Gogaa leencaafi teessoo ulfoo: sirna muudama moototaa biyyoota addunyaa

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaan Caamsaa 6 wayita Mootichi Chaarlas III sagantaa aadaa duriin guutameen ennaa muudamu si'aayina guddaan ilaala.
Biyyoota addunyaa biroottis maatiin moototaa hedduun sirna muudamaa haalaan adda tahe qabu.
Gonfoo gogaa jabbiirraa tolfamu hanga teessoo mootii akkaan ulfoo tahuusaarraa kan kahe namni kamiyyuu irra taa'uu hin dandeenyetti - odeessa kanaan maatiin moototaa addunyaarratti hafanii jiran haala akkamiin mootota isaanii akka kabajan ilaalla.
"Sirni mootii aadaa fi duudhaan gaggeeffama," jedhu ogeettiin seenaa Dr Elena Woodacre.
"Sirna muudamaa garagaraa irratti wantoonni ilaaltu ni jiru. Yeroo hedduu wanti tolfamu yookiis iddoon muudamaa ni jira.
Alaabaa yookiin uffannaa aadaa fi sirna safuu kan akka muudamaa of keessaa ni qabaata."
"Meeshaaleen kunniin gahee mootichaa irra deebiin mirkaneessuuf kan fayyadan ennaa tahu, hariiroo mootichaa fi uummata isaanii jidduu jiruus kan mirkaneessudha," jedhan.
Bishaan eebbifamaa
Mootichi Chaarlas III kan muudamu zayita qulqulluu icciitiin qophaa'eeni. Phaaphaasii Olaanaan Canterbury mataa, laphee fi harka Mootichaa dibataan kan muudu ennaa tahu, kunis saganticha keessaa kutaa isa ulfoo tahedha jedhama.
Kunis Mootichi duree Charch of Ingilaand tahe kun, sadarkaa afuuraa inni qabu kan itti mirkaneessudha.
Taayilanditti sirna muudaa walfakkaataan, mooticha haaraa muudamu irratti "qulqulleessuuf" bishaan naquun muudu.
Bishaan kun maddeen biyyattii 100 ol irraa kan funaanamu oggaa tahu, akka biyyattiitti sa'aatii 5:52 hanga 6:38 gidduu qofatti kan waraabamudha. Kunis sirna qo'annoo urjiifi samii Taayilaand keessa sa'aatii addaati. Achiis bishaan kun fuudhamee seera amantii Budizimiin eebbifama.

Madda suuraa, Getty Images
Teessoo irra taahuuf safeeffatan
Mootichi Chaarlas sagantaa muudaa gara caalu teessoo muudamaa waggaa hedduu lakkoofsiseerra taa'a.
Teessoon muka jabaa oak irraa kan tolfame ennaa tahu, ganna 700 ol lakkoofsiseera. Kunis UK keessatti meeshaa mukarraa tolfameefi kaayyoo jalqaba hojjetameefi kan oolu isa umriin guddaa taasisa.
Teessoon kun akka Stone of Destiny qabatutti ijaarame - dhakaan kun mallattoo seenaa mootota Iskootilaand ittin muuduuf tajaajilu ture.
Asantehene duree afuuraa Mootummaa Asante jedhamuufi gara dhuma jaarraa 17ffaatti hundeeffamedha.
Humnasaa guutuun mootummaan kun lafa biyya Gaanaa ammaa caalu haguuga ture.
Aadaa isaanii keessa meeshaan ulfoon Barcuma Warqee - Sika Dwa Kofi jedhamudha. Kunis "lubbuu" uummata Ashanti bakka bu'a jedhamee amanama.

