Karim Benzemaan Maadiriid gadhiisee kilaba Sa'udii Al-Ittihad galuuf waliigale

Karim Benzemaan maaleyaa Al-Ittihad qabatee

Madda suuraa, Al-Ittihad

Badhaasa kubbaa miilaa guddicha, Ballon d'Or, kan mo'ate Karim Benzemaan kilaba Sa'ud Arabiyaa bara kana Shaampiyoonaa ta'e Al-Ittihad galuudhaaf waliigaltee waggaa sadii mallatteesseera.

Taphataan sarara duraa lammii Firaans Benzemaan umuriin isaaa waggaa 35 guuteera.

Turtii isaa waggoota 14 kilaba Ispeen Riyaal Maadiriid keessa taasiseen Shaampiyoons Liigii Awurooppaa shaniifi La Liga afur dabalatee waancaa 25 mo'ateera.

Amma garuu Riyaal Maadiriid osoo kontiraanni isaa waggaan tokko hafuu akka gadhiisu godhaniiru.

Karim Benzemaan Kiristaanoo Ronaaldootti aansee Riyaal Maadiriid keessatti goolii 354 lakkoofsisuun lammaffaarra jira.

Riyaal Maadiriidiif goolii 450 kan lakkoofsise Kiristaanoo Ronaaldoo, yeroo ammaa kilaba Sa'ud Arabiyaa biraa Al-Naasir keessa taphachaa jira.

"Liigichi gaariidha, taphattoota gaggaarii baayeetis keessa jiru," jedhe Benzemaan.

"Kiristaanoo Ronaaldoon dursee deemee achi jira. Hiriyyaan keenya kun achi deemuu isaatiin Sa'ud Arabiyaan sadarkaa isaa liigii biyyichaa guddisuu jalqabeera. Akkuman Awurooppaatti godhe asittis mo'achuudhaafan taphadha."

"Ispeen fi Awurooppaa keessatti hangan danda'u jireenya koo keessatti milkaa'uu kootiif ani carraa qabeessadha. Amma hojiifi pirojektii haaraatiif yeroo sirrii akka ta'e natti dhaga'ama."

Kilabi Al-Ittihad leenjisaa duraanii wolvis fi Tootenhaam kan ta'e Nuunoo Espiriitoo Saantootiin leenjifamaa jira.

Benezemaan bara 2009 keessa erga Liyon irraa gara Riyaal Maadiriid deemee kilabii guddaa addunyaa kanaaf taphoota 648 taphateera.

Dilbata darbe tapha isaa guyyaa dhumaatiin jijjiiramee bahuu dura goolii tokko lakkoofsisuun Riyaal Maadiriid Atileetikoo Bilbaahoo waliin 1-1n akka xumuran gargaareera.

Wiixata darbe akka beeksifametti Al-Ittihad kilaboota gurguddoo afur Pabilik Invastimant Fandii biyyattiidhaan dhuunfatameera.

Fandiin kun kilaba Piriimer Liigii keessa jiru, Niwukasilis kan ofii godhateera.

Ranaaldoon kan keessa jru Al-Nasar kan biraadha. Al-Hilaal ammoo ganna kana Liyoonel Mesii PSG irraa fudhachuuf carraaqaa jira.