Magaalaa Finfinneetti Qamar Yusuufiifi Taaddalaa Gammachuu maaltu mudate?

Kibxata darbe Artiist Qamar Yusuufiifi Taaddalaa Gammachuu ijoollee isaanii mana barumsaatii fudhachuu yeroo deeman 'qaamni hin beekamne' jedhan isaan doorsisuu fi miidhaa irraan gahuuf yaaluu BBC'tti himan.

Artist Qamar, "qaamni hidhate mana barumsaa galtanii ijoollee keessan hin fudhattan jechuun hookkara kaase.

''Jalqaba Taaddalaatu ijoollee fuudhuu deeme. Erga achi gahee naaf bilbilee 'koottu, haalli gaariin hin jiru naan jedhe,'' jedha Artiisti Qamar.

Namootni uffata humnoota nageenyaa uffataniiru jedhaman kunneen achitti akkamiin akka argamaniis ta'e rakkoon ijoo naannoo mana barumsichaa ture hin beekamu.

Dhimma Artiist Qamar kaaserratti BBC'n qaamolee dhimmi kuni kallattiin isaan ilaallaturraa odeeffannoo argachuuf yaalluus hin milkoofne.

Ta'us, taateen kuni yeroo Mana Barumsaa Giriikii magaalaa Finfinnee argamu keessatti torbanoota muraasa darban dhimma bulchiinsaafi kaan irratti wal dhibdeen adeemaa jirutti dhalate.

Viidiyoon namootaa kan Qamar fa'i keessatti mul'atan agarsiisu miidiyaalee hawaasummaa gubbaa qoodamaa ture.

Artist Qamarii fi Taaddalaan mana barumsaa 'Greece Community School' jedhamuu ture kan isaan ijoollee fudhachuuf deeman.

Manni barumsichaa magaalaa Finfinnee naannoo Dambalitti akka argamu kan himu Artiist Qamar, yeroo achi gahan qaamni meeshaa waraanaa hidhate hin galtan isaan jechuu dubbate.

''Waan nutti himan hin jiru. Hin galtan jedhaniituma qawwee nutti garagalfatan. Kana gidduutti qawween dhukaate. Yeroo kana namoonni baay'een birmatanii dhufnaan konkolaataa isaanii keessa galanii baqatan.''

Konkolaataa adii tokko keessa namoonni sadii taa'uun ajaja kennaaf akka turan argineerra kan jedhu Qamar, Taaddalaan lakkoofsa gabatee ishee suura kaasuuf yoo jedhu ammoo, qawwee itti naanneeffachuun akka hin kaafne godhan jedhe.

Yeroo isaan achii baqatanii deeman ijoolleen keenyas waan rifataniif fudhannee galle jechuun haala ture BBC'tti hime Qamar.

Rasaasni dhuka'e nama irra hin buune kan jedhu artistichi, qaama mootummaa kam irraa tahus homaa hin barre, garuu uffata humna waraanaa uffatanii, kilaashiis qabatanii jiru jedhe.

Haatahu malee, garamitti baqatanii akka deeman hin barre jechuun dubbata.

Dhimma artistoota bebbeekamoo lameen kana mudate jedhame kanarratti poolisii magaala Finfinneefi poolisii Federaalaa irraa iyyaafachuuf yaaliin BBC'n taasise hin milkoofne.

Namoonni gochaa kana raawwatan jalqabas eenyummaa isaanii nuuf hin himne kan jedhu Artiist Qamar, miidhaan qaamaa isaan irra gahe akka hin jirreefi qawwee wayita nutti naanneffateetti namoonni gidduu galuun miidhaan akka hin qaqqabne dhorkuu dubbata.

''Ergasii ijoolleen Oromoo hedduun na waliin turan. Guyyoota lamaan kana ijoollee hedduu waliin jirra. Isaanumatu bilbilakoos kaasa, cufas,'' jechuun haala ammatti keessatti argaman ibsa Qamar.

Haacaaluu Hundeessas ji'a Waxabajjii kan keessa ajjeefamuu yaadachuunis, ''jinni kun artistoota keenyaaf ji'a gaarii waan hin taaneef of eeggannoo gochaa jirra'' jedhe.

Ammatti Taaddalaan qaama nageenyaa mootummaatti beeksisuu himuun, abukaatoon isaaniis seeratti himachuuf adeemsarra jiraachuu dubbata.

''Namoota isaanitti dhiyaatan waan jiraniif seeraan akka nuuf gaafatan barbaanna.

''Haatahu malee, namoonni gariin himata hin baniinaa dubbii jabeessuu ta'a nu jechaa jiru. Garuu eenyu akka tahanis baramuu waan qabaniif himachuu feena,'' jedhe.

Namoonni gocha kana raawwatan eegdota mana barumsichaa akka hin taane kan dubbate Qamar, yoo eegdota mana barumsichaa gaafannu bakka hojii keenyaa nu ari'an jechuun nutti himan jedhe.

Ijoolleen Qamar lama mana barumsichaatti kutaa afuriifi lama kan baratan tahu kan dubbatu Qamar, kan Taaddalaa lamaan tokko kutaa saddeet kan biraan ammoo kutaa shan akka baratan dubbate Artist Qamar.

Qamar artistii beekamaa fi Oromoota biratti hedduu jaallatamaa yoo tahu, biyya Kanaadaa jiraachaa erga turee booda waggoota muraasa dura gara Itoophiyaatti deebi'uun hojii investimantii adda addaa irratti hirmaachaa jira.

Taaddalaa Gammachuu ammoo sirba haaraa hojjechuun tibbana ni gadhiisa jedhamee eegama.