Gamtaan Awurooppaa godaantota seeraan alaa ari'uu akka cimsu beeksise

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula Voon der Leeyen gamtaan isaanii imaammata falmisiisaa Xaaliyaanirraa ''barnoota fudhachuun'' godaantota seeraan alaa biyyoota gamtichaa keessaa ari'uu akka baayyisu himan.
Voon der Leeyen kana kan jedhan walgahii miseensotaa Kamisaa fi Jimaata Biraaselsitti gaggeeffamu dursee xalayaa barreessaniini.
Xalayaan kun Komishiniin Gamtaa Awurooppaa wixinee seera ta'ee akka bahu eegamuufi godantota seeraan alaa biyya irraa dhufaniitti baayyinaan deebisu ni dhiyaata jedha.
Voon der Leeyen komishinicha waggoota dabalataa shaniif akka hogganan filatamanii marroo lammataa reefu jalqabu.
Xiyyeeffannoon isaanii tokko ammoo dhiibbaa godaantotni biyyoota Awurooppaa keessatti uuman xiqqeessuudha.
Xalayaa isaanii keessatti hammi godaantota seeraan alaa biyyoota Awurooppaa keessaa biyyatti deebi'anii hanga ammaa dhibbeentaa 20 qofa akka ta'e ibsaniiru.
Kana jechuun ammoo namootni biyyoota Awurooppaa keessaa akka bahan ajajaman biyya miseensa gamtichaa keessaa bahaa akka hin jirre agarsiisa.
Harki hedduun godaantota seeraan alaa kun callisanii biyya akka gadhiisan kan ajajaman turan, kaan ammoo biyya jijjiiranii turu jedhan.
Xalayaa isaaniin biyyootni miseensa gamtichaa ta'an biyyi tokko godaanaan tokko biyya irraa dhufetti akka deebi'u murteen dabarse biyya kaan keessattis akka kabajamu mirkaneessuu qaba jedhan.
Yaadni Voon der Leeyen kun kan dhagaahame Xaaliyaan sagantaa haaraa godaantota ilaallatu hojiirra oolchuu eegaluu wayita jalqabdettidha.
Xaaliyaan sagantaa haaraa hojiirra oolchaa jirtuun godaantotni qarqara galaana meditiraaniyaaniirraa baraaraman gara Albaaniyaa geeffamanii achii dhimmisaanii akka ilaalamu godhuu eegalteetti.
Jalqaba torban kanaattis lammiileen Baangilaadeeshifi Masrii qarqara galaanaa Lampedusaarraa gara gidduugala daangaa Albaaniyaatti ijaarametti geeffamanii dhimmi koolugaltummasaanii akka ilaalamu gooteetti.
Xaaliyaan gidduugala kana tolchuuf yuuroo miliyoona 650 kan baaste yoo ta'u, ittiin bulmaatni gidduugala kanaas seera Xaaliyaan ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karoora kana keessatti dubartootni garaatti baatan, daa'immaniifi namootni miidhama addaa qaban sagantaa kana keessatti hin galan.
Dhaabbileen gargaarsaa fi mormitootni Ministira Muummee Joorjiyaa Meloonii waliigaltee Xaaliyaan Albaaniyaa waliin raawwatte kana mormaniiru.
Miseensi paarlaamaa Xaaliyaan Rikaardoo Maagii sagantaan Albaaniyaa kun ''hamaa, bu'a akan hin qabnee fi qaaliidha'' jedhan. Dhaabbatni miti mootummaa Doctors Without Borders jedhamu ammoo ''sarbama mirga namoomaa fi miidhaa dabaluu danda'aa'' jedhe.
Ministirri Muummee Meloonii garuu kaka'umsa addaa kan uumuufi daandii haaraadha'' jechuun ''miira Awurooppaa akka ta'utti calaqqisa'' jedhan.
Biyyootni Awurooppaa hedduun sagantaa Abaaniyaaf milkaahina inni qabaatu itti dhiyaatanii hordofaa jiru.
Torbanoota darban kana Jarman to'annoo daangaa lafaa cimsiteetti, mootummaan Faransaayis seera godaantotaa cimaa ta'e baasuuf hojjechaa akka jiru ibseera. Poolaand gamasheen namoota daangaa ce'anii itti seenan mirga koolugaltumma agaafachuuakka hin qabne gooteetti.
Faransaayiifi Jarman keessatti sababni seerri godaansa ittisu akka cimu godhe ajjeechaa godaantotaan raawwatamaa jirudha.
Faransaay keessatti lammiileen Siiriyaa fi Morookoo lama gaaffiin koolugaltummaasaanii fudhatama dhabee akka biyyaa bahan ajajaman namoota afur albeen waraananii ajjeesaniiru.
Biyyootni miseensa Gamtaa Awurooppaa ta'an 15 ji'a darbe wixinee Oostiriyaafi Nezerlands sirni godaantota fudhatama dhaban biyyasaaniitti deebisu akka cimu gaafatu qopheessan deggaraniiru.












