Barakat Gooyitom: Lammii Ertiraa baqatummaa irraa ka'uun dhaabbata ijaarsaa biyyoota hedduutti hundeesse

Barakat Gooyitoom

Barakat Gooyitom jedhama. Ogeessa mahaandisummaati. Bara Ertiraan waraanaarra turteetti haatiisaa isaan oolchuuf jecha gara biyya ollaatti imalan.

Ertiraan hanga walabummaashee labsituttis buufata baqattootaa keessatti barataa ture. Erga gara Ertiraatti deebi’aniin boodas jireenya baqannaarraa hin fagaanne ture.

Haata’u malee, har’a sana hunda keessa darbuun dhaabbata mataasaa hundeeffachuun hojjattoota kumaatamaan qacaree hojjachisa. Bara 2007 keessa ture hiriyyootasaa waliin ta’un dhaabbata ‘Kana’aan’ jedhamu Sudaan Kibbaatti kan hundeessan.

Barakat turtii BBC waliin taasiseen bara 1970mota keessaa Ertiraatti dhalachuufi yeroos abbaansaa gara adda waraanaa waan deemaniif haatiisaa qofti akka guddifte dubbata.

‘‘Jalqaba bara 1980 irratti ture haatii keenya anaafi obboolaa angafaa koo lama qabattee gara Sudaan imalte,’’ jedha Barakat.

‘‘Jireenyakoo jalqabaa Kasalaattiin dabarse. Kutaa 1-6ttis Kasalaa kan Adda Bilisummaa Ummata Ertiraatiin bulu, mana-barnootaa Sawuraattiin baradhe. Kutaa torbaa kaasee garuu mana-barnootaa baqattootaa UNHCRn deeggaramuttan baradhe,’’ jedha.

Ertiraan erga walabummaashee labsiteen booda, bara 1995tti lammiileen Ertiraa achi turan dhuunfaafi deeggarsa dhaabbileetiin gara Ertiraatti deebi’aa waan turanif Barakatis maatiisaa waliin gara biyyaatti deebii’e.

Kutaa 10 fi 11 Ertiraa mana-barnootaa Daqamahaariitti barate. Bara 1977tti ammooYunivarsitii mahaandisummaatiin seenee bara 2003tti eebbiifame.

Hanga bara 2006tti leenjii tajaajila biyyaaleessaa kennaa erga tureen booda, gara Dubaayiitti imale.

Dhaabbanni Kana’aan attamiifi eessatti hundaa’e?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni Kana’aan biyyoota akka Keeniyaa, Yugaandaa fi biyyoota Afriikaa kaan keessaa dame qaba.

Ogeessa mahaandisummaa kan ta’e Barakat Dubaayitti imaluun dura muuxannoo hojii kan wagga tokkoo qaba ture.

‘‘Yeroo Dubaay deemutti biyyattii keessa sochiin ijaarsaa hedduun waan tureef dafeen hojii eegale. Hiriyyoota kiyya lama waliinan bara 2007tti Sudaan Kibbaatti dhaabbata ijaarsaa Kana’aan hundeessine. Amma dhaabbatichi gara biyyoota hedduutti babal’ateera,’’ jedha.

Injinara Barakat wayita Dubaay dhaqetti mallattoo magaala guddoo Dubaay kan ta’e gamoo guddicha (Dubaay Mall) ‘Biriij Al-Kaaliifaa’n ijaarsa irra akka tureefi innis ogummaasaatin qacaramee akka hojjate yaadata.

Haata’u malee, wayita Dubaay tureetti hojii uumuuf fedhiifi dandeettii qabaatulleen nama akkasaa jalqaba ogummaarra jiruuf waan cimuuf, gara biyya dorgommii xiqqaan jiru Sudaan Kibbaa filachuu kaasa.

Dargaggoonni hedduun takkaa erga biyyaa bahaniin booda dhuma imalasaanii Ameerikaafi Awurooppaa akka taasisan kaasuun, murteen jireenya keessatti taasifamu kamuu boqonnaa jireenyaa itti aanu keessatti gummaacha akka qabaatu hima.

‘‘Yeroon Dubaay jiru gara biyyoota Awurooppaa kaan deemuuf carraan qaba ture. Nuti gara Sudaan Kibbaatti imalle. Kunis akka murteefi carraa gaariitti fudhatamuu danda’a’’ jechuun murtee jireenyasaa keessatti taasise keessaa isa olaanaa ta’uu kaasa.

Barakat fa’is Sudaan Kibbaatti aansuun bara 2010 keessa Yugaandaatti manneen ijaaruu eegalan. Bara 2013tti ammoo Keeniyaa, Itoophiyaa, Angoolaa, Gaanaa fi biyyoota Afriikaa kaan keessatti damee saaquun babal’chuu itti fufan.

Ijaarsi manneenii Kana’aan, warshaa pilaastikii, warshaa aannanii, ijaarsa daandii, dalalata cuunfaafi hojiiwwan gara biraarratti bobba’uu dubbata Barakat.

Milkaa’ina dhaabbatasaanii yoo himus, hanga ammaatti Keeniyaa keessatti qofa manneen 1,000 ol ijaarreera jedha.

‘‘Biyyoota akka Sudaan Kibbaattis manneen hedduu ijaarreerra. Ijaarsa daandii irrattis hirmaataa jirra. Itoophiyaattis akkasuma, Yugaandaattis akkuma Keeniyaa bal’inaan ijaarsa gaggeessaa jirra’’ jedhe.

Haata’u malee, hanga feetu hojiikeetiin milkooftulleen, akka kan biyya dhaloota keetti hojjattutti gammachuu namaaf akka hin kennine kaasa Barakat.

