'Dhaabbanni 'CIA' ganna 16tti eeyyama koo malee qorannoo sammuu narratti taasiseef mana murtiittin himadha'

Laanaa Pooyintiing, suuraa adiifi gurraachaa daa'ima uffata adii keewwa

Madda suuraa, Submitted photo

Laanaa Pooyinting waa'ee Intitiyuutii Allan Meemooriyaa - hospitaala wal'aansa sammuu yoo yaadattu foolii qorichaati itti dhufa.

''Iddichi waan fakkaatu hin jaaladhun ture. Hospitaala natti hin fakkaatu ture,'' jechuun dubbatti.

Hospitaala kana keessa bara 1958 yeroo waggaa 16 turte ji'a tokkoof turteetti. Achi kan galtes amala ''hin ajajamne qabdi'' jedhamteetu.

Hospitaala kana keessatti dhaabbanni basaasaa Ameerikaa CIA'n qorannoo taasisa.

Sammuu namootaa to'achuuf qorannoon CIA'n taasisu icciitii guddaadhaan kan qabame ture.

Laanaafi miidhamtuun biraa tokko lammiilee Kaanaadaa miidhaan irra gahe biraa wajjin himannaa bananiiru. Hospitaalichi ol iyyannoo dhiyeessullee adeemsi himannaa akka itti fufu dhaddachi murteesseera.

Laanaan sanada wal'aansaa ishee kan argatte dhihoo kanadha.

Maatiinshee Atawaa irraa gara magaalaa Moontriyaalitti yeroo dabarfaman achi jiraachuu hin itti baruu dandeenye.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Eeyyama maatishee malee hiriyyootashee wajjin manaa badde jedhamuun sanada wal'aansaa isheerratti barreefameera.

''Ani akkuma dargaggoo kaaniin ture. Daanyaan garuu hospitaala akkaan galu murteesse,'' jechuun yaadatti.

Dhaabbanni basaasa CIA maqaa 'MK-Ultra' jedhuun qorannoo adeemsisu keessatti akka hirmaattu tahe.

Qorichoota kanneen akka LSD fi sammuutti elektiriikii erguun namoota kunneen irratti qorannoon taasifama ture.

Namoota eeyyama isaanii malee ilaalcha isaanii akka geeddaran(brainwash) gochuun galma qorannoo kanaa isa tokkodha.

Ameerikaafi Kanaadaatti hospitaaloota 100 ol, manneen sirreessaafi manneen barnotaa keessatti faa qorannoon kuni adeemsifameera.

Mana Yaalaa Alan Meemooriyaa keessatti Dr Erwiin Kaameeruun ogeessi jedhaman dhukkubsattootaaf qoricha kennuun dubbii isaanii sirreessu ture. Gochaa kana al kuma tokko caalaa raawwataniiru.

Laanaan sagalee waraabame tokko al 100 akka dhaggeeffattu taasifamteetti.

''Ati shamarree gaarii dha. Ati shamarree gaarii miti,'' sagalee jedhu al 100 akka dhaggeeffattu taasifamteetti.

Qorattuun xiin-sammuu Joordaan Toorbii, jechoota irra deddeebi'uun sammuu dhukkubsattootaa irra mala jijjiirama fiduu yoo tahu naamusa fayyaatiin waan dhorkamu miti jetti.

Hospitaala Meemooriyaalii Alan

Qoricha hirribaa kennuu, waa arguu akka hin dandeenye gochuufi koomaa keessa galchuun yaalii damee kanaan hinuma raawwata jetti.

Laanaan akka yaadattutti LSD, Soodiyam Amooyaataal, Baarbii Tureet akkasumas gaasii of akka irraanfatu godhaniifi qorichooti kaan keennamaniiruufi.

Yeroo qorannoon irratti taasifamaa tureefi, ''Niitroos Oksaayiid kennamaafi ture amala dutuufi aaruu agarsiisti ture. Siree irraa of darbachaa iyyiti ture,'' jechuun hakiimni waa'ee Laanaa barreessaniiru.

Miidhaan qorannoo CIA'n taasisaa ture kan ifa bahe bara 1970 booda dha.

Miidhamtoonni Ameerikaafi Kaanaadaa jiraatan himannaa banuu yaalaniiru. Ameerikaatti himatawwaan banaman otoo hin milkaa'in hafaniiru.

Bara 1988 daanyaan Kanaadaa mootummaan Ameerikaa miidhamtoota tokko, tokkoon isaaniif beenyaa doolaara 67,000 akka kennu murteessanii ture.

Bara 1992 mootummaan Kaanaadaa miidhamtoota 77f tokko, tokko isaaniif doolaara 80,000 kenneera.

Laanaan namoota beenyaan kennameef keessa hin jirtu ture. Qorannoon irratti taasifamaa akka ture kan barte dhihoo kana dha. Waggootaaf rakkoo wayii akka qabdu yaaddi ture.

Hopitaalicha keessatti waan irra tahe keessaa muraasa qofa yaadatti. Amma akkoo ijoollee afurii taateetti. Hospitaalichaa baatee ijoollee lama godhattus godaannisi yeroo sanaa garuu ishee hin gadhiifne.

''Umrii koo guutuu akkaataan wayii itti yaadu adda tahuun na dhiphisa ture. Maaliifan akkas yaada? Jedheen dinqama ture. Hospitaala kana yeroon ture waan narra gahetu kanaan na gahe,'' jetti.

Bara jireenyashee kan dabarsite dhibee sammuu waliin wal-aansoo wal qabuuni. Qiricha baayyee fudhatti. Abjuu nama sodaachisu arguun akka raafamtus himti.

''Gaaf, gaafa halkan iyyaa hirriba koorraa dammaqa,'' jechuun ibsiti.

Dhimmi kuni mana murtiin waan qabameef hospitaalichi BBCf deebii kennuu hin barbaadne.

Laanaan gidiraa isheerra gahe keessaa bahuuf murtii mana murtii eeggataa jirti.

''Yeroo garii mana taa'ee waanin dabarse yaada. Suuraa Dr Erwiin Kaameeruun yoon arge baayyeen aara.''

Dr Erwiin Kaameeruun nama maqaan isaanii qorannoo icciitii CIA kana wajjin ka'us yeroo qorannoon kuni adeemsifame deeggarsa maallaqaa gochaa kan ture CIA tahuusaa akka hin beekne qorattuun xiinsammuu Joordaan Torbii dubbatti.

Bara 1964 CIA wajjin hojiin qaban addaan akka cite otoo hin beekiin dhukkuba onneen lubbuun isaanii darbe.

Qorattuun xiinsammuu Joordaan Torbii akka jettutti, maallaqni dhaabbata kamii akka ramadamu beekanis, beekuudhaa baatanis qorannoon naamusa ogummaan ala tahe raawwachuu hin qaban ture jetti.

''Dhukkubsattoonni waan dhaban deebisanii hin argatan. Garuu gidiraan isaanii akkasumaan lafatti akka hin hafne beekuu qabu. Kaanis kanarraa akka baratan murtoon mana murtii shoora qabaata,'' jechuunis himteetti.