Ameerikaan waa'ee misaa'elii ammayyaa Paatiroot jedhamu loltoota Yukireen leenjisuuf ofitti waamte

Loltoonni Yukireen itti fayyadama misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa Paatiroot jedhamu irratti leenjii fudhachuuf US imaluuf akka ta'e qondaaltonni Ameerikaa himan.

Loltoonni Yukireen US deemanii leenjii misaa'ela Paatiroot fayyadamuu fudhatan kun lakkoofsan 90 hanga 100 yoo ta'an torbee dhufu irraa kaasee buufata waraanaa Oklaahomaa Foort Istiil jedhamu akka gahan Peentagan beeksiseera.

Waraana Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessaa jirtuuf misaa'elli ammayyaa Paatiroot jedhamu dirree waraanaa irratti jijjiirama guddaa akka fidu Yukireen beeksifteetti.

"Hojii gaafa eegale, misaa'elli Paatiroot dandeettii haleellaa qilleensarraa qolachuu Yukireen ni cimsa, akkasumas ummanni Yukireen haleellaa qilleensarraa Raashiyaan raawwattu qolachuuf dandeettii dabalataa ta'aaf," jechuun Dubbii Himaan Peentagon Paat Raayidar dubbatan.

Ji'a darbe pirezidantiin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin yeroo Washingtanitti daawwannaa taasisan, US misaa'ela ammayyaa Paatiroot jedhamu Yukireenif akka kennitu Joo Baayidan ibsanii turan.

Vilaadmir Puutin gama isaanitiin misaa'elli Paatiroot sirna ittisa haleellaa qilleensarraa boodatti hafaa waan ta'eef waraanni Raashiyaa "rukutee caccabsa" jechuun itti qoosanii turan.

Misaa'elli US Paatiroot jedhamu kun misaa'ela lafaa gara samiitti dhukaafamu yoo ta'u, haleellaa qilleensarraa saffisaan dhufu qolachuuf meeshaa waraanaa ammayyaati jedhama.

Leenjiin loltoonni Yukireen fudhachuufi jedhame kun ji'oota muraasa kan fudhatu yoo ta'u, leenjii barnoota dareefi agarsiisa itti fayyadama misaa'elaa simuleeshinii ni fudhatu jedhamee eegama.

Torbee darbe Jarmanis misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa Yukireenif kennuuf akka jirtu beeksiftee turte. Akkasumas konkolaataawwan rasaasni hin seenne dabalataan akka kennitu beeksifteetti.

Faransaayi ammoo taankiwwan sasalphaa ta'an Yukireenif akka ergitu beeksifte.

Kanaadaan ammoo misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa (NASAM) jedhamu kana US irraa bittee Yukireenif akka kennitu prezidaant Jaastin Tiruudoo himaniiru.

"Kanaadaan yeroo jalqabaaf misaa'ela farra haleellaa qilleensarraa Yukireenif arjoomuu isheeti," jedhan Ministeerri Ittisaa Kanaadaa Anita Anand fuula Tiwitaraarratti.

Misaa'elli farra haleellaa qilleensarraa fageenya giddu galaafi dheeraa deemu kun Kanaadaa dolaara miliyeena 300 ishee baasisa.

Dabalataanis Kanaadaan dolaara miliyeena 500 Yukireenif kennuuf waadaa seenteetti.

Misaa'elli Paatiroot US Yukireenif kennuuf jettu kun addunyaarratti misaa'ela baay'ee ammayyaati jedhama.

Raashiyaan ammoo US misaa'ela kana Yukireenif kennitti taanaan qiyyaafattee akka haleeltu beeksifte.