Poolisiin Musliimota Ramadaana keessa ummata duratti nyaatan to'ate

Poolisiin Islaamaa Kaaba Naajeeriyaa, kutaa biyyaa Kaanoo keessatti argaman, Musliimoota osoo ifatti nyaataniifi dhuganii argaman, akkasumas kanneen jalqaba Ramadaanaa yeroo Musliimonni bariirraa kaasuun hanga galgalaatti soomuu qaban nyaata gurguran to'ate.

Itti aanaan ajajaa Hisbaa, Mujaahid Aminudeen BBC'tti akka himanitti, namoonni 20 soomaa hin jirree, shan ammoo kan nyaata gurguran to'atamuusaanii, akkasumas oppareshiniin kun ji'a guutuu kan itti fufu ta'uu ibsuun Sambata darbe eegale.

"Namoota amantaa Islaamaa hin taaneef kan hin ilaallannee ta'uu hubachiisuun barbaachisaadha," jedhan.

Mr Aminudeen Ramadaanaaf ''kabaja dhabuun'' kamiyyuu akka hin fudhatamne dubbatan.

"Ji'a qulqulluu akkasii keessa soomaaf yaadame keessatti dargaggoonni Musliima ta'an ifatti yoo nyaataniifi dhugan mul'achuun isaanii qalbii nama cabsa. Sana hin fudhannu, kanaafis hidhaa raawwachuuf kan baane," jedhan.

Namoonni 25 to'ataman hundisaanii mana murtii Shari'aa keessatti himatamanii akka adabaman ibsan.

Qondaalli Hisbaah itti dabaluudhaan, yeroo tokko tokko namoonni nyaata nyaachaa yeroo argaman odeeffannoo akka argatan himan.

"Namoonni ummata duratti yoo nyaatan arganii aaran bilbilli nutti himuu. Nuttis saffiisaan gara naannoo sanaa deemuun hidhaa raawwachuuf deemna."

Akkasumas, namoota biroo kanneen "rifeensa haala sirrii hin taaneen muratanii" argaman, uffata gaggabaaboo jilba ol uffatan, konkolaachiftoonni kunkolaataa gommaa sadii imaltoota dhiiraa fi dubaraa walitti makuun fe'an to'annoo jala ooluu isaanii mirkaneessaniiru.

Bara darbes haaluma walfakkaatuun namoonni sooma hin jalqabiin erga hidhamanii booda akka sooma eegalan waadaa galuudhaan kan gadhiifaman yoo ta'u, firoottan ykn guddiftoonni gariinis waamamuun soomusaanii akka mirksnneessaniif hordoffii akka taasisan ajajni itti kennamee ture.

Warri bara kana to'ataman garuu mana murtiitti dhiyaachuu waan qabaniif carraa akka isa kan bara darbee sana hin qaban.

Waggoota 20 oliif, Shari'aan ykn seera Islaamaa, kutaalee kaaba Naajeeriyaa 12 kanneen baay'inaan Musliimoota ta'an keessatti seera kaan (secular) cinatti hojjechuu jalqabame. Shari'aan kun namoota Kiristaana lakkoofsa xiqqaa naannolee sana keessa jiraatan hin ilaallatu.

Ramadaanni, ji'a sagalffaa kaalandar Islaamaa kan ta'e, hawaasa Islaamaa biratti hiika addaa qaba.

Musliimoonnis keeyyanni Quraanaa jalqabaa, kitaaba qulqulluu Islaamaa, ji'a kana keessa, raajii Muhaammad'tti akka mul'ate kan amanan.

Soomni utubaawwan Islaamaa Shanan keessaa tokko yoo ta'u, kunis akkaataa Musliimoonni jireenya isaanii jiraachuuf qabanii dirqama ta'aniif bu'uura kaa'aniidha. Soomni kunis guyyaa sa'aatii ifti Aduu jiru keessatti raawwatama.

Ramadaanni yeroo baayyee guyyoota 29 ykn 30 kan turu yoo ta'u, Dilbata Bitooteessa 30 xumurama jedhamee eegama.