Qaamolee booyyee du’ee sa’atii booda gariin bayyanachiisuun danda’ame

Booyyee

Madda suuraa, Getty Images

Booyyeen ajjeefamee sa’atii tokko booda kutaalee qaamasaa hanga tokko bayyanachiisuun kan danda’ame yoo tahu, kunis wal’aansa fayyaa keessatti tarkaanfii guddaadha jedhan qorattoonni US.

Malli kuni kutaaleen qaamaa dhala namaaf dhaabaman akka dabalaniifi hakiimonni lubbuu namaa baraaruuf yeroo akka argatan gargaara.

Yaada battala jireenyaafi du’aa gidduutti maaltu uumama kan jedhus qorannoo kuni falmeera.

Ogeessonni kunneen akka jedhanitti, ‘’argannoon kuni waan ajaa’ibaafi faayidaa qabeessa tahe dha,’’ 

Yeroo onneen dhahannaa dhaabdu, qaamni keenya oksijiiniifi gosoota nyaata jiraachuuf barbaachisan beela’a.

Kutaaleen qaama keenyaa ni afuufamu, ujummoon dhiigaa hojii dhaaba, seeliiwwan qaama keenya ijaaran du’uu jalqabu.

Seeliin du’uun kuni kana dura dhimma saffisaaan raawwatuufi waan duubatti hin deebifamnettidha yaadama ture.

Haatahu malee qorattoonni Yuunivarsiitii Yeel, miidhaa haala kanaan qaqqabu booyyee erga du’ee sa’aatiin tokko darbe irratti hanga tahe duubatti deebisuu danda’aniiru.

"Dalagaa seelii murasa iddootti debisuu dandeenyeerra, kana kutaalee qaamaa murteessoo tahanirrattidha raawwanne, silaa kutaaleen qaama kunneen du’uutu irra ture," jedhan piroofeesra Neenaad Seestaan.

"Seelonni kunneen sa’atii dheeraa dalaguu irra turre keessatti hojjechaa turan."

Sammuurraa gara qaamaatti

Qorattoonni kunneen sammuu booyyee irratti teeknolojii wal-fakkaataa ‘OrganEx’ jedhamu bara 2019tti hojiirra olchanii turan.

Teeknolojiin kunis:

  • Dhiiga nam-tolchee oksijinii qaama keessatti geejjibu fayyadama. Dhiigni kuni gatii hin kantarreef ujummoo dhiigaa booyyee dadhabaa jiran keessa naanna’a.
  • Makaa kompaawundootaa 13 fayyadamuun adeemsa keemikaalaa seelii du’uuf jiru keessatti dhaabbate, gidduugaluun sirni madiinummaa akka tasgabbaa’uu godha.
  • Meeshaa dhangala’aa dhahannaa onnee akkeessuun dhangala’aa qaama keessa rabsu fayyadama.

Qorannoon kuni joornaalii Neechar jedhamu irratti kan maxxanfame yoo tahu yaalii kanarratti booyyee 100 eeyyama itti argame faayidaarra oolaniiru.

Saayintistoonni qoricha hadoochu booyyee kunneeniif erga kennanii booda onneen isaanii hojii akka dhaabu taasisan.

Sa’atii tokkoof erga du’aniin booda, sirna teeknolojii OrganEx jedhamu kanatti qunnamsiisaniin booda makaa keemikaalaa bayyannachiisu sa’atii ja’aaf kennaniifi.

Qorichi inni hadoochu yeroo yaaliin kuni geggeeffamaa ture akkuma jiruun itti fufee ture.

Sa’aatii jahaa booda qaamolee booyyee kanaa akka onnee, tiruu fi kale baqaqsanii qaamoleen kunneen gariin dammaqanii tajaajila haga tokko kennuu eegaluu agarsiisan.

Onnee keessa sochiin elektiriikii deebi’eera akkasumas maashaaleen onnee tokko tokko shuntuuranii diriiraa turan. Haata’u malee qaamoleen kun qixa yeroo du’a duraatiin hin dalagne.

“Sadarkaa molokiyuuliitti seelii suphuun akka danda’amu agarsiifnee jirra. Seelonni akka hin duune amansiisuu dandeenya jechuudha,” jedhan qorataan Dr Zivoonimiir Virseeljaa.

Yeroo tokkotti mataa fi mormi booyyee kanaa sirnaan socho’uu eegalee ture. Kana jechuun bayyanachaa turan jechuu ta’uu mala garuu qorannoo dabalataa fedha.

Akka yaalii bara 2019n mul’ate sammuu keessa bayyanachuun akka jiru ragaan tureera. Garuu dambaliin sammuu ykn ammoo sochiin elektiriikii kan of-baruu ykn jiraachuu agarsiisu hin mul’anne.

Bu’aa wal’aansa fayyaaf?

Teekinooloojiin kun namootarratti akka hojiirra oolu osoo hin godhamiin dura qorannoon hedduun godhamuu barbaachisa.

Haata’u malee xiyyeeffannaan duraa qaamoleen namaaf bakka buufaman yeroo dheeraa turanii dhukkubsataa bira akka gahan gochuudha.

“Qaamoleen namni tokko arjoomee nama biraaf dhaabaman yeroo dheeraa akka turan gama gochuutiin teekinooloojiin kun abdii guddaa kan keennudha” jedhu Dr Isteefan Laataam, wiirtuu baayoo-etiksii Yeelirraa.

Galmi maayyiin garuu du’anii boodallee qaamoleen namootaa akka arjoomamu gochuufi akka wal’aansaattis teekinoolojii kanatti dhimma bahuudha.

Teekinooloojiin kun hakimoonni namoota hanqina ooksijiiniin du’an fakkeenyaaf bishaan keessatti kan dhidhiman ykn ammoo dhukkuba onnee tasaatiin kan boqotan wal’aanan yeroo dabalataa akka qabaatan godha jedhu ogeeyyiin.

Kana jechuun namoonni kun du’anii sa’aatii muraasa booda lubbuu itti horuun ni danda’ama jechuudha.