‘Yeroo afur adda kuteen shanaffaarratti digirii jalqabaan eebbifame’-Obbo Olbaanaa Leellisaa

Obbo Olbaanaa Leellisaa

Madda suuraa, Obbo Olbaanaa Leellisaa

“Osoon qajeeltoon digirii kiyya baradheera ta’ee bara 1986 kanan jalqabee turen bara 1989 xumura ture. Garuu kan bara 1997 sababa hojii [filannoo paartii KFO] addaan kuterraa kan hafe yeroo gara garaatti hidhaafi dhiibbaan narra gahu yeroo afur digirii koo barachuu jalqabee akkan addaan kutu na taasiseera.

Amma si’a shanaffaa irratti milkaa’eera,” jedhan namni siyaasaa buleessi Obbo Olbaanaa Leellisaa digirii jalqabaa dachaafi gaara waggoota 28 booda dhugomfatan yeroo BBCtti dubbatan.

 Barri kun akka lakkoofsa Itoophiyaatti.

Sababa siyaasaatiif yeroo gara garaa bakka gara garaatti hidhamaa kan turan Obbo Olbaanaan, turtii mana hidhaa waggaa torbaa isa dhumaa kanaa erga bahanii boodadha barnoota Manaajimantiidhaan Yunivarsiitii Amboo irraa digirii isaaniin kan eebbifaman.

Digirii jalqabaa barachuuf yeroo afur galmaa’an keessatti semisteerotaafi waggoota hanga tokko baratanii akka turan himu.

Yeroo tokko Ikonomiksii, yeroo kaan ammoo Qonnaa, ammas yeroo dhibii Fayyaa Beeyladaa, akkasumas Seera barachuuf yaalaniiru ykn jalqabaniiru Obbo Olbaanaan.

''Umuriin koo ganna 50 guutuuf guyyaan 5 gaafa na hafen eebbifame''

A L I bara 1984 leenjii dabballummaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) jalatti barachuun Istaadiyeemii Amboo keessatti kakuu seenanii qabsootti akka galan kan dubbatan Obbo Olbaanaan, gitaafi itti-gaafatama adda addaa fudhatanii dhaaba siyaasaa keessa hojjetaniiru, hojjechaas jiru.

Hojii siyaasaan alattis, hojii humnaatii kaasanii waajiraalee mootummaafi miti-mootummaa keessatti hanga sadarkaa itti-gaafatamaatti hojjechuu BBCtti himaniiru Obbo Olbaanaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dachaafi gaara qabsoo keessatti uumataaf gatii kaffalaa turuu isaaniif digirii jalqabaa umurii ganna 50 guutuuf yeroo jedhanitti eebbifamuu dubbatu namni siyaasaa kun.

“Umuriin koo ganna 50 guutuudhaa guyyaan 5 yeroo na hafun digirii koon eebbifame,” jedhan, kan dhalatan A L I Adoolessa 1 bara 1964 ta'uu dubbatu.

Yeroo barumsa amma ittiin eebbifaman kana baratanis rakkoo malee miti.

Haalli keessa darbaniifi haalli amma keessa jiran nama qora kan jedhan Obbo Olbaanaan, haata’u malee, jajjabinaafi hamileen isaan barsiisota isaaniirraa argatan akka isaan cimse kaasu.

“Barsiisonni isaanii ‘waan sana hunda keessa darbitanii as keessa taa’uun keessan qofaan barumsa guddaadha naan jedhanii hamilee naaf kennan. Yeroo tokko tokko kanaan boda maaltu na rakkise yoon dhiisen jedha.

Haala ummanni keessa jiru waan nama mudduufis sammuun dubbisuufis qophaa’aa hin turre. Garuu ammoo warra na dura gatii guddaa kaffalan yaadachaa, abdii kutannaa keessa darbeen as gahe.

Kanaaf, barsiisonnikoofi hiriyyoonnikoo, akkuma ati warra si dura jiran ilaaltee jabaattu yoo ati mana barumsaa ooltee galte warri si boda jiran hamilee horatu waan ta’eef jabaadhu naan jedhu. Anis hangan danda’u nan dhama’e.”

Digiriin eebbifamuun miira akkamii uume?

Akka eebbifamaniyyu warra mana hidhaatti isa waliin rakkachaa turan dabalatee nama tokkottii akka hin himiin kan dubbatan namni siyaasaa kun, gammachuu guddaan kan natti dhaga’ame ergan eebbifamee yaada namootaa hubadheeti jedhu.

