Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp filannoo bara 2024 irratti irra deebiin pirezidantummaaf akka dorgoman beeksiisan
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo pirezidantummaa bara 2024 gaggeeffamu irratti akka dorgoman beeksiisan.
''Irra deebiin Ameerikaa biyya guddoo fi cimtuu taasisuuf irra deebiin pirezidaantumaaf nan dorgoma'' jedhan Doonaald Tiraamp.
''Bakka namootni walitti qabaman si jaallattan jiranitti dubbachuun dhugumaan salphaadha,’’ jedhan.
Har’a irraa eegalee hanga guyyaa filannoo bara 2024tti isa namni kamiyyuu godhe caalaa falmii jabaan gaggeessa jedhan.
Dimokiraatota biyya keenya keessaan balleessaa jiran ni injifanna jechuun dhaadatan.
''Guddina dinagdee ariifachiisaa yeroo kamiyyuu caalu bulchiinsakoo jalattan galmeesse jedhan. Kufaatiin dinagdee bara 2020 keessa guddaa ture. Garuu ariitiidhaan bulchiinsi Tiraampi deeggarsa lammiilee Ameerikaa miliyoonota kan bayyaannachiisuu kennuun deebi’ee ka’e.
Haa tahu malee, guddinni dinagdee achuma irratti hin dhaabbanne. Bulchiinsa Baayiden jalattis itti fufeera. Kanaaf insaanis qooda mataa isaanii qabu.
Dinagdeen deebi’ee bayyaannachuun isaa uggurri bara weerara koroonaa ture ka’uu waliin kan wal qabatudha. Garuu imaammatni Tiraampi hin deeggarre jechuu miti.
Yerooma Tiraampi Mar a- Lago keessaa dubbataa jiranitti ergaan deeggarsa maallaqaa akka taasisan gaafatu karaa iimeelii deeggartoota isaaniif ergamaa ture.
Pirezidaantiin duraanii kun ammumaan human qabsoo filannoo jabaaa ittiin gaggeessan horataa jiru.
Miseensotni paartii Rippaabilikaanotaa garuu miira wal makaa tahe qabu. Deeggaraa jabaa Tiraampi jedhamuun kan beekamu senaaterri Kibba Kaarooliinaa Liindisii Giraam Tiraampi irra deebiin dorgomuuf murteessuu isaanii dinqisiifate..
''Tiraampi dubbii isaa kana osoo adda hin kutiin yoo itti fufe isa injifachuun ni ulfaata’’ jedhe.
Bulchaan Arkaansaas Asaa Huuchsan, amma aangoo gadhiisuun dubbii himtuu duraanii Tiraampi Saaraa Hukaabee Saandersiif dabarsuuf kan jedhanii fi miseensa Rippaabilikaanotaa tahan ammoo, ergaa Tiraampi qeeqaniiru.
''Kufaatii Baayiden irratti Tiraampi sirriidha. Garuu ergaan of ibsuuf jecha jechoota aarii kakaasan fayyadamu garuu ammalee hin dhaabbanne’’ jedhan.
''Bara 2022 hin hojjenne, bara 2024ttis hin hojjetu,filannoo gara biraa hedduutu jira’’ jedhan.
Dubbii Tiraampi irratti Joo Baayiden gaazexeesitoota isaan waliin gara Indooneezhiyaatti imalaniin gaafatamanii yaada akka hin qabne himan.
Deeggartootni Rippaabilkaanotaa hedduunis Tiraampiin filachuu akka hin barbaanneefi bulchaa Filooriidaa DeSantis akka barbaadan kan himan jiru.
Deeggartoota kaaniif ammoo ibsi Tiraampi har’aa oduu gaarii tahuun gammachuu isaanii ibsataa turan.