Falmii Lamiin Yamaalii fi Koobii Maayinuu rikardii haaraa fi seenaa fokkisaa jijjiiruuf taasisan

Lamiin Yamaal kaleessa waggaa 17 guute. Rikardii Peelee waggoota hedduu cabseera.

Liyonel Mesii fi Kiristaanoo Roonaaldoo waan umurii isaanii 16tti tasuma hojjechuu hin dandeenye hojjete.

Morkataa isaa ol adeemaa Ingilaandi gahumsa gaarii irra jiru Koobii Maayinuu waliinis har'a falmii jabaa taasisu.

Tokko sarara duraa irraa kubba galchuuf tokko ammoo sarara gidduu to'achuun kubba oolchuuf. Kamtu milkaa'a laata?

Lamiin Yamaal waggaa tokko keessatti seenaa kubba miilaa dhiiraa keessatti waan haaraa galmeessuun darbe. Dilbata har'aa ammoo rikardii haaraa biraa itti dabaluu danda'a.

Taphataa umurii xiqqaan Waancaa Awurooppaa irratti taphate, taphataa umurii xiqqaa jalqabaa kubbamijeessee kennee fi galchii lakkoofsise, yoo Ispeen waancaa kan injifattu tahe ammoo taphataa jalqabaa umurii xiqqaa akkasiin Waancaa Awurooppaa mo'ate tahuuf deema.

Yaamaal calliseema waan taphateef rikardiiwwan kananneen cabse osoo hin taane gahumsa olaanaan taphachuuni.

Dorgommii Jarmanitti gaggeeffamaa jiru kana irratti kubba sadii galchiif mijeessee kennuun galchii tokko ammoo lakkoofsiseera.

Waayila isaa Daanii Oolmoo qofatu galchii hedduu lakkoofsisuun isa caala.

Gama biraan ammoo baruma kana achii as kan bahee fi dhiyeenya waggaa 19ffaa isaa qabate taphataan Ingilaandi Koobii Maayinuu isa tokko.

Akka Lamiin Yaamaal galchii lakkoofsisuu fi kubba mijeessee kennuu baatus gahumsa olaanaa agarsiisuun Ingilaandiif gumaachaa jira.

Har'a lameen isaanii morkii jabaa taasisu. Lamiin taphattota daawwachuuf namatti tolan keessaa tokko qofa tahuu qofa osoo hin taane taphataa gahumsa guddaarratti argamu jechuun ni danda'ama.

Galchii ajaa'ibaa Faransaayi irratti lakkoofsiseefi tarii galchii bareedduu dorgommii Yuuroo 2024 tahuu kan dandeessu booda xiinxalaan kubba miilaa Gaarii Liinker ''taphataa urjiin kunoo dhalateera''' jedhe.

Lamiin Yaamaal kan Sanbata kaleessaa waggaa 17ffaa isaa jalqabe adda tahe Ispeenii fi Baarseloonaaf hojjete maali?

Osoo umuriin isaa 17 hin guutiin Yamaal Lamiin Baarseloonaaf taphoota 51 irratti hiriiree taphateera. Galchii torba lakkoofsisuun kubba torba ammoo mijeessee kenneera.

Ispeeniif ammoo taphoota 13 irratti hiriiree taphateera. Galchii sadii lakkoofsisuun kubba jaha ammoo mijeessee kenneera.

Yoo wal dorgomsiifnee ilaalle, taphattoota urjii adunyaa keenyaa lamaan Kiristaanoo Roonaaldoo fi Liyonel Mesiin umurii Yamaal Lamiin kanatti biyya isaanii fis tahe kileba isaaniif tapha tokko irrattillee hiriiranii hin taphanne.

Taphattoota badhaasa Ballon d'Or injifachuuf taphattoota Mesii fi Roonaaldoo bakka bu'an yoo waamnu, Kiiliyaan Imbaappee fi Erliingi Haalaandi umurii Yamaal kanatti gahumsa akaksii irra hin turre.

Imbaappeen osoo waggaa 17 hin guutiin Monaakoof tapha afur irratti qofa taphachuun galchii kan taate kubba tokko mijeessee kenne.

