'Abbaankoo maatiisaa kamuu akka hin fakkaanne itti qoosna turre, booda hubanne'

Suuraa yeroo daa'imummaa abbaan Maatewoos, dhuma bara 1940moota keessa.

Madda suuraa, MAATII

Abbaan Maatewoos ija bifa gurraachaa fi rifeensa gurraacha qaba ture. Akaakayyuuwwan isaa garuu ija halluu cuquliisaa qabu turan.

Barsiisaan kibba Ingilizii irraa dhufe tokko waa'ee maatii tokko dubbata. ''Abbaan tokkoo maatii isaa keessaa nama kamuu hin fakkaatu jedhamuun itti qoosama'' jedhe.

Boodarra sababni kanaaf quubsaa ta'e barame. Abbaan Maatewoos waggoota 80 dura hospitaala keessatti yeroo dhalatu wal jala jijjiirame.

Seenaa maatiisaa isa dhugaas osoo hin barin bara darbe boqate.

Maatewoos maqaan isaa dhugaa miti. Dhimma Suuzaan kan bara 1950moota keessa akka tasaa daa'ima biraa waliin jijjiiramuu ishee erga hubattee booda hospitaalicharraa beenyaa argachuu ishee erga gabaasnee booda BBC waliin dubbatte.

BBC'n dhuma bara 1940 hanga 1960tti daa'imman kutaa da'umsaa keessatti dogoggoraan wal jijjiiran shan akka ta'e bira ga'eera.

Ogeeyyiin seeraa qorannoon jeneetikii gatii salphaadhaan gaggeeffamu akka qabu falmuu isaatiin namoonni hedduun dhimma wal fakkaataa akka qaban eegama

'Qoosaan durii sun boodarra dhugaa ta'uu mala'

Tibba tokko Maatewoos gaaffiiwwan muraasa seenaa maatii isaa ilaalchisee ka'aniif deebii barbaaduu jalqabe. Saamuda DNA isaa akka qoratamuuf taasise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbanni qorannoo DNA ykn hidda sanyii dhalootaa galmeessee odeeffannoo bal'aa toora interneetii isaa keessa galchuun namoota biroo DNA'n isaanii wal fakkaatu akka argu isa taasise.

"Walakkaan isaanii namootan an takkaa maqaa isaanii dhaga'ee hin beeknedha," jedha.

"'Sun waan ajaa'ibaati' jedheen yaade, haadha warraa kootti bilbilee qoosaan maatii durii sun tarii dhugaa ta'uu akka danda'u itti hime."

Sana booda Maatewoos abbaan isaa saamuda DNA isaa akka dhaabtata qorannoo kanatti qorachiisu gaafate, kunis garee miseensota maatii tasa wal quba hin qabne waliin wal fakkeenya hidda sanyii akka qabu mirkaneesse.

Achiin booda Maatewoos dubartoota lama kanneen marsariitichi adaadaa abbaa isaa ta'uu isaanii ibsu waliin ergaa gabaabaa walif barreessu jalqabe.

Hundi isaanii akkamitti walitti dhufeenya qabaachuu akka danda'an bitaa itti gale.

Erga yeroo dheeraaf waliin haasa'aa turanii booda, waliigaluun dhuma irratti galmee dhalootaa bara 1946, jechuunis Waraanni Addunyaa Lammaffaa erga xumuramee jiʼoota booda sakattaasisuun baasisan.

Sanadoonni kun akka agarsiisanitti, abbaan isaa erga dhalatee guyyaa tokko booda, daa'imni dhiiraa kan biraa hospitaala walfakkaatu baha Landanitti argamutti dhalachuun galmaa'eera.

Mucaan sun maqaa keessatti baay'ee hin baratamne fi boodarras qaccee sanyii maatii sanaa akka hin qabne boodarra bira ga'ame.

"Wanti ta'e kallattiin hubachuu danda'e," jedha. "Dhugaan ifa ta'e tokko daa'imman lamaan hospitaala keessatti waljala jijjiiramuu isaanii qofa ture."

