Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gatiin tikkeettii xiyyaaraa ‘shakkii malee’ dabalunsaa waan hin oolle
Gatiin tikkeettii balaliinsa xiyyaarraa ‘‘shakkii malee’’ dabaluunsaa hin ooluu jechuun kan akkeekkachisan Daarektara Olaanaa Waldaa Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaati.
Hojii raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensaa Biritish duraanii kan ta’an Wiilii Woolshi, dhiibbaa weerarri Covid qaqabsiisee keessaa bahuuf yaalii damee kun taasisaa turee kaasee, daballii gatii boba’aa akkasumas waraanni Raashiyaafi Yukireen gatiin tikkeettii xiyyaaraa akka dabalu ni taasisa jedhaniiru.
Woolshii imaltoonni gatiin tikkeettii xiyyaaraa akka dabalu hubannoo keessa galchuun daballii taasifamuuf qophii ta’u qabaatu jechuunis hubachisaniiru.
‘‘Imaltootaaf gatiin tikkeettii xiyyaaraa baayyee akka dabalu shakkiin omaatu hin jiru,’’ jedhan.
Sababii daballii gatii imala qilleensaa inni guddaan gatii boba’aa dabaluu ta’u himaniiru.
‘‘Daballiin gatii boba’aa daballii gatii tikkeettii irratti calaqqiisa,’’ jedhan.
Biyyoota diinagdeen isaanii dhiibbaa weerara Covid irraa bayyanachaa jiru keessatti boba’aan dabala gatii mul’isaa jira.
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen ammoo boba’aan caalaa akka dabalu sababii ta’eera.
Biiyoonni lixaa boba’aa Raashiyaa irratti qoqophaa taasisaa jiru.
Ameerikaan boba’aa Raashiyaa irra bittuu gutummaa guutuutti galchuu akka dhaabdu ifa taasisuun ishee ni yaadatama.
Gamtaan Awurooppaa ammoo dhuma 2022tti hamma boba’aa Raashiyaa irraa gara biyyoota gamtichaa galu zeeroo akka taasisu beeksiiseera.
Boba’aan Raashiyaa gabaa keessaa akka bahu taasifamuun ammo gatiin boba’aa omishitoota warra kaanitiin gabaaf dhiyaatuu akka dabalu taasisa.
Woolshi akka jedhaniitti yoo ta’e baasii olaanaan daabdiiwwan qilleensaa boba’aadha. ‘‘Gatiin boba’aa olaanaa ta’unsaa ammo imalatoonni tikkeettiisaaniif gatii olaanaa akka kanfalan dirqiisiisuun saa kan hafu miti,’’ jechuun ture Daareektarri Olaanaan Waldaa Geejjiba Daandii Qilleensa Idil-addunyaa Wiilii Qoolshii kan dubbatan.