Madda suuraa, Getty Images
Barcumni kun guddoo ulfoo ykn qulqulluu tahuu isaarraa kan ka'e, mooticha dabalatee namuu akka irra taa'u hin heeyyamamuuf.
Wayita muudama Asantehene haarayaa irrattillee, namni muudamu odoo irra hin taahin gubbaarraa fannifamee qabamee gadi siquun, osoo hin tuqin irraa deebi'a.
1900'tti garuu Bulchaa Biritiish Gold Koost kan ture Sir Frederick Hodgson, teessoo kanarra taa'u malee jechuun, loltootaan akka adamsanii fidaniif ajaje.
Tarkaanfiin nama kanaa fincilli Giiftii Asante, Yaa Asantewaa jedhamtuun hoogganamu akka ka'u dhalatu taasise. Warri Biritish Giiftii kana mo'achuun, Asaantee harkatti galfatan - barcuma ulfoo kana garuu hin arganne.
Mootummaan Asaantees adda cituun, boodarra bara 1935tti bakkatti deebi'e.
Dunkaana, maggaarajaa fi uffata
Muudamni mootota Biritiish akka sirna kabajamaa fi iccitiitti ilaalama, sagantaa kana irratti ilaalcha namaa jalaa dhoksuuf Mooticha gubbaatti duunkanni ni qabama.
Daawwattoonnis, “Waaqayyo Mooticha haa oolchu,” jechuun iyyu.
Sirna muudama mootii Jaappan irrattis haala wal fakkaataatu jira.
Sagantaa muudamaa irratti, waltajjii Takamikura jedhamu irra mooticha goraadee (saanjaa) durii fi faaya of bira kaa’ee teessoo mooti fuldura dhaabatee jiru boodarra mul’isuuf maggaarajaan ni kaa’ama.

Madda suuraa, Getty Images
Uffata dheeraa haalluu keelloo – arfaasee kan mootonni sagantaa addaa irratti uffatan uffatee waadaa seeraa isaa dubbisa.
Yeroo kanatti iyyi ‘Baanzaayi” hiiki isaa “mootichi bara dheeraaf haa jiraatu” jechu ta’e ni dhaga’ama.
Muudama mooticha Jaappaan irratti Mootii Chaarles dabalatee angaa’onni olaanoo biyyooti dhibbaan lakka’amanii argamaniiru.
Baallee simbiraa fi gogaa leencaa
Mootiin UK guyyaa muudama irratti uffannaa addaa uffata. Yeroo Westminster Abbey seenu mootiin muudamuuf deemu uffata mootota dheeraa diimaa, fo’aa halluu warqee fi dabbasaa bineensaa adii qaalii ta’e ermine jedhamu uffata.
Dhuma qophii irratti namni muudamu kun uffata kan biraa uffata. Giiftiin Elizabeet II bara 1953tti yemmuu muudamte, uffata addaa meetira torba dheeratu uffate. Uffata ishee kanarra mallattoon UK fi biyyootiin commonwealth 18 fo’aa warqee fi meetiin sa’aatii 3,500 keessatti irratti hodhame qaba.
Mootiin Zuuluu Afrikaa Kibbaa keessa mootota jiran saddeet keessa isa cimaa yoo ta’u, muudama isaa irratti uffata addaan gonfama.
Sagantaa aadaa Zuuluu irratti, mootiin kun hortee isaa irraa deeggarsa gaafachuuf mana horii seena, mootii isa filatamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf gogaa leencaa adamsee uffata.

Madda suuraa, Getty Images
Sirna muudama isaa bara 2022 irratti, Mootiin Misuzulu ka Ziwelitini uffata bifa gogaa leencaa qabuu fi baallee sinbiraa qabu, kan Pirezdaantii Afrikaa Kibbaan akka kennaatti kennameef uffatee ture.
Gonfoo gogaa jabbii
Sirna muudama mootii irratti, goonfoon mi’a baayyee barbaachisaa fi isa ijoo yoo ta’u, mootiin tokko bulchaa ta’uu isaa mallattoo agarsiisudha.
UK keessatti, Mootiin Chaarles III, Gonfoo St Edwards, kan warqee, dhagaa gatii jabeessa ruubii fi saafayariin faayameen gonfama. Goonfoon kun yeroo bulchiinsa isaa keessatti yeroo kana qofa fayyadamama.
Dhuma qophii muudama isaa irratti Mootiin Chaarles gonfoo Mootii kg 1.06 ulfaatu, kan sagantaa akka baniinsa paarlaamaa irratti faayidaarra ooluun gonfama.

Madda suuraa, Getty Images
Lesootoo keessatti guyyaa muudamaa irratti, goonfoon gogaa jabbii fi baallee sinbiraa irraa tolchame mataa mootii haraarra kan kaa’amu hogganaa aadaatiin.
Dabalataanis mootiin kun gogaa bineensaa aadaa fi uffata halluu cuquliisaa fakkii naachaa halluu warqeen faayame, qophii sirbaa fi shubbisaan guute kana irratti ni uffata.
Sirni muudama Letsi III kan gaggeeffame istaadiyeemi magaalaa guddittii Maseeruutti argamu keessattidha.
Sagantaa kana irratti Mootii Charleesii fi yeroo sanatti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa kan turan Nelsan Mandeellaan argamanii turani.












