Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan warraa Naansii Peeloosii alkoolii dhuganii konkolaachisuun hidhaan adabaman
Abbaa warraan dubbii himtuu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaa, Naansii Peeloosii, alkoolii dhuganii konkolaachisuun hidhaan guyyaa shanii irratti murtaa'e.
Pool Peeloosii ganna 82 tahan, Caamsaa 2022 keessa dhuugaatii alkoolii dhuguun osoo konkolaachisanii konkolaataa isaanii Poorshaa tahe, Kaalifoorniyaa keessatti konkolaataa biraatti buusuun miidhaa qaamaa geesisuu amananiiru.
Iyyatni isaanii akka adabbiin salphatuuf godheera. Naansii Peelosii waliin erga 1963 bultoo dhaabbatanii waliin jiraataa jiru.
Pool Peelosii senaatera paartii Dimokiraatotaa gameessa turan.
Pool adabbii hidhaa guyyaa shanii irratti darbe kana booda hin hidhaman.
Guyyaa balaan sun dhaqqabe mana hidhaa turan. Inni akka guyya alamaatti qabameeraaf.
Amala gaarii agarsiisaniif adabbiin hidhaa guyyaa lamaa hir'ateeraaf. Guyyaa tokko hafte ammoo tajaajila hawwaasaa s'a saddet kennuun kan guutattan taha.
Pool Peeloosiin dhaabbata faayinaansii guddaa hundeesuun beekamu. Kana booda waggoota sadiif yerootti madaalamaa turan taha.
Ji'a sadi sadiin ammoo barnoota dhuganii konkolaachisuu hordofu. Nama miidhaa irraan gahaniif doolaara 7,000 kaffalu.
Eeyyamni konkolaachisumaa isaanii harkaa hin fuudhamu. Garuu konkolaataa isaanii galanii konkolaachisuu osoo hin jalqabiin dura meeshaa qorannoo alkoolii taasisu fayyadamuun qoratamu.
Meeshaan kun afuura isaanii irra samuda fudhachuun alkoolii dhuguu isaanii adda baasa.
Guyyaa murteen kun irratti darbe dhaddacha irratti hin argamne.
Halkan balaan kun Kaalifoorniyaa, Ookvilee keessatti dhaqqabu mana hiriyaa isaanii yeroo dheeraa fi paartii Dimokiraatotaaf arjoomuun beekamuutii bahaa turan.
Akka gabaasa poolisiitti konkolaataa isaanii Poorshaa modela 2021 tahe konkolaataa biraa Jeep naannoo mana isaanii turetti buusan.
Balaa dhaqqabeen konkolaatota lameen irra miidhaa guddaan gaheera.
Pool Peelosii poolisii bakkichatti argametti kaardii miseensa tola ooltota eegumsa daandii guddicha Kaalifoorniyaaf deeggarsa godhu tahuu himu itti agarsiisan, akka poolisiin himata bane jedhutti.
Guyyaa sana Naansii Peelosii ammoo Odola Roodetti argamuun eebbifamtootaaf ergaa dabarsaa turan. Waajjirri isaanii gaafatamees ''kun dhimma dhuunfaati'' jechuurra kan darbe ibsa biraa kennuu hin feene.