Janaraalli Raashiyaa Sargee Sarovikiin achi buuteen isaa dhabame eessa jira?

Janaraal Sargee Sarovikiin

Madda suuraa, EPA

Ajajoota waraana Raashiyaa olaannoo keessaa tokko kan ta’an, Janaraal Sergee Sarovikiin, erga torban darbee keessa wayita looltoonni Waagnar gara Mooskootti qajeeluun fincila kaasanii turanii mul’ataniin amma achi buuteen isaa hin beekamu.

Janaraal Sargeen keessattuu mala ajaja gara jabinaa yeroo humnoota Raashiyaa Siiriyaa keessatti oppareeshinii gaggeessanitiin ‘‘Janaraalaa Armaagedoon’’ jedhamuun beekama ture.

Sarovikiin attamiin garee Waagnar waliin walitti dhufa?

Janaraal Sarovikiin ajajaa humnoota qilleensaa Raashiyaa fi ittaanaa ajajjaa humnoota waraanaa kan Yukireen keessaati.

Innis Onkoolooleessa 2022- Amajjii 2023tti ajajjaa humnoota Raashiyaa Yukireen keessaa hundaa, ta’un kan tajaajilan yoo ta’u, booda aangoorraa kaafaman.

Waxabajjii 24, 2023 wayita gareen mindeeffamtoota Waaganar gara Mooskootti qajeeluu jalqabaniitti, Janaraalli kunis viidiyoorratti mul'achuun akka ‘‘ajaja pirezidanti Puutiin fudhachuun abomamanii’’ fi gara boodeetti akka deebii’an gaafate.

Yeroo kana jedhuuttis mallattoo sadarkaa omaatu uffata dambii isaarraa kan hin qabnee fi kan yaadda’ee bitaa itti gale fakkaata ture. Erga yeroo sanaatiin booda garuu hin mul’anne.

Gabaasni Niiw Yoorki Taayimsi ibsa tika US buu’urreeffachuun gabaase tokkos, Janaraal Sarovikiin dursee fincilli Waagnar akka ka'u ni beekaa ture. Aanga’oonnis akka Waagnar waliin hidhata qabu gaafataa turan jedhe.

Haata’u malee intalli qondaala waraanaa kanaa, Veeronikaan ‘‘omtu isa hin mudanne. Hojiidhummarra jira,’’ jechuu miidiyaa Raashiyaa Baza jedhamu ishee erguun gabaase.

Haata’u malee mootummaan hanga ammaatti eessa butee isaarratti kan jedhe hin jiru.

Hidhanni inni hoogganaa Waangar walin qabu maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Janaraal Sarovikiin hoogganaa Waangar Yevgeny Prigozhin waliin michooma akka qabuutti yaada ture. Yeroo looltoonni Waagnar baha Yukireeniitti Baakhmut to’achuuf lolaa turaniittis, Prigozhin akka dhiyeessitiin meeshaa waraanaa isaan barbaachisu argataniif duula cimaa gaggeessaa ture himeera.

Akkasumas Prigozhin, Jenaraal Surovikiin akka Garee Waagnariifi hoggantota waraana Raashiyaa waliin hojjatuuf gaheen addaa kennamuuf dubbata.

‘‘Kunis nama urjii addaa, janaraala waraanaa attamiin akka lolan beekuudha’’ jedheenii ture yeroos Prigozhin. ‘‘Janaraalli waraanaa kan biraa gaariin hin jiru.’’

Caamsaa 2023 keessa ammoo, Sarovikiin aangoo ajajjaa olaanaa humnoota Raashiyaa Yukireen keessaata'usaatti deebiifamu qaba jechuun gaafate ture hooggannaan Waagnar.

Gareen Qorannoo Raashiyaa, Jidduugalli Doossier, Janaraal Sarovikiin qondaaltoota waaraanaa fi tikaa olaanoo 30 Garee Waagnar keessatti miseensummaa ‘‘VIP’’ ta’uuf ragaa agarsiisuun qaba jedha.

Sarovikiin waraanaa Yukireen keessaa irratti attamiin hirmaatee?

Pirezidanti Puutiin Onkolooleessa 8, 2022 ture Janaraal Sarovikiin kan ajajaa ‘‘oppareeshinii waraana addaa’’ isaa Yukireen keessaa taasisan. Innis gahee kanaan yoo mudaman kan jalqabaati.

