Ameerikaan icciitii huuruun xiyyaara Boeing 777 itti gadi dhidhimuuf qorachuuf jetti

Qondaalotni Nageenya Qilleensaa US, maaliif xiyyaarri Boeing 777 tasuma ol ka’insa isaa gadhiisuun garba Paasfikitti dhidhimee akka oole qorachuuf jedhu.

Balaliin daandii xiyyaaraa ‘United Airlines’ 1722 tahe, gaafa Mudde 18 bara 2022 Mawu bakka jedhamuu ka’uun osoo ol ka’insa isaa qabachaa jiruu meetira 425 kan tahu irraa gadi bu’e.

Sana booda ol ka’insa faana 775 irratti akka turu gochuun balalii daqiiqaa 27 booda Saan Firaansiiskootti nagaan akka qubatu taasifame.

Kunis balalii xiyyaarotaa gara dhabamuu gahanii oolaniitti akka dabalamu isa taasiseera.

Balalichi Buufata Xiyyaaraa Kahuluyi irraa hanga sekondii 71tti naguma deemaa ture, sana booda osoo hin eegamiin ol ka’insa isaa irraa gadi bu’e akka ragaan marsariitii aviyeeshinii Flightradar24 irraa argame agarsiisutti.

Boordiin Nageenya Geejibaa Biyyaalessaa US kan balaa xiyyaarota dhaqabanii qoratu sababa isaa aduu turban sadii keessatti gabaasa kan baasu taha.

Imaltoota keessaa Rood Wiiliyaamsi CNNtti akka himetti: ''Xiyyaaricha irra iyya guddaatu ture.

''Namni hundiyyuu waanti tahe tokko sirrii akka hin taane hubateera. Yoo xiqqaate nagaa akka hin taane baraniiru.’’

Galaana keessatti kufuuf sekondii shan qofa akka hafe yaaduun ''waan nama gaddisiisudha’ jedhe.

Paayileetiiin xiyyaarichaa erga xiyyaara buuseen booda gabaasa keessaa balalii galmeessera jechuun bakka bu’oonni Daandii Xiyyaaraa United Airlines BBCtti himaniiru.

Paayileetonni walumaagala muuxannoo xiyyaara oofuu sa’a 25,000 qabu ture.

Qorannoon daandii xiyyaarichaa paayileetotaaf leenjiin dabalataa akka kennamu agarsiise.

Kun ammoo amma kennamaafii akka jiru United Airlines himeera.

''Nageenyi waan dursa guddaa kenninuufiidha,’’ jedhan qondaalonni kaampaanichaa.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa [FAA] gabaasa balaa kanaa

Argates, ''tarkaanfii madaalawaa tahe ni fudhata’’ jedhe dhaabbatichi.

Haa tahu malee, tarkaanfii akkamii akka fudhatu hin ibsine.

Taateen kun balaa xiyyaaraa hamaa dhaqqabuuf turan bara kana US keessatti gabaafaman keessaa tokko. Baruma kana keessaa balaliin lama ammoo Niw Yoorkii fi Teksaas keessatti inumaa hanga dhabamuu gahanitti mudate.

Dhaabbanni NTSB ji’uma darbe keessa taateewwan lama itti bilbilaman ilaalaa jira.

Kan jalqabaa Guraandhala 4 xiyyaarri fe’insaa FedEx isa Teksaas Bufata Xiyyaaraa Idil-adunyaa Oostiin Beergistoormitti bu’uuf ture xiyyaara Daandii Xiyyaaraa Kibba Lixaa jalaa ooluuf jecha addaan kute.

Amajji keessa ammo Buufata Xiyyaaraa Joon F Keneedii keessatti balaliin xiyyaara Deeltaa ka’uuf ture xiyyaara Daandii xiyyaaraa Amerikaa jedhamu [American Airlines] jalaa ooluuf jecha sarara fiigicha isaa irratti dhaabbate.