Yukireen dahoo loltoota Raashiyaa cimaa jedhame cabsuu beeksifte

Madda suuraa, Reuters
Yukireen dahoo ittisaa loltoota Raashiyaa akka malee jabaadha jedhame cabsitee seenuu beeksifte.
Yukireen haleellaa deebisanii qolachuu ji'oota dura eegalteen baay'ee hin milkoofne jedhamtee yeroo hamatamaa turtetti, karaa Kibba biyyattiitin dahoo loltoota Raashiyaa cabsuu jeneraalonni waraana Yukireen kan dubbatan.
Kiiv ji'a Waxabajjii keessa lafa Raashiyaan humnaan irraa fudhatte deefachuuf haleellaa qindaa'aa gaggeessuu eegaluushee kan beeksifte. Haa ta'u garuu dahoofi ittisni Raashiyaan goote baay'ee cimaa ta'uurraa kan ka'e daangaa muraasa qofa deefachuu dandeesse.
Gorsaa ministeera ittisaa Yukireen kan ta'an Yuuri Saak, "suutuma suuta irra aanaa jirra" jedhan.
"Amma sarara ittisaa (line of defense) jalqabaafi lammataa gidduu jirra," jechuun sarara ittisaa Raashiyaa cimaadha kan jedhame sarara ittisaa jalqabaa canbsuusaanii Birgaader Jeneraal Oleeksandar Tarnaviskii gaazexaa Britain's Observer jedhamutti himan.
Dubbiin jeneraalli Yukireen kun jedhan kan dubbi himaan Waayit Haawus Joon Kirbiin Jimaata darbe Yukireen karaa Kibbaatin sarara ykn dahoo ittisaa Raashiyaa cabsuun milkaa'aa jiraachuushee dubbataniin wal-fakkaata.
Yukireen torbanoota muraasaa asitti Kibba magaala Zapporeezhiyaarraa 56km kan fagaattu mandara Robootiyin jedhamtutti xiyyeeffachuun humna Raashiyaa bakka garaa garaatti dhisuuf yaalaa turte.
Mandara kana loltoota Raashiyaa harkaa erga baafattee booda humni lafoo guddaan dahoo Raashiyaa lammaffaa akka cabsuuf karaa banuuf ifaajee guddaa gochaa jirti.
Loltoonni Yukireen sarara ittisaa jalqabaa erga cabsitee booda ammasa sarara ittisaa lammaffaafi sadaffaatu ishee eeggata. Haa ta'u garuu, inni lammaffaafi sadaffaan akka isa jalqabaa Yukireen cabsitee sana cimaafi ulfataa miti jedhama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa garaa garaa biyyoota lixaarraa argatteen gaggeessuf yeroo dheeraf karoorsun itti seente kana laamshessuuf Raashiyaanis yeroo dheeraf sarara ittisaa ykn dahoo gulantaa garaa garaa qabuu qotachuun qophaa'aa turte.
Sararri ittisaa Raashiyaa kun wal-xaxaafi fanjiidhan kan kiyyeeffameedha. Kanaanis haleellan Yukireen lafa jalaa fudhatame deefachuuf taasisaa turte lubbuu loltoota hedduu jalaa nyaatee akka jajamee ture osoo hin ta'in hafe.
Humni lafoo gara fuulduraatto socho'ee haleellaa akka gaggeessuf injinarrooni Yukireen fanjii fashalsan haleellaa qilleensarraafi artilarii Raashiyaan itti roobsitu keessa fanjii fashalsuun karaa saaqutti jiru.
"Karaan kun yeroo banamu, loltoonni keenya gara fuulduraatti akka duulaniif haala salphaa uuma," jedhan Yuurii Saak.
Waa'ee milkaa'ina Yukireen amma himataa jirtuu kana hammam guddaa akka ta'e adda baasun rakkisaadha- sababni isaa Yukireen odeeffannoon icciitii ta'e akka hin baanefi odeeffannoo bal'aa ta'e hin kennitu.

Madda suuraa, Reuters
Loltuun Birgeedii 46ffaa Waraana Yukireen "Skala" jedhamu gareensaa gaafa Haggayya 26 sarara ittisaa jalqabaa loltoota Raashiyaa cabsuu Rooyitarsitti hime.
"Karaa naannoo Zapporeezhiyaatin gara galaanatti fuulduratti dhiibaa jirra. Baay'ee dubbachuu hin barbaadu, nuyis ta'ee Ajajni Humna Waraanaa yeroo dhiyoo keessatti mo'icha argachuuf waan dandeenye hunda gochaa jirra," jedhe.
Kallattii baha biyyattiin Yukireen yeroo dhiyoo as milkaa'aa dhufuun waan yaaddesseef Raashiyaan humna dabalataafi loltoota muuxannoo qaba bakka garaa garaarraa garasitti geessaa turte.
Akka gabaasa Institute for the Study of Wartti, Raashiyaan erga ji'a Waxabajjii as marroo safaffaa humna dabalataa garasitti erguusheeti.
Xinxaaltonni waraanaa akka jedhanitti kaayyon Yukireen Raashiyaan humnashee bakkaa bakkatti akka sochoostu gochuun karaa qawaan argameen cabsitee seenufi loltoonni Raashiyaa akka burjaaja'aniifi nuffan gochuudha.
"Kaayyon keenya [Raashiyaan] humna eeggataashee akka itti hirmaachistuufi humna fixatan gochuudha," jedha xinxaalaa Yukireen kan ta'e Serhiy Kuuzan.
Kan ittaanu dadhabina waraana Raashiyaa kamiyyuutti fayyadamuu akka ta'es hima.
"Inni guddaan humna Raashiyaa bakka garaa garaatti dhisuudha. Yukireen galmi guddaanshee waktiin roobaa osoo deebi'ee hin dhufin galaana Azoov qaqqabuun riqichi Kirimiyaafi Raashiyaa wal-qunnamsiisu cufuudha.
Kunis ta'uu yoo baatellee, loltoonni Raashiyaa naannoo Keerson keessa qubachuu akka hin dandeenyef sarara dhiyeessii lojistikii laga Dinippiroofi Kirimiyaa jidduutti addaan jalaa kutuuf Yukireen kaayyeffatteetti.












