Qormaata ba'umsa yunivarsiitii warra fudhatan keessaa dhibbeentaa 40tu darbe- Ministeera

Saamu'eel Kifilee (PhD)

Madda suuraa, MINISTRY OF EDUCATION

Warra qormaata ba'umsaa dhaabbilee barnoota olaanoo fudhatan keessaa qabxii ittiin darbuun danda'amu kan galmeessisan harka dhibba keessaa 40.65 ta'uu isaanii Ministeerri Barnootaa beeksise.

Kana keessaa ammoo barattoota dhaabbileen barnootaa dhuunfaarraa qormaata fudhatan keessaa qabxii ittiin darban dhibbentaa 50 fi isaa ol kan galmeessisan harka dhibba keessaa 17.2 qofa ta'uu ibsameera.

Qormaata ba'umsa yunivarsiitii A L I Waxabajji 30 irraa kaasee kennamaa ture xumuramuu isaa ilaalchisee ministeera barnootaatti d'etaan ministiraa dhaabbbilee barnoota olaanoo Saamu'eel Kifilee Adoolessa 15, 2023 ibsa wayita kennanitti ture kana kan ibsan.

Qormaata ba'umsaa kana fudhachuudhaaf barattoonni kuma 84 fi 627 dhaabbileen barnootaa olaanoo mootummaa 48 keessaa kan galmaa'an yoo ta'u, kana keessaa ammoo harka dhibba keessaa 62.37 kan ta'an darbaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaatiin dhaabbileen dhuunfaa 171 keessaa barattoonni kuma 194 fi 239 galmaa'anii turan jedhameera.

Lakkoofsi barattoota qormaata fudhatanii dhaabbilee mootummaa irraa kuma 77 fi 981, akkasumas dhaabbilee dhuunfaa irraa ammoo barattoota kuma 150 fi 184 ta'uu isaanii ibsi ministeera barnootaa agarsiiseera.

Walumaagalatti dhibba keessaa 50 fi isaa ol fidanii barattoonni darban lakkoofsi isaanii kuma 61 fi 54 ykn harka dhibba keessaa 40.65 ta'uun eerameera.

Barattoonnis bu'aa qormaata isaanii Dilbata borii galgala irraa kaasanii marsariitii [weebsaayitii] ministeerri barnootaa kaa'erraa ilaallachuu akka danda'an doktrar Saamu'eel ibsaniiru.

Baratoonni bu'aa qormaata ba'umsaa barbaachisu hin galmeessisiin hafan ji'a ja'a ja'aan irra deddeebiyanii fudhachuu akka danda'an dee'taan ministiraa kun himaniiru.

Haata'u malee, irra deddeebiin fudhachuun ibsamullee, yeroo meeqaaf akka fudhatamuun danda'amu hin eeramne.

Qormaanni ba'umsaa kun osoo hin kennamiin dura barattoonni eebbaaf qophaa'an sirna qormaatichaa waliin akka walbaraniif qormaata yaaliifi moodeelaa fudhatanii turan.

Yeroo qormaataatti dhaabbileen muraasa keessatti sa'aatiiwwan muraasaaf humna ibsaafi interneeti addaan ciccituun alatti adeemsa qormaatichaa keessatti rakkoon guddaan mudate hin jiru jedhan Dr. Saamu'eel Kifilee ibsa isaanii kennaniin.

Qormaanni ba'umsaa dhaabbileen barnoota olaanoo ququllina barnootaa eeguuf fooyya'insa ministeerri barnootaa taasisaa jiru keessaa tokko akka ta'e ibsameera.