Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjettoonni warshaa simintoo Daangotee 'hedduu' hidhattootaan ukkaamfaman
Hojjeettoonni warshaa simintoo Daangotee guyyaa Roobii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Adaa Bargaatti hidhattootaan ukkaamfamuu dhaabbatichi beeksise.
BBC'n jiraattotaafi maddeenirraa akka odeeffateetti, hojjettoonni Roobii ganama sa'aatii warshaa simintoorraa bahanii gara bakka galteen warshaa qotamutti osoo adeemanii karaatti butaman.
Dhaabbata Warshaa Simintoo Daangoteetti hooggantoonni olaanoo lama taateen kuni mudachuu BBC’f mirkaneessaniiru.
Hoggantoonni dhaabbatichaa akkasumas jiraattonni badii kana hidhattootni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jedhuufi tarree shororkeessummaa keessa galchetu raawwate jedhan.
Gama hidhattootaan ammatti wanti jedhame hin jiru
Qondaalli dhaabbata Daangote tokko BBC'n dubbise kanneen butaman lakkoofsaan meeqa akka ta’an gaafatamanii ''baay’eedha’’ jedhan.
Kanneen keessaa ‘’20 deebi’aniiru, 17’tu achitti hafe,’’ jechuun ammalleen lakkoofsa sirrii baruuf qoratamaa jiraachuu himan.
BBC'n maddeen irraa lakkoofsi hojjettoota butaman 30 gadi akka hin taane odeeffatee ture.
Dhimma kana irratti BBC’n aangawoota mootummaa irraa odeeffachuus yaaluus hin milkoofne.
Bakki warshaan simintoo jiruufi bakki galteen warshaaf oolu qotamee bahu walirraa fagaata. Bakki butamuun isaanii ibsame Finfinneerraa gama Lixaatti 100km ol fagaata.
Warshaan simintoo guddichi qabeenyummaan isaa dureessa guddicha Afrikaa lammii Naayijeeriyaa Alikoo Daangotee yoo ta'u, dhaabbatichi dhimma kana irratti waan dubbate hin qabu.
Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kaabaa bakka warshaaleen simintoo adda addaa argamanitti badiin hidhattooti itti himataman yoo dhagahamu kuni kan jalqabaa miti.
Kana dura garuu hidhattooti badii akkanaa itti-gaafatama hin fudhannu jechuun waakkataniiru.
Barana baatii Onkololeessaa keessa achuma Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaatti haleellaa hidhattootni awutoobisii hojjettoota warshaa simmintoo Mugar deddeebisu irratti bananiin yoo xiqqaate lubbuun namoota lamaa darbeera.
Waggaa darbees Aanaa Sulultaatti hojjettooti warshaa simintoo Itiyoo [Ethio Cement] lammiilee biyya alaa dabalatee 30'tti siqan hidhattootaan ugguramanii torbanoota muraasa booda gadhiifamaniiru.
Maaltu ta'e?
Akka jiraataan maqaa naaf dhoksaa jedhan himanitti, hojjettoonni kun ''lafa gammoojjii maashiniin dhakaa daaku'' kan hojjetan akka ta'aniifi konkolaataa dhaabbatichaa sarvisii ta'een imalaa turan.
Kanneen ugguraman keessaa maanguddoofi dubartoota gadi dhiifamanii kaan ugguramuu ibsan.
Dhaabbatichatti nami hooggansarra jiran tokkos taateen kuni ''ganama sa'aatii 12:30 hojjettoota shiftii warra ganamaa konkolaataa TATA'dhaan'' imalaa turanirratti dhaqqabuu himan.
Namoota butanii qarshii gaafachuun, hanga kanfalamutti ugguranii tursiisuun gama bakkeewwan baadiyyaa hidhattooti sosso'anitti irra deddeebbiin raawwatama.
Hidhattooti garuu kana ni waakkatu.
Dubbii Himaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaleef jalqaba torban kana kennaniin hidhattoota WBO ''garee saamicharratti bobba'edha'' jechuun himataniiru.
Akka jiraattoti jedhanitti, namoota ukkaamsan jedhaman kana gadhisiisuufis hidhattooti ''qarshii guddaa'' gaafatu.
Hojjettoota warshaa Daangoteen alatti torbanoota muraasa dura hidhattooti hojjettoota warshaa Mugar qabanii qarshii kanfalchiisanii gadhiisuu himu jiraataan kun.
Akkaataa kana dura barameen hidhattooti namoota ugguranirraa hanga qarshii miiliyoona tokko gaafatu jedhan. Inni xiqqaan qarshii 100,000 jechuun ibsan.
Jiraattonni akka jedhanitti, mootummaaf dalagduufi dhimmoota garagaraa eeruun namoonni nagaa ukkaamfamu.
Humnooti mootummaas hidhattootaaf dalagdu jechuun maatii hidhattootaa irratti akka haleellaa gaggeessanis jiraattonni ni dubbatu.
Marii kana dura abbootiin qabeenyaa simintoofi mootummaan mari'atan irratti mootummaan rakkoo nageenyaa furuuf karoora akka qopheesse ibsee ture.
Mootummaan finciltoota Tigraay waliin rakkoo karaa nagaa hiikuuf baatii tokko dura waliigalteerra gahuus hidhattoota WBO ''ajandaa siyaasaa hin qaban'' jedhu waliin garuu marii akka hin teenye ibseera.