Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tarkiin kirkira lafaatiin walqabatee kontraaktaroota 113 irratti ajaja hidhaa baafte
Qondaaltoonni Tarkii balaa kirkira lafaa torban darbe biyyatiitti mudatee tureen wal qabatee kontraaktaroota ijaarsa gamoo 113 irratti ajaja hidhaa dabarsuun dhagahame.
Poolisiin biyyattii kontraaktaroota dabalatee yoo xinnaate namoota 12 mana hidhaa galchaniiru.
Kun osoo kanaan jiruu tasgabbii dhabiinsi kibba biyyattii keessatti yaalii baraarsaa taasifamu jeeqaa jira.
Namoonni balaa kirkira lafaa qaqabeen Tarkiifi Siriyaa keessatti du'un mirkanaa'ee 33,000 ol gahuun himameera.
Hidhaa hedduun akka gaggeeffamu kan eegamu yoo ta’u, tarkaanfiichi garuu balaa qaqqabeef namoota kaan itti gaafatamoo taasisuun komii ka’aa jirurratti kallattii geedaruuf akka ta’e namoonni hedduun irratti waliigalu.
Baroota hedduuf sababii malaammaltuummaa fi imaammatawwan mootummaatiin gamoowwan haaraa hedduun nageenyisaanii kan hin eegamne akka ta’e oggeessoonni akkeekkachisaa turan.
Imaammanni mootummaa baayyee cimaa kan hin taaneefi guddina ijaarsaa fiduuf jecha wixineeffame gamoowwan hedduun balaa kirkira lafaa qaqqabeen akka jiganiif sababa ta’eera jedhamee yaadama.
Wayita balaan kirkira lafaa qaqqabeettis gamoowan hedduun jijjiguunsaanii tarii rakkoowwan nam-tolche ta’e balicha harbeesseeraa laata gaaffiin jedhu akka ka’u taasiseera.
Tarkiitti filannoon biyyaaleessaa gaggeeffamuuf dhiyaachaa kan jiru yoo ta’u, taatee amma mudate kanaanis pirezidanti Rasiip Taayib Erdoogaan irratti danqaa olaanaa umuu danda’a jedhamee yaadamaa jira.
Pirezidanti Erdoogaan waggoota 20 darbaniif aangorra turan.
Pirezidantiin biyyattiis balaa qaqabeen boda haala hojii lubbuu baraarsuufi dhiyeessitii gargaarsaa irratti hanqinni jiraachu dubbatulleen, haasaa taasisan tokko keessatti balaa qaqabee carraa waliin wal qaqabsiisanii ture.
‘‘Haalliiwwan akka kanaa yeroo hunda ni mudatu. Qaamaa carraati’’ jedhanii ture pirezidanti Erdoogaan.
Haata’u malee kibba biyyattii keessatti hojii lubbuu baraarsaa sababii nagaa dhabiinsaatiin danqameera.
Guyyaa Sambtaa gareewwan maqaan hin eergamiin jidduutti walitti bu’insii umamuun hojjattoonni lubbuu baraaruuf Jarmanii hanga Ostiraaliyaatii gara sana imalan hojiicha dhaabuuf dirqamaniiru.
Naannoolee kibba Tarkiifi Kaaba Sooriyaa kan qorri cimaan keessa jiruutti namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman mana malee hafaniiru.
Mootummaan Gamtoome namoonni 800,000 ol nyaataa gahaa ta’e argataa akka hin jirre kan himee yoo ta’u, dhaabbileen gargaarsaa naannichaati bobba’anii jiran nammoo lakkoofsi namoota du’anii kan ammaa caalaa hariitiin dabalu danda’a jechuun akeekkachiisan.
Sooriyaatti lakkoofsi namoota balaa kanaan du’anii hanga Jimaataatti 3,500 yoo ta’u, Tarkiitti ammoo kuma 29 caaleera.
Ammatti namoota lubbuun argachuuf abdiin jiruu hir’ataa kan jiru yoo ta’u, ammalleen haalaa adda ta’een namoonni lubbuun argamaa jiru.
Kanneen lubbuun argaman keessaa bulchiinsa Gaaziiyaanteetti maatiin miseensa shanii lubbuun argamaniiru. Akkasumas dubarri waggaa 7 tokkoos erga sa’aatiiwwan 132 jijjigaa jalatti dabarsiteen boda lubbuun baatee jirti.