Chaayinaan xiyyaara imaltootaa guddicha jalqabaa tolchuun hojii eegalchiifte

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaan xiyyaara jeettii imaltootaa biyya keessatti oomishe kan jalqabaa imaltoota qabatee balaliinsa milkaa’aa jalqabaa taasisiin ibsame.
Xiyyaarri C919 jedhamun moggaaffame kunis wayita hara Dilbata Caamsaa 28, 2023 ganama imaltoota qabatee Shangaayi irraa ka’un gara Magaala Beeyijiingiitti imaluu TV mootummaa biyyattiin agarsiifameera.
Xiyyaarrii imaltootaa Chaayinaan yeroo jalqabaatiif hojjattee kunis kan dhaabbata Commercial Aviation Corporation of China (Comac) jedhamuun kan oomishame yoo ta’u, kaayyoon isaas olaantummaa dame oomisha xiyyaarraa jeettiiwwan Airbus fi Boeing fa’in qabame cabsuun seenuudhaaf qaama karoora biyyattiin qabatteedha.
Haata’u malee xiyyaarri amma Chaayinaan hojjatteefi teessuma 164 qabu kanaas mootarasaa dabalatee qaamoolee isaa murteessoo ta’an irra caalaa kan argatu oomishitoota meeshaalee ykn teknolojii balaliinsa xiyyaaraa biyyoota lixaa keessatti argaman irraayi.
Xiyyaarri jalqabaa kunis balaliinsa isaa namoota 130 ol qabachuun Shaangaayi irraa gara Beejiingiitti taasiseen yeroo sa’aatii sadii gadii ta’e keessatti xumuruu danda’eera.
Kana malees xiyyaarichi Beejiingi irraa gara magaalaa qarqara galaanaa kan taatee kan irraa ka’e gara Shaangaayiitti imala deebii’uu akka taasisuu sagantaa qabamuufiin ibsameera.

Daandiin qilleensaa qabeenya mootummaa Chaayina ta’e China Eastern Airline xiyyaaroota walfakkaatan shan akka oomishamuuf ajaja kenneerre.
Xiyyaara haaraa kana kan oomishee dhaabbanni Comac waggoota dhufan shan keessatti wagga waggaan xiyyaaroota 150 oomishuudhaaf karoora qabateera.
Dabalataan akka ibseettis, hanga ammaa qofatti xiyyaaroota imaltootaa C919 1,200 akka oomishuuf daandiiwwan qilleensaa adda addaa irra ajaja fudhateera.
Garuu ammo ggeessoonni daandii qilleensaa tokko tokko akka jedhaniitti, ajajniwwan dhaabbatichi eeree keessaa irra caalli isaanii fedhii daandiiwwan qilleensaa biyya keessattiin ibsaman malee ajaja kallattii ta’u dhiisuu ma’u.
Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinpiingi waggoota muraasa dura kutaa balaliisaa fakkeenya (model) xiyyaara C919 agarsiisuudhaaf qophaa’e keessa taa’uun, xiyyaara oomishuun pirojaktii ‘‘milkaa’ina Chaayinaa kalaqaan guutame keessaa tokkodha’’ jechuun ibsanii turan.












