Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan Raashiyaadhaaf diroonii dhiyeessuuf jechuun US akeekkachiifte
Qondaalli Ameeriikaa olaanoon Iraan meeshaalee waraanaa dirooniidhaaf ta'an Waraana Yukireeniif akka itti fayyadamtuuf Raashiyaaf dhiseessuuf qophaa'aa jirti jedhan.
Akka qondaala kanaatti Iraan dirooniiwwan dhibbaan lakkaa'aman waraana Yukireeniif akka itti fayyadamtuuf Raashiyaaf dhiyeessuuf jirti.
Gorsaan Nageenya Biyyaaleessa Waayit Haawuus, Jaak Sulivaan akka jedhaniitti, odeeffannoon Ameerikaa qaqqabaa jiru akka mul'isuutti Iraan humnootiin Raashiyaa haala diroonota itti fayyadaman irratti leenjii kennuuf qophaa'aa jirti.
Itti dabaluun Iraan dirooniiwwan kunneen Raashiyaadhaan ga'uunshee haga ammaa ifa mitis jedhan.
Diroonniiwwan waraana Raashiyaafi Yukireen jidduutti gaggeffamaa jiru keessatti jarri lamaanuu itti fayydamaa jiru.
Torban darbe ammoo yaalii waraanaa taasisaa jiruuf deeggaruuf dirooniiwwan kumaatamni akka arjoomamuuf Yukireen gaafachuunshee ni yaadatama.
Mr Sulivaan itti dabaluun akka jedhanitti odeeffannoon tikaa deeggartoota Ameerikaatiin argame akka mul'iseetti, haleellaa Raashiyaan baha Yukireen to'achuuf taasisaa jirtuun ''meeshaalee waraanaa mataashee waliitti fufiisuuf baasii cimaaf saaxilaa jira.''
Akkasumas dirooniiwwan Iraan kanaan duras Sa'uudii Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuudhaaf riphee loltoota Huttii kan Yeman keessatiin fayyadamamu kaaseera.
Yaadni qondaala kanaatiis dowwannaa pirezidaantii Ameeriikaa Joo Baayidan gara Israa'eelii fi Sa'uudii Arabiyaatti torban kana taasisaniin dura kan dhufeedha.
Biyyoonni kunneen lamaanuu qoqqobbii sababii waraana Yukireenitiin Raashiyaarratti fudhatame keessatti hin hirmaanne.
Israa'eel biyya Iraan kan akka badduuf waamicha taasiftu akka yaaddoo naannichaa olaanaatti ilaaltiin.
Ameerikaa fi biyyoonni michuu kan biraas erga waraannii eegalee kaasee meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu Yukireeniif dhiyeessaniiru.
Aab Sulivaanis Ameerikaan ''Yukireeniin haalaan ittisuu itti fuftii'' jedhan