Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan al-Shabaab Itoophiyaan ajjeesuu himte Somaaliland jira jedhame
Hogganaan al-Shabaab Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waggaa tokko dura ajjeeseera jedhe Somaalelaand keessaa sochii shororkeessummaa hogganaa jira jedhame.
Ministeerri Haajaa Alaa Somaalelaand Sanbata xiqqaa darbe ibsa baaseen hooggantoota al-Shabaab keessaa tokko Fu'aad Mohaammed bulchiinsa Laasanaadoo keessatti sochii shororkeessummaa hoogganaa akka jiru ibse.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Adoolessa bara darbee hogganaa dadammaqinaa fi piroopagaandaa garee hidhattootaa al-Shabaab Fu'aad Mohaammed dabalatee namoota biroo sadii duula gaggeesseen ajjeesuu beeksise.
Haa ta’u malee, Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand ibsa baaseen Fu'aad Mohammad guyyoota muraasa darban keessa, loltoota 600 dursuun, itti fayyadama meeshaalee dhuka'oorratti leenjisuuf akkasumas naannoo gaarrenii akkamitti akka itti fayyadaman qorachuuf gara Laasanaadoo seenuu mirkanaa'eera jedhe.
Maqaa masoo Shangolee jedhamuun kan beekamu namni kun, lammuummaa Somaaliyaafi Siwiidiin kan qabu yeroo ta'u, Amerikaan nama achi buutee nama kana beekuuf badhaasadoolaara miiliyyona shanii akka kennitu ibsaa turte.
Itoophiyaan hogganoota al-Shabaab barbaadamoo keessaa tokko kan ta'e kan ajjesuu gabaasuun ishee xiyyeeffanoo addunyaa akka argatu godhee ture.
Waggaa tokko dura Itti Gaafatamaa Bobbaa Raayyaa Ittisa Biyyaafi Qindeessaa ajajaa poostii nageenyaa yeroo kan ta’an Meejar Jeneraal Tesfaayee Ayyaalewu, Fo'aad Mohaammed fi hogganoonni biroon sadii ajjeefamaniiru jechuun Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanii turan.
Humni ittisa biyyaa Itoophiyaa ajjefamuu Fu'aad Mohaammad Kahilaaf erga ifa godheen booda gareen finxaalessaa kun oduun ajjeefamuu Fuhaad sobadha jedhee ture.
Qama walabaatiin sirrummaan isaa mirkaneessuun kan hin danda’amne ta’us gaaffiifi deebii Fu'aad Mohaammad Kahilaaf taasisanidha jedhaman erga ajjeefamuun isaa Itoophiyaatiin ibsamee booda sabaa himaaleerratti bahaa turan.
Yeroo sanatti Meejar Janaraal Tesfaayee Ayyaalewu Fu'aad Mohaammadiin alatti dubbi-himaa garee kanaati kan jedhame Abdulaaziiz Abu Muusaa fi hogganaan godina Baakul kan daangaa Itoophiyaarratti argamtuu Ubeed Nuur Iisee haleellaa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaatiin ajjeefamuun dubbatanii ture.
Mootummaan Somaaliilaand ibsa isaa kanaan lakkoofsi haleellaa Lasanadootti raawwataman, carraaqqiin miseensota fo’achuufi hololli garee finxaaleyyii dabaluun isaa baayyee na yaaddesseera kan jedhe yoo ta’u, sochiin finxaaleyyii nageenyaafi tasgabbii Somaaliilaandiifi qaxanaa ballaa waliigalaatiif yaaddoodha jedheera.
Mootummaan Somaaliilaand biyyoonni ollaafi hawaasni idil-addunyaa Lasanadootti sochii finxaaleyyii dhaabsisuudhaaf tumsa akka taasisaniif waamicha dhiyeesseera.
Raayyaan ittisa biyyaa aanga’oota garee finxaalessaa kanneen sadan ajjeeseera kan jedhe Al-Shabaab daangaa Itoophiyaa seenuudhaan haleellaa wayita baniteetti ture.
Bara darbe dhuma ji’a Adoolessaa Al-Shabaab magaalota naannoo Somaalee daangaa Itoophiyaa karaa Somaaliyaa waliin waldaangessurratti haleellaa bannee kan ture ta’us, humna addaa naannoo Somaaleefi raayyaa ittisa biyyaatiin gareen finxaalessaa kun akka qolatame ibsamee ture.
Hidhattoonni garee kanaa yeroo tokko kiiloomeetira 100 ol daangaa Itoophiyaa keessa seenuun haleellaa bananii tarkaanfii naannoo Somaaleefi raayyaa Federaalaatiin fudhatameen miseensonni garee kanaa 200 ol ta’an ajjeefamuu mootummaan beeksisee ture.