Haalaandi ammoo kileba Noorweey isayyuu diviziyoona lammaffaa keessa jirtu Biraayin jedhamtuu fi Moldeef taphoota 23 irratti taphate. Galchii tokko qofa lakkoofsise.

Taphattoota umurii waggaa 16 bahuun ajaa'ib! jechisiisan keessaa tokko Wayinii Ruunii ture. Inniyyuu Everteniif taphoota kudhan irratti qofa hiriiree taphachuun galchii sadii qofa lakkoofsise.

Rikardii kilebii Yamaal cabse

Yamaal Baarseloonaaf tapha jalqaba airratti yoo hirmaatu umuriin isaa waggaa 15 ture. Waggaa 15 fi guyyoota 290'n Baarseloonaaf taphachuun taphataa jalqabaa umurii xiqqaa kilebichaaf taphate tahuun seenaa hojjete.

Hagayya 20 bara 2023 tapha Baarseloonaan Kaadiz walin taasise irratti jalqaba irra hiriiruun erga bara 1939 as taphataa jalqabaa umurii xiqqaan laaliigaa irratti hiriire tahuun seenaa biraa galmeesse.

Taphicha 2-0 mo'atan. Torban booda ammoo taphataa umurii xiqqaa kubba mijeessee kenne tahuun seeenaa biraa hojjete.

Kun jaarraa 21ffaa keessa taphataa jalqabaa isa taasisa.

Torbaniin booda ammoo taphataa jalqabaa umurii xiqqaan Shaampiyoonsi Liigii irratti hiriiree taphate tahe. Tapha Baarseloonaan Poortoo 1-0 mo'ate irratti umurii waggaa 16 fi guyyoota 83n taphate.

Guyyaa afur booda ammoo seenaa Laaliigaa keessatti taphataa jalqabaa umurii xiqqaan galchii lakkoofsise tahe.

El Kilaasiikoo irratti hiriiree taphachuunis akkasuma seenaa haaraa hojjete. Tapha Antiwerpi waliin Baarseloonaan taasise irratti kubba mijeessee galchiif yoo kennu taphataa jalqabaa umurii xiqqaan seenaa hojjete tahe.

Ispaanish Suupper Kaappi keessatti taphataa jalqabaa umurii xiqqaan galchii lakkoofsisee fi kubba mijeessee kenne tahe.

Shaampiyoonsi Liigii keessatti tapha mo'atanii darbuu fi nuusa xumuraa irratti hiriiruun taphataa jalqabaa tahuun galmaa'eera.

Baarseloonaaf taphataa jalqabaa umurii waggaa 16'n taphoota 50 ol irratti hiriiree taphatee fi taphataa jalqabaa umurii xiqqaan taphoota Shaampiyoonsi Liigii kudhan irratti hiriiree taphate tahuun seenaa hojjeteera.

Seenaa Baarseloonaa keessatti garuu bara 1920 yeroo kubbi miilaa akka ammaa hin guddannee fi Ispeeniyyuu garee biyyaaleessaa hin qabnetti taphataan Armaandi Maartinez jedhamu umurii waggaa 14 Shaampiyoonshiippii Kaataalan irratti Baarseloonaaf taphatee galchii lakkoofsiseera.

Kan inni dhabe yoo jiraate Shaampiyoonsi Liigii irratti umurii xiqqaan hiriiruun seenaa Yoosuufa Mukookoo hojjete cabsuu dhabuudha.

Waggaa 16 fi guyyoota 18. Yamaal umurii waggaa 16 keessa osoo jiruu taphoota Shaampiyoonsi Liigii irratti hiriiruun kileba isaaf kan jalqabaa yoo tahu taphoota hedduu irratti hiriiruun ammoo adunyaarraa kan jalqabaa isa taasisa.

Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii lakkoofsisuun umurii Ansuu Faatii waggaa 17 fi guyyoota 40 ittiin rikardii qabate garuu cabsuu hin danda'u. Haga dorgommichi dhufu waan umuriin isaa bira darbuuf.

Rikardii Ispeen waliinii

Fulbaana 8 bara 2023, Yamaal tapha Joorjiywaa waliin taasisan irratti hiriiree taphachuun galchii lakkoofsisee taphataa Ispeen jalqabaa umurii xiqqaan biyya isaaf taphate tahe.

