Namni ofittoon akka Putiin Ameerikaa hin sodaachiftu jedhan Joo Baayidan

Madda suuraa, Reuters
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, ofittoo fi kan of-eeggannoodhaan hin sochoone namni akka Putiin kun Ameerikaa sodaachisuu hin dandeessu jechuun dhaadatan.
Pireezidantichi kana kan jedhan erga Putiin naannolee afur Yukireen jala jiran Raashiyaatti dabaluu labsanii booda.
Pireezidanti Putiin naannolee haaraa Raashiyaatti dabalaman tiksuuf jecha meeshaa niwukilaraa fayyadamuuf doorsisa dhokataa kan taasisaa jiran fakkaatu.
Naannoleen kunneen "bara baraan" qaama Raashiyaa akka ta'an Putiin labseera.
Hoogganaan Naatoo Jens Stoltenberg tarkaanfiin Raashiyaan naannolee afran kunneen of jala galchuurratti fudhatte kun ''erga waraanni jalqabee as taateewwan waraanicha hammeessu isa balaafamaadha,'' jedhan.
Qondaalli Raashiyaa kun haasaa taasisaniin lammiileen Keersan, Zapporeezhiyaa, Luhaanisk fi Deenisk keessa jiran ''ummata isaanii, biyya haadha isaanii waliin,'' akka ta'an sagalee kennaniiru jedhan.
Putiin filannoo murtee sagalee uummataa (Rifarandamii) ittiin jedhu eeruun murteen uummataa duubatti hin deebi'u jedha, Yukireen fi warri lixaa filannochi fakkeessaadha malee isa dhugaa miti jechuun akka hin fudhanne ibsan.
Haasaan Putiin garri caalu warra lixaa balaaleffachuu fi himachuurratti kan xiyyeeffate ture.
Ameerikaan dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaa irratti meeshaa niwukilaraa Jaappaan irratti fayyadamuun godaannis seenaa isheen uumtee dabarte har'allee balaa mul'atu ta'uu himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kremlin naannolee haaraa Raashiyaatti makaman kunneen irratti haleellaan raawwatu kamiyyuu akka haleellaa dachee Raashiyaa irratti raawwatamuutti akka ilaalamu ifa godheera, kunis waraanichi daran hammachaa deemuu isaa agarsiisa.
Pireezidant Baayidan gita isaanii kan Raashiyaa ''jechoota of eeggannoo hin qabnee fi doorsisa fayyadama,'' jechuun qeequ, garuu ammoo Puutiin ''nu sodaachisuuf hin deemu'' jedhan.
''Ameerikaa fi michoonni ishee sodaachifamuuf hin deeman,'' jedhan preezdaant Baayidan Waayit Haawusitti.
Pireezidantichi kaameeraatti akkuma garagalaniin quba isaanii akka Putiinitti akeekuutti akkas jedhan: “Ameerikaa fi michoonni keenya Nato, naannoo Nato inchii tokkollee taatu ittisuuf qophii guutuu qabdi,” jedhan, garee nageenyaa warra dhihaa eeruun.
''Putiin, waanan jedhu sirriitti hubadhu: dachee inchii tokko,'' jechuun dhaadatan.
Erga Putiin naannolee Yukireen afran fottoqfachuu labsanii booda Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii hatattamaan miseensummaa Nato argachuuf iyyateera.
Aab Stoltenberg gaaffii Zeleniskii irratti akkaan waan rincican fakkaatu, sababni isaas deebii kan kennan qofaasaanii osoo hin taane miseensonni Nato 30 ta'an murteessuu qabu.
Miseensonni Nato hundinuu naannolee Raashiyaan fottoqfatte tole jedhanii hin fudhatan kan jedhan Aab Stoltenberg, doorsisi niwukilaraa Putiin itti gaafatamummaa kan hin qabneedha jedhan.












