‘Waan na bira jiru rukuteen jecha tokko baasa’-Faarfataa Kabaa Fidoo

Madda suuraa, Kabaa Fidoo
- Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
''Kan giingee waaqatu dubbataaf’’ wayita jedhamu tarii dhageessaani beektu ta’a.
Giinga’uun rakkoo dubbii keessatti yaada ofii sirnaan haasa'anii ibsuu dadhabuuti.
Faarfataa Waldaa Kiristaanaa Kabaa Fidoo garuu giinga’uun rakkoo dubbii qofaa otoo hin taane rakkoo jireenyasaa bu'uura irraa geeddare ta'uu hima.
Kabaan giinga’uu isaatiif barsiisaa, poolisii, ogeessa fayyaa fi qonnaa ta’uu hin dandeessu jedhamee Yuunvarsitii fi koolleejjiirra ariyatamuu himata. Yuunvarsiitiirra erga xalayaan gaggeeffame booda ‘’hojii isaa haasaa danuu hin qabne; sangoota camadee qootuttiin deebi’e’’ jedha.
Giinga'uu koorraa kan ka’e gadaantummaan natti dhaga’amaa ture, ofiin tuffadha, moggaatti dhiibamaadha’’ jedhee dubbata.
Amma Kabaan biyyoota garaa garaatti imalee hordoftoota amantii Kiristaanaa faarfannaan tajaajilaa jira.
Giinga’uun godaannisa jireenya isaatti kan uume qofaa otoo hin taane, dandeettii faarfannaa isaas iddoo itti biqile ta’uu dubbata.
Kabaan giinga’uusaatiin walqabatee mudannoo, bu’aa bahii keessa darbe BBCtti himeera. Dhiyaadha.
‘Waan na bira jiru rukuteen jecha tokko baasa’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Faarfataa Kabaa Fidoo Godina Wallagga Lixaa baadiyyaa Ayiraa Gullisootti dhalate guddate.
Kabaan haala guddina ijoollummaa isaa ''wal’aasoodha'' jedhee ibsa.
Maaliif akkas akka jedhe wayita gaafatamu ‘’ani nama haadha kootiif ergaa dhaquu hin dandeenyeen ture’’ jedha Kabaan.
''Dur haatii koo ergaa yoo na ergattu, dhaqeen balbala namaa reebeen wayita na jalaa banan ergaa himuu dhiisee mana warra kootti deebi’a gala,’’ jedha.
Kabaan daa’imummaa isaarraa kaase ni giinga’a.
Ollaattii dhaamsa akka himuuf dhaqee kanaaf balbala rukutee, lafa dhiitee, deebi’ee manatti gala.
''Ijoollee wajjin yeroo taphannu, of tumee, waan na bira jiru rukuteen jecha tokko baasa,’yeroon rifadhu, waa rukute ykn dhiite afaan na hikama,’ jedha. Mana barnootaatti barsiisaan maqaa isaa yeroo waaamellee barattoota cinasaa ta’aanutu owwaataaf. Ofiif hin owwaadhu jedha.
''Dareetti barsiisaan maqaa barattoota yoo waamu kan koo ani danda’ee hin owwaadhu, hiriyaa koo isa na cinatu naaf owwaata, barsiisonni fi barattoonni na beeku, akkanattiin amma kutaa sagaliitti baradhe,’’ jedhe.
‘‘Waanin giinga’uuf maqaa koo himachuu hin danda’u’’ jedhe. Nagaas nama gaafachuu hin danda’u jedhe.
Maqaa isaa waamuuf ni rakkaata. Kabaa jechuuf ‘K’ si’a sadii ykn afur ta’u waama.
Yeroo aaru ykn sodaatu giinga’uun itti cima. Kabaan ni giinga'a malee waan dubbachuu barbaadu ni beeka.
Akka barattoota kaanitti gaaffii deebisuu hin yaalu, hin gaafatus dandeettiin koo qormaata irratti mul’ata jedhe .
‘’Barsiisaan akka tasaa yoo na gaafate ijoolleen natti kolfu, sanaa booda barsiisaan akkan taa’u naaf eeyyama. Adeemsa keessa barsiisonni na gaafachuu dhiisani’’ jedhe.
Kabaan sababa uumee barnootarra hafaa akka ture, miira abdii kutannaa keessa seene ofitti gaddaa ture.
Abbaan isaa garuu mana barnootarraa akka hin hafne jajjabeessaa turan.
Haala kanaan baratee kutaa 12ffaa qaqqabe.
Kabaan, A.L.I bara 1985tti qormaata biyyaaleessa qabxii 2.8 galmeessisuun Yuunvasitii Jimmaatti barsiisummaa akka baratuuf ramadame.
Taatullee jalqaburratti akkum yuunvarsitii seeneen ariyatamuu dubbata.
