Abbootiin qabeenyaa Youtube fi Instagram 'maashina araada nama qabsiisu kalaqan'

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Manni murtii Kaaliforniyaa dhiibbaa Instaagiraamiifi Yuutiyuubiin fayyaa sammuu irratti qaban yeroo qorataa jirutti, dhaaboti miidiyaa hawaasaa lameen kunneen ''maashina araada nama qabsiisu'' kalaqan jedhamuun himannaa irratti ka'eera.

Daanyaa Kaaroliin B Kaahuliifi ragaa bahuuf namni hawaasa keessaa filatame Maark Laeeyinar mana murtiitti dhiyaachuun falmii dhiyeessaniiru.

Kaaroliin falmii jalqabaa Mana Murtii Olaanaa Loos Anjaliisiif dhiyeesseen maamillisaa K.G.M araada miidiyaa hawaasaa qabdurraan kan ka'e fayyaan sammuushee miidhameera jedha.

''Dhaaboti kunneen maashina sammuun ijoollee akka araadaaan qabamu godhu kalaqan, kana ammoo beekaa godhan,'' jedhe Leeyinar.

Abukaatonni Meetaa fi Yuutiyuubii garuu araadni K.G.M. rakkoo biraa jireenyasheen qabdurraa madda malee dhimmamuu dhiisuu isaaniin akka hin taane ibsan.

Namni K.G.M ykn Kaley G.M jedhamuun kan waamamtu miidhaan jedhame kanirra gahe yeroo isheen ijoollee turte waan taheefi.

Leeyinar dabaluunis Meetaa fi Yuutiyuubiin uumamni waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa kunneen fayyadamtootarratti miidhaa akka qabaatu hin akeekkachiisne jedhe.

Leeyinar yeroo falmii baniinsaa dhiyeessaa ture gabatee ijoolleen dubbisa ittiin baratan gara araadaatti geeddaramuu agarsiisu dhiyeesse.

Qubee Afaan Ingiliizii A,B,C barachuuf fayyadu gara araadaatti geeddaramuu("Addicting," "Brains" and "Children" ) Araada, Sammuu fi Ijoollee

''Himannaan dhaabota dureeyyii lama seenaa keessatti maashina sammuu ijoollee araada qabsiisu kalaqaniiti,'' jedhe Leeyinar.

''Maashina araadaa isaan kalaqan isnittan agarsiisa, galmee keessoo kan namni qaraa hin argineefi imeelii hogganaa Meetaaa Maark Zuukarbargiifi hogganoota Yuutiyuubii,'' jedhe.

Imeelii bara 2015tti Leeyinar dhaddachatti agarsiiseen Maarkzuukarbarg ''kaayyoo maallaqaa keessoo galmaan gahuuf sa'atiin Meetaa irratti dabarfamu %12 'n akka dabalu gaafateera,'' jedha.

Yuutiyuubiin qabeenya Guugilii yoo tahu fayyadamtoota ol adeemoo irratti kan qiyyaafatu ''warreen beeksisa himsiifatan kaffaltii dabalataa gaafachuufi'' Yuutiyuubii daa'immanii irratti kana gochuu waan hin dandeenyeefi jedhe

Leeyinar Yuutiyuubiin maatii ko'ommatee ''tajaajila ijoollee eeguufii'' barbaadaniitti fayyadamuuf yaala jedhe.

Yeroo dabareen Meetaa gahu daanyaa Pool Ishmiit Instaagiraamiin fayyaa sammuu K.G.M irratti dhiibbaa jabaa jedhamu qabaachuusaa gaafate.

K.G.M nama rakkoo maatii qabu, miidhaa qaamaafi dubbi akkasumas maatiisheen dagatamtee nama jiraate dha.

Ishmiit K.G.M rakkoo kana keessaa bahuuf ''akkaan dhamaate,'' jechuun namoota hawaasa keessaa babbahanii dhaddachatti walitti qabamanitti dubbate.

Sababa miidhaa qalbii maatiishee keessa jiruun waggaa sadiirraa qabdee gorsa yaalaa argataa turte jedhe.

Dhaddachi Loos Anjaliis kuni falmii maatiin ijoolleen isaanii sababa miidiyaa hawaasaan miidhaman jedhaniifi abbootii qabeenyaa miidiyaalee hawaasaa akkaataa fayyadama waltajjii namootaaf itti gaafatamummaa fudhachuu didan kan qoru taha.