Gaafa Daanii Oolmoo bakka bu'uun galu umuriin isaa waggaa 16 fi guyyoota 57 ture. Kun oso Baarseloonaafuu galchii hin lakkoofsisiin ture.

Maartiin Odeegaardi qofatu rikardii kanaan isa caala. Odeegaardi umurii isaa waggaa 15 fi guyyoota 300n biyya isaa Noorweyiif taphachuun seenaa haaraa hojjeteera.

Lamiin yaamaal yeroo Jarman keessa garee biyya isaa Ispeen waliin jirutti osooma hoji manaa manni barumsaa isaa kenneeruuf hojjetuu seenaa haaraa galmeessuu itti fufeera.

Tapha Ispeen Kirooshiyaa 3-0 mo'atte jalqabaa irrati hiriiree taphataa jalqabaa Ispeen umurii xiqqaan dorgommicha irratti taphate tahe. Kubbas mijeessee kenne.

Yeroo umurii isaa waggaa16 fi guyyoota 362'n Faransaay irratti galchii lakkoofsise seenaa Waancaa Awurooppaa keessatti taphataa jalqabaa tahuun seenaa biraa galmeesse.

Taphataa jalqabaa umurii xiqqaan Waancaa Awurooppaa ykn Waancaa Adunyaa irratti lakkoofsise tahuun rikardii Peeleen erga 1958 as qabatee ture cabse.

Koobii Maayinuu

Koobii Maayinuu bara dorgommii xumurametti yeroo Maanchister Yuunaayitid rakkoo keess agale taphataa achii as bahuun gahumsa isaa agarsisiedha.

Kubba waliin tasgabbiin qabu, ofitti amanamummaa fi dandeettii inni qabu akka garee biyyaaleessaa Ingilaandiif filamu isa taasiseera.

Gaarez Saawuzgeet sarara gidduu irra Deklaan raayis cinatti taphattoota akka Aleeksaander Arnooldi yaalaniiru.

Garuu gareen isaanii madaallii gaarii dhabuu isaa irraa kan ka'e gara maayinuutti deebi'an.

Yeroo Ingilaandi sadarkaa olaanaatti hin taphannellee Maayinuun sochiin dirree keessatti agarsiisu bareedaa ture.

Taphataan duraanii maanchister Yuunaayitid Riyoo Ferdinaandi, ''miira Siidoorfi'' anaaf kenna jechuun taphataa duraanii Kilarensi Siidoorfitti fakkeessuun ibse.

Yeroon akkana jedhu dandeettii isaaniin wla fakkaatu jechuukoo miti kan jedhe Ferdinaandi, haala tapha isaaniitu wal fakkaata jedhe.

Asuma Jarmanitti Siidoorfiin aradhee waa'ee Maayinuu itti himeen ture kan jedhe Ferdinaandi innis 'dhugaaketi anis akkasuman arge' na jedhe jechuun ibse.

koobii adda kan godhu dirree keessa erga galee gahumsi isaa dabalaa deemuu isaati. Jalqab yeroo dirree galu kubba gabaabaa dabarsuun waayillan isaa wlaiin taphata.

Yeroo murteessaa irra yeroo gahu garuu taphattoota jajjaboo osoo hin sodaatiin kubba qabatee bira darba jedhe.

Umurii isaa wagggaa 19tti gahumsi isaa kun bakka taphataa jiruuf adda tahuus ibsa Ferdinaandi.

Ingilaandi Ispeeniin injifattee seenaa haaraa galmeessuuf dhamaati. Erga 1966 as waancaa Adunyaas tahe Awurooppaa mo'atanii hin beekan.

Dhaloonni ammaa kun seenaa kana jijjiiruuf dhama'a. Bara 2020 Xaaliyaanii waliin xumuraaf gahanii rukuttaa peenaaliitii waancaa kan dhaban Ingilaandi biyya jalqaba tilmaamni guddaan hin laatamneef garuu ammoo tapha tokkollee hin mo'amne Ispeen waliin morkatu.

Koobii Maayinuu sarara gidduu to'achuuf Lamiin Yaamaal akkuma Faransaayii fi Kiiliyaan Imbaappee qaanesse galchiitti fiiguun waan addaa hojjetu jedhamee eegama.