Qabxii dhabee otoo hin taane uumamaan giingee ta’uu irran kan ka'e ariyatamu dubbata.
Yeroo inni haasa’u akka giinga’u erga baramee booda muummee barsiisummaa ‘’hin danda’u’’ jedhanii A.L.I Fulbaana, 1986 ariyachuu hima.
Kabaan waan giinga’uuf barsiisaa ta’uu hin dandessu jedhamee ariyatamu himata.
''Barsisummaarraa gara qonnaatti naaf geeddaruu yaalani, gara booda isaas hin dandeessu naan jedhan'' jedha.
Kolleejjii Qonnaattis-giddugala leenjii qonnaan bultoota keessa hojjachuu akka hin dandeenye itti himame.
Kana qofaayyu miti, ogummaa fayyaa akka baratuuf yaadamee ‘’rakkoo fayyaa dhukkubsataa qorachuu hin dandeessu’’ jedhamee dhorkamuu dubbata.
Sana booda Kabaan rakkoo inni qabu xalayaa irratti eerame, gara mana maatii isaatti deebi’e.
Kabaan sana boodas pooliisii ta’uuf dorgomeera.
Kolleejjii Poolisii Sadafaatti dorgome darbee gaafan Sandaafaa dhaqu ‘’dandeessee yakka hin qorattu naan’’ jedhan.
‘’Yakka qorachuun baayyee haasa’uu gaafata jedhani na ariyatani ‘’jedha.
Sana booda baayyeen dorgome, jooree ijjibaadheen, qonna isa haasaa hin barbaachine, qotiyyoo waliin ooluttiin deebi’e jedhe Kabaan.
Abbaan isaa maasii qotatu kutaniif, achumaan Kabaan sangaan ooriyuusaa qotachuutti deebi’e.
Kabaan bakka namoonni walitti qabamanitti dubbachuuf rakkata, barattoota keessatti haasa’uu hin danda’u.
Yeroo dubbatu jechoota waan irra deddeebi’uuf namoonni akka itti kolfan dubbate.
‘’Yoon dubbadhes natti kolfu, sana booda anis dhagaan dha’uuf ijoollee duuban fiiga ture’’ jedhe.
Sababa rakkoo dubbiirratti qabu kanarra kan ka’e ‘’hawaasa keessatti ani nama moggaatti dhiibameedha'’ jedha Kabaan.
Ofii isaatiif illee sababa giinga’uuf akka of ceepha’u, of tuffatu fi gadi- aantummaan itti dhaga’amaa ture hin dhoksine. Sababii giinga’uuf bakka hiriyoota kootii gahuu na hanqiiseera jedhe.
'Abjuun arge farfannaaf bu’uura naaf ta’ee'
Kabaan erga Yuunvarsiitiitti barachuuf dadhabee booda maatii biratti deebi’e waggoota lamaaf erga qotate booda guyyaa tokko otoo lafa qotuu gidduutti yeroo muraasaaf rafee abjuu keessa otoon farfaadhuun of argee jedha.
'’Haada nama, arraba giingee
eessa nama waamte akka Museedha….
jedhee faarsuu eegale.
Kabaan waa’ee giinga’uusaatii farfannaa isaa keessatti deddeebi’ee eere.
Sana dura takkaa faarfataa hin turre. Yeroo haasa’u akka giinga’uu fi yeroo faarfatu garuu akka hin giingofne bare.
Kabaan jalqabarratti Waldaa Kiristaanaa naannoo isaattille fudhatama hin arganne jedhe.
‘’Lafa dhiitetu nama jeeqa,’’ jedhame akka hin faarfanne dhorkame jedha.
Adeemsa keessa gurmuu faarfattootatti dabalame.
Yeroo sanatti danda’ee nagaallee nama gaafachuu akka hin dandeenye dubbate. Gara boodaa Finfinnee dhufe.
Farfannaan isaa viiidiyoo kilippiin maxxanfamuu hordofee beekamtii argataa adeeme.
Amma biyyoota akka Keeniyaa, Siwidiin, Jarman, Deenmaark, fa’aatti farfannaaf affeerame dhaqe gara biyyaatti deebi’uu dubbate.
Kabaan amma abbaa ijoollee sadii yoo ta’u, barnoota Liidarshippiin digirii lammaffaas barateera.
Kabaan namoota rakkoo giinga’uu qaban akkuma namoota kaanitti kabajamuu qabu jedha.
Mudannoo Kabaa
Bara 1992 lola Itoophiyaa fi Ertiraa gidduu ka’e hordofee Kabaan waraanatti dabalamee Baadimmeetti duuluuf ergamee’’ innoo danda’ee hin dubbatuu, kana eessaa fiddan jedhanii deebisanii na galchanii,’’ jedha Kabaan.
