Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Herreega baankii banachuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhiyeessuun dirqama ta'uufi
Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI Baatii Muddee Bara 2017 irraa eegalee Finfinnee keessatti maamiltoonni herreega baankii banuuf waraqaa eenyummaa dijiitaalaa "Fayda" jedhamu dhiyeessun dirqamaan akka ta'e ajaja kenne.
Waggaa lama boodammoo maamiltoonni guutuu biyyattii tajaajila baankii kamiyyuu argachuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaan tajaajilamuu akka qaban baankichi beeksiseera.
Hanga ammaatti namootni miiliyoona 10 ol ta'an waraqaa eenyummaa dijiitaalaaf galmaa’u ragaan Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa irra bahe kan mul'isu.
Baankii Biyyaalessaa, xalayaa baankiileef barreessen dirqamni itti fayyadama waraqaa eenyummaa dijiitaalaa qulqullinaa fi nageenya sirna faayinaansiif ta'uu ibseera.
"Hanna faayinaansii ittisuu fi abbummaa akkasumas egumsa ragaa mirkaneessuuf" tajaajila maamiltoonni waraqaa eenyummaa dijiitaalaan fayyadamuu qabu ta'uu baankichi kan eere.
Sababoota kanneen kaasuun maamiltoonni herrega baankii banuuf waraqaa eenyummaa dijiitaalaa dhiyeessuuf dirqama akka ta’e murtaa’uu xalayichaan beeksiseera.
Xalayaan Baankii Biyyaalessaa akka agarsiisutti hojimaati haaraa kan amma eegalu magaalaa Finfinneettidha.
ALI Mudde 23, 2017 eegalee maamiltoonni magaalaa Finfinnee jiran herreega baankii banuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa isaan barbaachisa jechuun BBC’tti kan himan gorsituu Hogganaa I/Aanaa Baankii Biyyaalessaa kan ta’an Aadde Maartaa H/Maariyaamidha.
Baatii shan boodammoo jechuunis Waxabajjii 24, 2017 eegalee adeemsi kuni ‘’magaalota ijoo’’ biyyattiitti akka hojiirra oolu xalayaan Baankii Biyyaalessaa ni agarsiisa.
Akka guutuu biyyaatti immoo maamiltoonni baankii herreega baankii banuuf waraqaa dijitaalaa kan gaafaman waggaa tokko booda ALI Mudde 2018 eegaleeti jedhameera.
Waggaa lama booda jechuunis ALI Mudde 2019 eegalee immoo tajaajila baankii argachuuf, maamiltoota ala jiran dabalatee, waraqaa dijitaalaa qabaachuun qabaachuu akka qaban baankiileef ibsameera.
Waraqaan enyummaa kun naannolee keessattis yeroo adda addaatti hojirra ooluuf kan dirqamsisu ta'a jedhe Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa.
Haa ta’u malee, dhimmi kenniinsa waraqaa eenyummaa dijitaalaa irratti ummata bira dafee ga'uu dhabuun isaa qormaata ta’uu akka danda’u ummatni gaaffii kaasa.
Waraqaan Eenyummaa Dijitaalaa ‘’Faayidaa’’ jedhamee waamamu ‘’namni tokko eenyummaa tokko akka qabu’’ gochuuf yaadamee qophaa’e.
Jiraattonni waraqaa kana fayyadamuun tajaajila adda addaa argachuu danda’u.
Labsiin waraqaa eenyummaa kanaa ALI Bara 2015 bahe, qaamoleen qaama mootummaa dhimmichi ilaallaturraa eeyyama argatan tajaajila kennuuf waraqaa eenyummaa dijitaalaa ‘’dirqama’’ gochuu akka danda’an ibsa.