Isaan dura, humnoota Raashiyaa kibba Yukireen keessaa ajajaa turan.

Waraanni Yukireen dhiheenya kana keessa daangaalee bulchiinsa baha Donbaas keessaa hedduu deebiisuun to’ataniiru. Raashiyaan ammo olaantummaa ishee deeffachu barbaaddi.

Janaraal Sarovikiin gara jabeenyummaa isaatiin beekama ture. Ajaja isaa jalattis, humnootiin Raashiyaa Yukireen keessatti buufataalee bu’uuraa namoota nagaa, kanneen akka buufataalee ibsaa irratti ganna guutuu rookkeettiiwaniifi dirooniindhaan haleellaa raawwataniiru.

Akkasumas janaraalli kun yeroo looltoonni Raashiyaa 30,000 ta’an, akka adda kutamaniifi marfamanii hin hafneef, magaala Khersan fi qarqara galaana lixa Laga Dniproo keessa bahamu isattu hojjanaa ture.

Haata’u malee Sarovikin lolichi injifannoo Raashiyaatiin akka ta’u gochuu hin dandeenye. Kanaafu Pirezidantii Puutiin Amajjii 2023 ajajaa Olaanaa Vaaleerii Garaasimoviin bakka isa buuse.

Innis akka itti aantoota ajajaa Garaasimov sadeen keessaa tokkootti achuma ture.

Sarovikiin maaliif ‘‘Janaraala Armaagedoon’’ jedhamee?

Janaraal Sarovikiin magaala Sibeeriyaa kan taatee Novosibirski keessatti kan dhalate yoo ta’u gaheessa wagga 56ti.

Inni jalaqaba qalbii namaa kan seenee Hagayya 1991 ture. Akka kaapteenii waraanaatti, loltoonni akka danqaa namoonni hiriira bahan hogganaa Sooviyeeti yeroosii, Mikaa’eel Gorbaachev kaa’an akka cabsaniif ajaje.

Namoonni sadii ajjeeffamanii garuu ammo Sarovikiin dogongora lafarratti ajaja hordofuun mataansaa raawwate ni qulleesse.

Achinis waraana Raashiyaa keessatti Taajikistaan fi Cheechnyaa keessatti bara 1990motaafi 2000ta keessa tajaajiileera.

Chechnyaa keessatti, Sarovikiin wara isa jalaa yeroo hedduu sarbama mirga namoomaa jiraattoota naannichaarratti raawwachun himatameera.

Kanneen ijaan argan akka gabaasaniitti baataliyooniiwwan Sarovikiin jalatti argaman keessaa tokko bakka tokkootti maneen namootaa cabsuudhaan ‘‘oppareshiniiwwan dugguggaa’’ rawwateera.

Bara 2017tti ammo, Sarovikiin ajajjaa humnoota Raashiyaa ta’uun mudamuun akka Pirezidantii Siriyaa Baashir al-Asaad gareewwan mormiituun looluuf gargaaraniif gara Siriyaatti ergame.

Baatiiwwan saddeetiif wayita achiitti humnoota Raashiyaa dursaa tureettis, meeshaalee keemikaalaatti fayyadamuufi hospitaaloota barbaddeessuun, sarbama mirga namoomaa raawwachuun himatamaa ture.

Dhaabbanni mirgaaf falmu Humaan Raayitis Wochi akka jedheetti, Sarovikiin ajajoota Raashiyaafi kan Siriyaa kaan waliin, bara 2019-202tti ollaa idilib wayita to’ataniitti, ta’e jedhanii naannoolee jireenyaa fi bu’uuraalee ciiviilii irratti haleellaa raawwataa turan.

Akkasumas gareen isaa Siiriyaa keessatti meeshaalee waraanaa kemikaaraatti fayydamuu fi hispitaaloota diiguudhaan gareewwan mirgaatiin himataman.

Mootummaan Raashiyaa ammo himannaawwan hunda haaleera.

Erga Siriyaa irraa deebii’een boodas, Sarovikiin ajajaa Humnoota Qilleensaa Raashiyaa taasifamuun Goota Raashiyaa kan sadarkaa biyyaatti kennaa waraanaa olaanaa ta’e kennameefira.