Kabaan mana siree qabatee buluu dhaqee, dubbachuu dadhabuu isaatiif hoteela keessaa ariyatamee akka beeku dubbate.
Wal’aansa’speech therapy’ takkaa argatee akka hin beekne kaaseera, amma garuu dubbiirratti fooyyeen qaba jedha.
Giinga’uun maalirra madda?
Namoonni giinga'an baayyeen isaanii yeroo weellisan ykn ofii isaanitti haasa'aa hin giinga'an.
Giinga'uun namoota kanatti kan jabaatu yeroo gammadan, dadhaban, muddaman ykn ammoo namoota duratti ykn bilbilaan haasa'an fa'aati.
Barruun dhimma fayyaarratti odeeffannoo kennu Maayoo Kilinik, madda baruuf ammas qorannoo gaggeeffamaa jiraachuu ibse.
Garuu waantoonni giinga’uuf ka’uumsa ta’u malu jedhama; motora dubbii to’achuurratti(speech motor control) rakkoo yoo jiraate uumama.
Keessattu nawuroononni miira fuudhoo(sensory) fi motora jedhaman waldubbisuu dhabuurra madda.
Giinga’uudhaaf sababni ijoon kan biraa qacceedhaan walqabata. Rakkoon giinga’uu maatiirraas ni dhaalama.
Kana malees, dhibeen dhiigni gara sammuutti akka hin dhangalaane danquun beekamu istirook jedhamu giinga’uuf nama saaxila.
Akkasumallee mada’uu sammuu ykn rakkoowwan akkaataan dubbii keenyaa akka harkifatu taasisan ykn haasaa keenya addaan kukkutan ykn qubeewwaan akka irra deddeebinu taasisan giinga’uu namatti fiduu danda’u jedha.
Dhiira moo dubaratu giinga'uuf caalatti saaxalamaadha?
Akka ogeeyyiin jedhanitti dubartoota caala dhiirootatu baayinaan giinga’a. Waantonni giinga’uuf nama saaxilan ijoon jiru.
Jalqabarratti, daa’imma guddinni isaanii harkifate kaan caala giinga’uf saaxilama.
Daa’immaan guddinni isaanii suutume ta’e ykn ammoo rakkoo dubbii kan biraas qaban giinga’uu danda’u jedha barruun kun.
Dhiphinnis giinga’uuf nama saaxiluu mala.
Barruun kun giinga’uun namoota biroo waliin akka waliif hin galle danqaa akka namatti uumu, dubbachuuf namoonni giinga’an akka dhiphatan akka dhiibbaa irratti uumu, iddoo namoonni haasa’an akka lagatan, ofitti amanamummaa akka dhaban akka taasisu, akkasumallee qocollaaf akka namoota giinga’an saaxilu, dhimmoota hawaasummaarratti akka hin hirmaanne dhiibba akka irratti uumu fi hojii isaanitiin akka hin milkoofne danqaa itti ta'uu akka danda’ullee kaase.
Giinga’uun mallattoo akkamiin ibsama?
Namoonni giinga’an jechoota, gaalee ykn hima jalqaba dubbachuuf ni rakkatu.
Jechoota ykn qubee wayita waaman irra turu.
Yookin ammoo jechoota ykn qubee irra deddeebi’anii waamu. Dubbachuuf ni dhiphatu.
Fala qabaa?
Giinga’uun ijoollee reefu afaan baratan biratti baratamaadha. Daa’immaan irratti rakkoon giinga’uu yoo mul’ate ogeeyyii fayyaa dhimma kanarratti kallattiin hojjatan(speech-language pathologist) adda baasu. Namoota ga’eeyyiifi ijoollee tooftaa adda addaatiin gargaaru.
Tooftaan kunis akkatti suuta jedhanii hubatanii haasa’an barsiisuu(Speech therapy), meeshaalee elektirooniksii ammayyaa dubbii qajeelchaniitti gargaaramuu, waantoota giinga’uu ammeessa wal’aansa adda baasuun jijjiruuf gargaaru(Cognitive behavioral therapy) fi wal’aansa maatiin hirmaachisuun ijoollee giinga’aan gargaaruf oolu dabalata.
Itoophiyaa keessatti tajaajilli kunneen jiraachuuf dhiisuun isaanii quba hin qabnu.
Wal’aansa ogeeyyiin kunneen garuu tarii guutummaatti giinga’uu balleesuu dhabuu mala garuu dandeettii sirnaan dubbachuu, dandeettii namoota biroo waliin walii galuu danda’uu fi iddoowwan hojii fi manneen barnootaa keessatti hirmaachuu sirnaan gabbifachuuf ni gargaara.
Dawaan muraasni giinga’uu yaalamanii kan turan ta’ulllee , qorichi giinga’uu hambisu kan ogeeyyiin mirkanaa’e hin jiruu jedha barruun Maayoo Kilinik.