‘‘Asitti hojjetaa kan jirru carraan waan jiruufidha. Osoo carraan Ertitaatti banamee hojii amma hojjataa jirru fakkaatu ykn kan isaan olii ni hojjanna. Waaqnis nu gargaara.’’

Gamoowwan dhabbanni ijaarsaa Kan'aan Keeniyaatti ijaaraa jiru keessa tokko

Dhaabbanni Kana'aan kaappitaala meeqaan eegale?

Kana’aan ammatti hojjattoota dhaabbataa 1,000 ta’na qaba. Namoonni 1,000 ol ta’an ammoo guyyaan hojii ijaarsaarra hojjatu.

‘‘Kun Keeniyaa keessa kan jirudha. Yoo kan biyyoota biraa ilaalle, hojjattoota kan Keenyaa caalu qabna’’ jedha. ‘‘Dhaabbata akksii hundeessuudhaaf wanti dura barbaachisu fedhiifi murtoodha. Ittaansee bakka sirrii filachuudha. Haaluma walfakkaatunis invastimantichi yeroo meeqa keessatti gatii ka’umsasaa deebisuu akka danda’u qorachuu barbaachisa,’’ jedha.

Haata’u malee, dhaabbatichi yeroo eegalamu kaappitaala omaa akka hin qabne ibsa. ‘‘Kan eegalle zeeroo irraa ture. Kaappitaala ta’e hin qabnu ture. Kan qabannee kaane tokkichi barnoota. Yaadaafi fedhii yoo qabaatte maallaqni bakka gadaanaa qabata.’’

‘‘Namoonni yoo eegaluuf meeqatu barbaachisa? Jechuun na gaafatan, ‘omtuu hin barbaachisu, fedhii qabaannaan kan harkaa qabduun eegaluudhaaf gahaadha’ jedhaan’’ jechuun ibsa.

Milkaa’uuf ammoo xiyyeeffannoo guutuu kennuun hojjachuun murteessaa ta’uu kaasa. Yunivarsitii Istiraatmoor kan Keeniyaafi biyyoota Afriikaa kaanii damee qaburraa Masters of Business Administration eebbiifameera. Namoonni ogummaa qabatan barnootaan akka cimsatan gorsa.

Barakati Gooyitom

Namoota waliin hojjatamu haalaan filachuu

Barakat jalqaba yoo ijaarsa manneeniirratti bobba’u waliin hojjachuuf kan murteesse hiriyyaasaa itti dhiheenyaan beeku Injinar Ba’imnet waliin ta’uu kaasa.

‘‘Walta’insa sirrii argachuun garaagarummaa milkaa’inaafi kufaatii jidduutti argamudha jedha. Nama wal hubattu waliin yoo hojjatte carraan milkaa’ukee olaanaadha. Yoo filannoo keetiin dogongora raawwatte ammoo, dhumnisaa kufaatii qofaa osoo hin taane, milkaa’ina gara biraa irraallee si danquu danda’a’’ jechuun attamiin hiriyyootasaa lamaan waliin hanga ammaa akka itti turuu danda’e icciitiisaa dubbata.

Keessattuu, ogeessoota jalqabarratti argamaniif hiriyyaa waliin hojjatan filachuudhaaf sirriin itti yaaduun akka barbaachisu yoo kaasus, ‘‘ilaalcha walfakkaatu yoo qabaatte gaariidha,’’ jedha.

Kana biraa ammoo ‘‘garaagarummaa jiru amananii fudhachuudhaan hojjachuudha. Waan hundaan tokko ta’uun hindnada’amu. Rakkoon sharika ta'anii hojjechuu keessatti mudachuu danda’u kan akka kiyyatti yaaduu qaba jechuun eegurraa maddu jedheen yaada’’ jedha.

Injinar Barakat qofaa ofii hojjachuurra namoota kaan waliin walta’insaan hojjachuun bu’aa qabu wayita ibsu, ‘‘walta’insi sadarkaa ol kaasa. Kana biraa ammoo gara sadarkaa ittaanuun si gaha,’’ jedha.

‘Erga biyyaa baanee cimnee haa hojjannu’

‘‘Ijoolluummaan Sudaan keessatti baqataan ture. Tajaajila biyyaaleessaa keessas tureera. Deebiyeen gara baqannaatti deebi’e. Akkasumas lammiileen Ertiraa baayyeen seenaa walfakkaataa qabu.’’

"Waan harkaa qabdutti fayyadamuun attamiin gara sadarkaa ittaanutti akka ceetu yaaduun barbaachisaadha. Miira hirkattuummaa ykn miidhamaa qabaachuu hin qabdu,’’ jechuun gorsa.

Attamiin akka jireenya fooyya’aa jiraatamuufi caalaa barachuun itti danda’amu yaaduun barbaachisaa ta’uu kaasa.

‘‘Sudaan Kibbaatti lammiilee Ertiraa sadarkaan barnootaasaanii gadaanaa ta’e osoo hin hanfe yoo ajaa’iba hojjatan argeera. Kanaaf, yoo fedhii qabaatte baayyee hojjachuu dandeessa. Erga biyya keenyaa bahuun keenya hin ollee, cimnee hojjannee kan qabanne haa guddifnu,’’ jedha.

Lammiileen Ertiraa milkaa’an hedduun jiraachuu kan kaasu Injinar Barakat, ‘‘namoonni milkaa’an kunneenis dargaggootaaf muuxannoosaanii qooduu qabu,’’ jechuun Ertiraanooti biyya garagaraatti argaman dargaggoota akka dadamaqsan gaafata.