Ameerikaan xiyyaarota waraanaa ammayyaa'oo F-16s Yuukireeniif kennuuf

Ameerikaan michoonni ishee biyyoota Lixaa xiyyaara waraanaa Ameerikaan hojjette F-16s dabalatee, xiyyaarota waraanaa ammaayyaa’oo Yuukireeniif akka kennan eeyyamuuf.

Gorsaan Dhimma Nageenya Biyyaalessaa Jeek Suuliivaan, pirezidaanti Joo Baayidan ''wal gahii biyyoota guddatan G-7 irraatti gitoota isaaniitti waa’ee murtee kanaa himaniru,'' jedhan.

Dabalataan loltootni US akkaataatti balaliisan paayiletota loltoota Yuukireen akka leenjisan himan.

Yuukireen xiyyaarota waraanaa ammaayyaa’oo tahan argachuuf yeroo dheeraaf gaafachaa turte, amma Pirezidaanti Zeleniskiin murtee seena qabeessa jedhan.

Ameerikaan meeshaalee michoonni ishee bitanii turan irra deebiin akka ergamuuf raggaasisuu qabdi.

Tarkanfiin kun biyyootni kaan akka waan duraan harkaa qaban erganiif haala kan mijeessuuf taha.

''Ji’’ota darban keessa nuyii fi michoonni keenya Yuukireen akka ofirraa qolattuuf meeshaalee waraanaa kaan erguufi leenjii barbaachisu kennuufii irratti xiyyeeffannee hojjechaa turre,'' jedhan Suuliivaan Hirooshiimaatti.

''Waan waadaa galle kennaa turre.''

''Amma immoo akka Yuukireen haleellaa Raashiyaa ofirraa qolattuuf humna qilleensaa ishee jabeessuu irratti xiyyeeffachuun mari’achaa turre. Ji’oota dhufan keessatti leenjiin kan kennamu yoo tahu, michoota keenya waliin xiyyaarotni waraanaa kunneen yoom akka dhiyaatanii fi meeqa akka ergaman irratti hojjenna'' jedhan.

Yuukireen irra dedeebiin deeggarsa xiyyaarota waraanaa akka godhaniif biyyoota Lixaa gaafataa turte.

Dilbata ifatti osoo hin ibsamiin dura pirezidaanti Zeeleniskiin xiyyaarotni kunneen ''humna keenya qilleensa keessaa akka malee nuuf cimsa,'' jedhan.

''Akkaataa karoorichi hojiirra oolu irrattis biyyoota G7 waliin ni mari’ata.

Zeeleniskiin marii biyyoota G-7 irratti argamuuf Dilbata boruu gara Jaappaan Hiirooshimaatti imala.

Ameerikaan Yuukireeniif xiyyaarota waraanaa kennuu irratti of qusataa turte. Isarra deeggarsa waraana lafarraa gochaafii turte.

’Waan kennuuf waadaa galle kennaafii turre, amma Yuukireen weerara itti baname ofirraa ittisuuf maal ishee barbaachisa kan jedhu ilaalaa jirra. Adda waraanaa irratti waan isaan barbaadan erga dhiyeesineefii amma fuulduratti deemuun fooyya’insa argisiisan gochaa jirra. Amma immoo fuulduratti Raashiyaa ofirraa qolachuuf Yuukireen maal barbaaddi kan jedhu ilaaluu irra geenyee jirra.

Suuliivaan xiyyaarotni waraanaa US kunneen ofirraa ittisuuf malee daangaa Raashiyaa keessa galuun haleeluuf hin eeyyamnu,’’ jedhan.

Yuukireen xiyyaarota waraanaa caalaa paayiletota leenjii gahaa qaban hedduu qabdi. Garuu paayiletota muuxannoo guddaa qabaniyyuu xiyyaara haaraa kana irratti leenjisuun yoo xiqqaate ji’oota afur gaafata.

Biyyootni xiyyaara f-16 qabanis akkasuma dhiyeessuuf waliigaluu qabu. Ameerikaa kan xiyyaaricha oomishtu dabalatee biyyoota Awurooppaa hedduu fi Baha Gidduugaleessaa xiyyaara kana fayyadamu.

UK, Nezerlaandis, Beeljiyeemii fi Deenmaarki murtoo kana deeggaraniiru.

Aruu UK xiyyaara kana ofiiyyuu hin qabdu. Denmaarki paayiletota xiyyaarichaa akka leenjsuun deeggartu himtus xiyyaarota kennuu hin mirkaneesine.

Garuu xiyyaarota waraanaa F-16 40 tahan qabdu keessaa 30 hojjetu.

Riishii Suunaakii fi MM Nezerlaandis Maarku Ruutee, xiyyaarota waraanaa deeggaruuf ‘’tokkummaa idil-adunyaa’’ hundeessuu qabna jedhan.

Pirezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon, paayileetota ni leenjifnaaf. Garuu ammatti xiyyaarota waraanaa hin kennunu jedhan.

Yeroo Raashiyaan humna guutuun Yuukireen weerarte Yuukireen xiyyaarota waraanaa MiG-29S fi Su-27 jedhaman 120 tahan qabdi ture.

Baay’een isaanii kan dulloomanii fi yeroo Sooviyeet Raashiyaa sana keessa turanidha.

Qondaalonni aka jedhanitti humna qilleensaa Raashiyaa waliin wal gituuf yoo xiqqaate xiyyaarota waraanaa 200 barbaaddi jedhan.

Zeeleniskiin xiyyaara f-16s kana bara 1970 keessa hojjetame gaafate. Xiyyaarri kun saffisa sagaleetti dacha lama kan tahuun balali’uun bakka qiyyeeffannaa haleeluu danda’a.