Maatewosiifi dubartoonni lamaan walfakkeenya DNA isaanii hunda irratti hundaa'uun hidda sanyii maatii haaraa argachuu danda'aniiru.

"Kun hiibbodha ani hiibboo nan jaalladha, waan darbe hubachuus nan jaalladha," jedha.

"Ani yeroo baay'ee nama waa shakku waanan ta'eef waan ta'eef maaltu akka ta'e adda baasuuf yaaluun na gammachiise''

Bara 1967tti, abbootiin amantii Hospitaala Da'umsaa Seent Tereezaa Wiimbildan keessatti daa'imman reefuu dhalatan kunuunsan - kanneen abbaa Maatewoos waliin firooma hin qabne - waraqaa eenyummaa isaanii minjaala siree cinaa irratti ifatti mul'atee ture

Madda suuraa, Getty Images

Bara harka daa'immanitti waa kaa'uun dura ture

Waraana Addunyaa Lammaffaa dura UK keessatti daa'imman irra caalaan isaanii mana keessatti, ykn mana narsootaa keessatti kan dhalatan yoo ta'u, deessiftootaa fi hakiimoota maatiitiin kan hordofaman turan.

Sun jijjiiramuu kan jalqabe bara 1948 booda yoo ta'u, adeemsa keessa daa'imman hedduun hospitaala keessatti akka dhalatan taasifamaa dhufe.

Daa'imman reefuu dhalatanis yeroo baay'ee yeroof mana daa'immanii keessatti kunuunfamuuf haadha isaanirraa adda baafaman turan.

"Haati erga deessee booda akka boqottuuf daa'immaan addatti narsootan akka kunuunfaman taasifamaa jette Teerii Kootes, hojii narsirraa amma kan soorama basate sagantaa BBC ''Call The Midwife'' jedhu irratti.

"Haalli addaa uumamuu ni danda'a, garuu deessiftoonni haadholii fi daa'imman haala gaariin akka kunuunsan amanama ture."

Haadholiin haaraan kan yeroo har'aa caalaa guyyoota shanii hanga torbaa gidduu hospitaala keessa turuun isaanii kan baramedha.

Daa'imman reefuu dhalatan mana daa'imaa keessa turan keessatti adda baasuuf, kaardiin maqaa daa'imaa, maqaa haadha, guyyaa fi sa'aatii dhalootaa akkasuma ulfaatina daa'imaa sanaa irratti barreeffame siree sanaa irratti maxxanfama ture.

"Bakka daa'imman osoo hin taane siree irratti mallattoo itti godhametti balaan salphaatti mudachuu danda'a", jetti Aadde Kootes, kan ofii isheetii bara 1970moota keessa narsii fi bara 1981 deessiftuu ta'uun tajaajilaa turte.

"Fakkeenyaaf, mana daa'immanii keessatti hojjettoonni lamaa fi isaa ol yoo jiraatan, daa'imni tokko salphaatti siree dogoggoraa keessa kaa'amuu danda'a."

Bara 1956tti hospitaala keessatti da'uun baay'achaa kan dhufe yoo ta'u deessiftoonni yaadannoo qabachuu, "harkatti waa ka'uu" ykn "bitahoo harka isaanitti maqaa barreessuufaa" kallattiin daa'ima reefuu dhalate irratti akka maxxanu gorsaa turan.

Waggoota kurnan booda, walakkeessa bara 1960mootaatti, daa'imman dhuunfaan osoo hin mallatteessin kutaa da'umsaa keessaa baafamuun isaanii baay'ee hin mul'atu ture.

Tooftawwan jalqabaa mallattoo adda baasuu dhuunfaa daa'imman hospitaala keessa jiraniif, kan akka callee kanaa, fi yaadannoo deessiftootaa bara 1950moota keessa jalqabaman

Madda suuraa, Textbook for Midwives, 1956

Seenaan daa'imman akka tasaa hospitaala keessatti jijjiiramuu yeroo sanatti xiqqaa ta'us taateen suun darbee darbee raawwatamaa akka ture, ragaaleen amma sababa guddina qorannoo hidda sanyiifi marsariitiiwwan hidda dhalootaa ifoomsan hedduun ifa ta'aa jiru.

