Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjettoonni warshaa simintoo Daangotee hidhattootaan butaman qarshii guddaa kanfaluun bahan
Torban darbe guyyaa Roobii ALI Sadaasa 21, 2015 hidhattootaan kan butaman hojjettoonni Warshaa Simintoo Daangotee qarshi guddaa kanfalanii gadhiifamuu BBC’n odeeffate.
Hojjettoonni kuni ganama gara hojii bakka galtee warshaaf tahu bahutti yeroo adeeman ture kan konkolaataa keessaa qabaman.
Qondaaloti kaampaanii Daangotee lama BBC’n dubbise hojjettooti 37 butamuufi isaan keessaa 20 gadhiifamanii akka turan himanii turan.
Kan hafan 17 garuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun butamanii akka hafan ibsani.
Haa ta’u malee, dhuma torbee darbee - eega butamanii guyyoota muraasa booda - hojjettooti butaman gadhiifamuu BBC’n odeeffateera.
Hojjettooti kunneen qarshii 300,000 – 500,000 kanfaluun gadhiifamuu BBC'n odeeffateera.
Dhimma kana irratti gareen mootummaan galmee shororkeessuummaa jala galche waan jedhe hin qabu. Himannaa akkanaa garuu kana dura waakkataa ture.
Dhimma butamuufi gadhiifamuu hojjettoota kanaa irratti mootummaan waan jedhe hin qabu.
Torban darbe garuu Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa gareen kuni ‚‘‘garee saamicharratti bobba’edha‘‘ jechuun himatanii mootummaan marii akka waliin hin teenye ibsaniiru.
Namoota butanii qarshii gaafachuun bakkeewwan Oromiyaa hidhattooti sosso’anitti babal’ateera.
Jiraataan BBC’n Aanaa Ada‘aa Bargaa irraa dubbise aanichatti waan akkanaa irra-deddeebiin raawwatamaa akka jiru dubbatan.
Hojjettoota Warshaa Simintoo Daangoteen alattis hojjettooti warshaa biroo waan akkanaa isaan qunnamee akka ture kana dura gabaafamaa ture.
Warshaan simintoo hojjettooti itti ukkaamfaman kuni magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneerraa gama Lixaan 90km gadiitti argama.