Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Biyyoonni Musliimaa lafa Filisxeemiif haa kennan'- Israa'elitti Ambaasaaddara Ameerikaa
Israa'elitti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maayik Hakabii gara fuulduraatti biyyya Filisxeem hundeessuuf ''biyyoonni Musliimaa" lafa isaaniirraa hanga muraasa kennuufi qabu jedhan.
Hakaabiin af-gaaffii BBC waliin taasisaniin ''biyyoonni Musliimaa lafa Israa'el to'attu dachaa 644 caalu qabu'' jedhan.
"Kanaaf tarii, fedhiin biyya Filisxeem hundessuu yoo jiraate, namni, keessummeessuu barbaanna jedhu jiraachuu qaba," jedhan.
UK fi Awustiraaliyaa dabalatee biyyoonni michuu Ameerikaa ministeerota Israa'el lama''hawaasa Filisxeemii Weest Baankii jiraatanirratti jeequmsa irra deddeebiin kakaasuu'' jechuun qoqqobuu cimsanii qeeqan.
Af-gaaffii isaanii keessatti Ambaasaaddarichi kun furmaata biyyoota lamaa( two-state solution)- Israa'elii fi Filisxeem giddutti nagaa buusa jedhamee yaadame fi kan bulchiinsota Ameerikaa hedduu dabalatee deeggarsa idil-addunyaa argate ''galma hawwamu'' jedhanii ibsan.
Furmaanni biyyoota lamaa yaadame kun biyya walaba Filisxeem Weest Baankii fi Gaazaa keessatti hundeessuuf kan yaadame yoo ta'u, magaalaa guddoo ishee Yerusaalem Bahaa ta'a jedhame yaadamaa ture.
Filisxeem biyya walabaa taatee Israa'el cinatti hundoofti jedhamee yaadamaa ture.
Hakabiin af-gaaffii addaa Biluumberg waliin taasisaniin, US kana booda Filisxeem biyya walabaa gochuu galma hin godhattu jedhan.
Dubbi himtuun Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Taamii Biruus boodarra, Ambaasaaddarichi ''yaada ofii dubbatan'', imaammata Ameerikaan Baha Giddu galeessaa irratti hordoftuuf Pirezedantii Ameerikaatu ittigaafatamummaa qaba jette.
Dhuma baatii kanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii magaalaa Niiw Yoorkitti argamutti, dippilomaatonni Faransaayii fi Sa'uudii konfiraansii xumurarratti biyya Filisxeem hundeessuuf wixinee kaa'uuf kaayyeffate ni qopheessu.
Hakabiin biyyi Filisxeem isheen gara fuuladuratti hundooftu eessatti akka argamtu ykn tarii Ameerikaan tattaaffii kanaa akka deeggartu hin dubbanne, ta'us yaa'ii taa'amuu karoorfame kana ''yeroosaa kan hin eegganne fi sirrii hin taane'' jedhe.
''Biyyoonni Awurooppaa waraana gidduutti seenuuf yaaluun isaaniis waan guutummaatti dogoggora,'' jechuun, taateen kun Israa'el ''nageenya dhabsiisa'' jechuun falman.
Ejjennoon Ameerikaa Weesti Baankii keessatti biyyi Filisxeem hundeessuu jedhurratti qabdu maali jedhamanii kan gaafatamaniif Hakabiin "gonkumaa jiraachuu hin danda'u hin jedhu, wanti ani jedhu aadaa akkasii jijjiiramuu qaba" jedhe.
"Yeroo ammaa kana aadaan Jiwishoota irratti xiyyeeffachuun ajjeesuu. jijjiiramuu qaba" jedhan.
Israa'el furmaata biyya lama hundeessuu ni didde. Furmaanni xumuraa kamiyyuu marii Filisxeemoota waliin taasifamu irratti hundaa'u qaba, biyya ta'uun akka haal-duree jalqabaatti ilaalamu hin qabu jedhan.
Maayik Hakabiin kanaan dura yaada "Israa'el guddittii" hundeessuu jedhu cimsee deeggaraa kan ture yoo ta'u, Israa'el kutaalee Filisxeem humnaan qabatte ittifufinsaan qabattee akka turtu barbaadaa ture, jecha macaafa qulqulluu "Judiyaa fi Samaariyaa" jedhu Weest Baank ibsuuf itti fayyadamaa ture.