Jaan Daaliin bara 1951 hospitaala kaaba Landanitti argamutti erga dhalattee guyyaa booda, haati ishee daa'imni isheef kenname kan ishee akka hin taane battaluma sanatti himata dhiyeeffate ture.

"Baay'ee mufattee boo'aa turte, garuu narsoonni akka hin dogoggorre isheef mirkaneessanii akka ishee tasgabbeessaniif doktorootni waamamanii ishee tasgabbeessuuf yaalan," jetti Jan.

Haati kun dhugaa ta'uu ishee hojjattootni hospitaalichaa kan baran wayita haati kun gargaarsa hatattamaa malee da'uu ishee itti himtee, mallattoo ifa ta'e mataa daa'imaa irratti mul'atu akeekte qofa ture.

"Dubartiin tokko kan guyyaa lamaaf gammachuudhaan na sooraa turte, boodarra daa'ima tokko kan biraatiif kennuu akka hin oolle natti dhaga'ama," jetti.

"Dhiifamni godhamee hin turre, dogoggora hin yaadamne keessaa tokko ture, garuu ammoo miidhaan irra gahe yeroo dheeraaf haadhakoo irratti dhiibbaa uumeera."

Narsoonni Muddee 1947 Hospitaala Landan kutaa dahumsaa keessatti daa'imman qabatanii turan - kan abbaa Maatewoos waliin hidhata hin qabne

Madda suuraa, Hulton Archive/Getty Images

Abbaan Maatewoos, bakka bu'aa inshuraansii kan 'Home Counties' jedhamu kan hojjatu yoo ta'u, nama quuqama qabu biskileetii ofuu jaalatuufi jireenya isaa hawaasumma dorgommii naannoo sanaaf of kenne ture.

Erga soorama bahee kophaa isaa kan jiraatu yoo siʼa taʼu, waggoota kurnan darbanitti fayyaansaa gadi buʼaa dhufeera.

Maatewoos seenaa maatii isaanii ilaalchisee dhugaa jiru ifatti itti himuu yaadee erga yeroo heddu irra deddeebi'ee yaade booda, dhumarratti garuu akkas gochuu dhiisuu filate.

"Abbaankoo kana akka hin barbaanne qofa natti dhaga'ame," jechuun ibsa. "Waggaa 78 guutuu waa'ee kanaa osoo hin beekin dabarsee waan ta'eef kana booda itti himuun sirrii natti hin fakkaatne."

Abbaan Maatewoos waggoota saddeettama darbaniif guyyaa dhaloota isaa guyyaa tokko dursee kabajaa akka ture gonkumaa osoo hin beekiin bara darbe du'aan boqote.

Ergasii as Maatewoos gara lixa biyyatti imaluun ilma obboleessa abbaa isaa isa fi intala isaa kan hiddi sanyii isaanii wal fakkatu waliin wal arge. Suuraa maatiifi seenaa maatii guutuu ture wal jijjiiruun deebi'e. Ergasiis hariiroon isaanii akka gaariitti akka walitti hidhaman eereera.

Haata'u malee, Maatewoos nama abbaan isaa daa'ima isaatti waliin jijjiiramuu hin oolle, ykn ijoollee isaa bira barbaaduu dhiisuu filateera - gama tokkoon maatin sun qorannoo DNA waan hin goonefis akka salphaatti argachuu dhiisu mala.

"Yoo qorannoo sanyii kee taasifte, sana booda iccitii nama ajaa'ibu argachuu akka dandeessun hubadhee," jedha Maatewoos.

"Gama biraatiin, warra hin qoratamne waliin, ammallee wal qunnamuun sirrii ta'uufi dhiisuu isaa mirkanaa'aa miti - waan hin eegamne kana maatii sanatti akka boombii gadi darbachuun sirrii ta'uu isaa hin amanu," jechuun goolaba.

Kuns seena namoota muraasati kanneen hin qoratamne muudannoo wal fakkaataa qaban addunyaa guutuu keessatti argaman meeqa ta'uu akka danda'an tilmaamuun rakkisaa ta'a.