Komaandarri Raashiyaa Maalii keessatti haleellaa tasa isa mudateen ajjeefame

Kaaba Maaliirraa waggootaaf nageenyi fagaatee ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kaaba Maaliirraa waggootaaf nageenyi fagaatee ture

Garee loltoota Raashiyaa qacaramanii hojjetan kan ajaju Komaandar Sergee Shevchenkoo, Maalii keessatti dhukaasa finciltoonni tasa irratti bananiin ajjeefame.

Biyyi Dhiha Afrikaa bulchiinsa humna waraanaa jala jirtu Maaliin, garee hidhatanii biyyattii keessa socho'an- Jihaadistootaa fi adda baatota waraanuuf bara 2021 garee ergamtoota loltoota Raashiyaa- Wagner jedhaman qacarte.

Gareen qacaramtoota loltoota Raashiyaa yeroo ammaa Africa Corps jechuun of waamu kun ibsa Wiixata kaleessaa (Adoolessa 29, 2024) baaseen, torban darberraa eegalee humna waraanaa Maalii waliin ta'uun garee finciltootaa waliin ''waraana hamaa'' keessa akka ture eere.

Haata'u malee qaamoleen Africa Corps'tti dhihaatan BBCtti akka himanitti, haleellaa gareen finciltootaa raawwataniin loltoota qacaramanii hojjetan kunneen keessaa 20 hanga 50 kan ta'an ajjeefamaniiru.

Maddeen waa'ee waraana Raashiyaa gabaasan hedduunis yoo xiqqaate loltoonni 20 ta'an haleellaa finciltoonni kaaba-baha magaalaa Tinzaouten keessatti bananiin ajjeefamuu gabaasaniiru.

Gareen qacaramtootaa loltoota Raashiyaa toora Telegram isaarratti waa'ee haleellaa mudateen guddoo miidhamuu maxxanseera, garuu lakkoofsa namoota ajjeefamanii ifatti hin keenye.

Akka ibsa garee kanaatti jalqaba loltoonni isaa garee finciltootaa hedduu fixee, kaan ari'ee ture.

Boodarra gareen finciltootaa walgurmeessuun humna jabeeffatanii miseensota isaanii hanga 1,000 ga'uun itti deebi'anii haleellaa cimaa irratti raawwatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Maalii keessatti jajaan garee kanaa Komaandar Sergee Shevchenkoo kanneen dhukaasa finciltoonni bananiin ajjeefaman keessaati.

Gareen saboota Tuwaareg hedduu of keessaa qabuu fi maqaa Permanent Strategic Framework for Peace, Security and Development (CSP-PSD) jedhamuun beekamu haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

''Guyyaa Sambataa loltoonni keenya diinota keenya haleeluun barbadeesseera,'' jechuun AFPtti hime dubbi himaan CSP-PSD.

Gareen fincilaa, al-Qaa'edaa waliin hidhata qabu- Jamaat Nusrat al-Islam wal-Muslimin (JNIM) jedhamus haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

Hidhattoonni Islaamaa kunneen loltoota Raashiyaa qacaramanii hojjetan 50 ajjeesuu ibsaniiru.

Mootummaan giddugaleessaa Maalii erga kaaba biyyattii to'achuu dadhabee waggaa kudhab caaleera. Kunis fincila Tuwaareg hordofeeti.

Warri Tuwaareg adda ba'anii ofiin of bulchuu fedhu. Biyya mataasaanii hundeeffachuus barbaadu.

Ergasii humnoonni maqaa amantii Islaamaan socho'an heddumminaan waraana keessatti hirmaachuu eegalan. Kunimmoo rakkoo nageenyaa biyyattii daran hammeesse.

Bara 2020 fi 2021 wayita fonqolcha mootummaan humni waraanaa aangoo qabatu finciltoonni mootummaan humna hin qabu jechuun qeeqaa turan.

Humni waraanaa amma aangoorra jiru hariiroo Faransaay, kan yeroo dheeraaf koloneeffattuu fi michuu Maalii turte, dhiisuun Raashiyaa firoomfate.

Sababni isaa ammoo humna finciltootaa dadhabsiisuun biyyattiif nageenya buusuuf akka ta'e ibsa.

Haata'u malee gareen loltoota Raashiyaa qacaramanii hojjetan- Wagner jedhaman, erga hoogganaan isaanii gameessi Yevgenii Pirigoozhiin bara darbe ajjeefamee goolama keessa seeneera.

Ergasii gareen kun Dhiha Afrikaa keessatti maqaasaa gara Africa Corps geeddarate.