
"Ijoollee koo durbaa lamaan waliin lubbuun hafne, caccabaa mana keenyaa jalaa baane. Asitti, caccabaa jalatti, reeffi abbaa warraakoo, haadha koo fi obboleettii koo Onkoloolessa 9 irraa eegalee awwaalamee jira," jetti.
Itti dabaluunis, ani amma "Kabajaan akkan awwaaluuf reeffa isaanii malee homaa hin barbaadu" jechuun miiran guutamti dubbatti dubartiin umurii 28 haati da'ima lamaa maatii malee hafte kun.
Kaampii Jabaliya yeroo tokko Filisxeemoonni kuma 250 ol keessa kan jiraatan yoo ta'u, yeroo waraanaa sanatti duula waraanaa Israa'el isa guddaa fi cimaa ta'e raawwatameen, lammiileen Filisxeemota kuma 4tti siqan akka ajjeefaman Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibseera.
Akkasumas gara Jabaliyaatti kan deebi'aa jiran keessa Huseen Awdaa namni spoortii ulfaatina olkaasuu irratti hrmaatu imala isaa Magaalaa Gaazaatti deebi'uu ilaalchisee yaada kennera.
Ispoortii ulfaatina olkaasu kanaan sadarkaa idil-addunyaatti Filisxeemonni bakka bu'ee kan hirmaate yoo ta'u, jalqaba waraana kanaatti miseensota maatii isaa 10 dhabe.
"Wanti har'a ta'e inni gaariin guyyoota 100 booda awwaala maatii koo daawwadhee kadhachuu danda'uu kooti," jedhe.
Akkasumas viidiyoo gaaga'ama mana isaa abbaa darbii sadii fi kilabii ispoortii inni qabu irratti mul'isu miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseera.
"Asitti namoota garaa kootti dhihoo ta'an dhabe - obboloota koo, ilmaan koo, madda jireenyaa koo. Waraanni kun waan bareedaa keessa keenya jiru hunda ajjeesera."jedhe
Magaalaa kibbaa Khan Yowunis keessatti loltoonni Hamaas hidhannoo qaban daandii irratti walitti qabaman gammachuu fi dhaadannoo dhageessisaa akka turan dhaabbati oduu Rooyitars gabaaseera.
Hidhattootni Hamaas, uffata hidhannoo uffatanis, haleellaa Israa'el irraa of eeguuf ji'ootaaf bakka ijaan hin mul'anne dhokatanii turan amma naannoo tokko tokkotti mul'ataa jiru.
Lammiileen Gaazaas gara magaalaa kibbaa Raafaa naannoo daangaa Masrii jirtutti socho'aa turan keessaa Mohaammad Suleemaan Rabbiin galatni haa ga'u, oduun dhukaasa dhaabuun hojiirra ooluu abdii fi gammachuun nu qaqqabeera," jedhe.
"Yoo Waaqni jedhe wanti hundi gara gaariitti ni jijjiirama, gara Raafaattis ni deebina. Namni buqqa'e hundi nagaan gara mana isaatti akka deebi'u abdiin qaba."
Israa'el magaalaa kibba Gaazaa keessatti halelllaa jalqabuun dura akekkachiisa jirattootni akka baqatan kennuun namoonni hedduun magaalattii gadi dhiisuun baqataniiru.
Rafaah keessatti gaazexeessaan gaazexaa Filisxeem Al-Ayyam kan ta'e Muhammad al-Jamal kasaaraa gahe ilaalchisee waan isarratti ta'e qooduun waanti hundi akkasitti daaraa ta'e jedhe.
Amma walii galteen dhukaasa dhaabu hojirraa ooluu jalqabeera, namootni gama lachuu hidhaa turan gadidhiifamuu jalqabaniiru. Waanti hundi akka milkaa'u kadhaa lammilee kanneeniti.
Erguma waliigalteen taasifame sa'aa muraasa giddutti lammileen nagaa Filisxeem ajjeefaman 19 ta'u. Ammallee sodaa qabu. Araarri kun duubatti deebi'ee dararaan sun nutti deebi'aa laata jedhanii sodaatu.