“Callisee dhokadhee dhokadhee eebbifamuuf yeroon mooraa seenu barsiisaa koo Ibsaa Mootummaa na argee Feesbuukiirra oolche. Isaan boda uummata keessatti miira naaf gammaduu addaa erga uumee, anis barachuun koo hanga kana ummataaf hamilee cimsuun isaa gaariidha jedheen gammade,” jechuun miira ture ibsu.

Akkuma Obbo Olbaanaan jedhan namoonni xiiqeffannaa, jabinaafi nama abdii hin kunne ta’uu ragaa bahaniiruuf.

Barsiisaa Ibsaa Gammadaa fuula Feesbuukii isaarratti akkas jechuun ibsan:

 “Nama umrii isaa qabsoo Oromootti fixe. Umrii lakkoofsaan guddaa mana hidhaatti fixe. Goota jabaa! Murataa dafqa dhiiga isaatiin dhaloota har'aa biqilche. Abbaa dhalotaa! Qabsoo karaa barnootaas adda hin kunne. Har'a barnoota isaanii Digrii jalqabaan muummee Manaajimantiitiin Yuunivarsiitii Amboo irraa fudhataniiru. Obbo Olabaanaa Leellisaa baga gammadde!’'

Waggoota 20 darban keessa keessumaa bara A L I 1992 irraa kaasanii hojii ijaarsaafi bulchiinsa dhaabaarra hojjechaa akka turan kan dubbatan Obbo Olbaanaan, barnooticha waanuman hojjechaa ture akka ta’u hubachuu himu.

Barnoota amma baratan kanaan ittiin hojjechuuf yaadanii akka baratan kan himan namni siyaasaa Obbo Olbaanaan, “ammas amma Waaqayyoofi sabni koo naaf haayametti hojii kanumaanan itti fufa. Barumsas isuma kana [ol guddiseen] rakkoo biyya kanaaf fala barbaaduu hangan danda’e gumaacha.”

Mana barumsaa ijoollee Oromoof Finfinneetti akka banamuuf qabsaa'aa turanitti barachuu….

Obbo Olbaanaan miseensa Caffee yeroo turanitti manni barumsaa ijoollee Oromoof magaalaa Finfinneetti akka banamuuf hanga danda’an gaafachaa akka turan himu.

“Warri hoggantoota mootummaa naannoo Oromiyaa turan Obbo Abbaa Duulaafaa [kaayyoo fedheefiyyu yaa ta’u] iyya keenya dhaga’anii mana barumsaa Finfinnee keessatti Afaan Oromootiin banan.”

Manneen barnootaa Afaan Oromoo Finfinneetti banaman keessaa tokko Mana-barusmaa Janaraal Taaddasaa Birruu kan Yunivarsiitiin Amboo damee Finfinnee keessatti barsiisudha.

Kanaaf, mana-barumsaa akka banamuuf qabsa’aa turre keessatti deebiyee carraa baradhee eebbifamuu argachuun koo ana ajaa’ibeera,” jechuun qajeelummaaf dhaabbachuun [falmuun] akka namaaf deebiyu dubbatu Obbo Olbaanaa.

Obbo Olbaanaan barnoota isaa keessatti namootaafi kutaa hawaasaa gara garaa isa cinaa dhaabbatanis ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin ibsaniiru.

Akka nama siyaasaafi qabsoo keessa jiru tokkoottis ergaa galataa isaanii keessatti yaaddoo haala yeroo qabanis itti ‘tuqachaa’ ergaa dabarfataniiru.

“Akka ‘yeroo hoolaa ishee tokko qalan isheen tokko dhabattee halala nyaatti’ jedhan natti hin ta'iin malee yaaddoon koo akkuma jirutti ta'e warri asi gahu koof hanga beektaniifi dandeesan naa gargaartan hundii keessan galatoomaa.

 Akkasumas, ofii jallattanii akka ani sorooru warri na agarsiiftan, ofii gufuu taatanii akka ani tarkaanfachuu baru warri naleenjiftan, ofii bool'a qottanii utaalcha warri nabarsiiftanis gatatooma!” jechuun roga rogaan tarreessanii dubbii jabdii ergaa jabduu qabdus dabarsaniiru Obbo Olbaanaan.