Guyyaa Nelsan Maandellaa: Yoom, maaliif kabajama?

Aabba Nelsan Maandellaa

Madda suuraa, Getty Images

Adoolessi 18 Guyyaa Nelsan Maandellaati - guyyaa kanatti milkaa'ina hoogganaa Afrikaa Kibbaa seenaa keessatti ka'an kan itti yaadataman oggaa tahu, otoo lubbuun jiraatanii guyyaa har'aa umuriin isaanii ganna 104 taha ture.

Guyyaan kun 2009 irra Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii - UNn kan jalqabe ennaa tahu, guyyaa kanatti jireenyaafi galfata Maandeellaatu himama.

Mata-dureen baranaa: 'Waan qabduun, waan dandeessu godhi', kan jedhu yoo tahu, jijjiirama qilleensaan dhiibbaa nyaatarra gahe irratti hubannoo uumuuf kaayyoo godhate.

Maandellaan gaggeessaa addunyaarra akkaan beekaman oggaa tahan, baroota jireenya isaanii keessa seenaa guddaa hojjetanii dabran. Keessattuu jireenya lammiilee Afrikaa Kibbaa bu'uurarraa jijjiiruuf hojii hojjetaniin yaadatamu.

Maandellaan maaf akkas leellifamu?

Nelsan Maandellaa pireezidantii Afrikaa Kibbaa gurraacha tahan isa jalqabaa ennaa tahan, kanas kan argatan erga filmaatni demokraatawaa biyyattii isa jalqabaa 1994 taasifameen boodadha.

Bakka san gahuuf garuu karaa dheeraafi haalaan rakkisaa tahe keessa dabruu qabu turan.

Bara dargaggummaa Maandellaa keessa, Afrikaa Kibbaatti namoonni gurraachaa fi adiin walkeessa jiraatanii wajjin waa hojjechuu hin danda'an ture. Sirna apaartaayid jedhamu keessatti walqoodanii jiraachuuf dirqamanii turan.

Namoonni adii biyyattii keessa lakkoofsi isaanii bicuu turus, waanta hundaa ammoo to'atanii turan.

African domestic workers catching a train to Crossroads, a camp on the outskirts of Cape Town, pass by a white student from Bishops, an exclusive Cape Town prep school, who is also waiting for a train.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Appaartaayidii keessa namoonni gurraachaa fi adiin walitti hin makaman ture

Lammiileen gurraacha tahan mirga daanga'e qabu turan - filachuullee hin danda'an ture. Warri adii ummanni gurraacha tahan hojii akkamii hojjechuu akka qabaniifi eessa jiraachuu akka qabanillee murteessu turan.

Ofiif garuu manneen barnootaafi hospitaalota gaggaarii qabu turan.

Nelsan Maandellaan appaartaayidiin Afrikaa Kibbaa keessaa akka xumura godhatuuf haalaan morman.

Hidhaa seenan

This was Mandela's prison cell, which is now a museum

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo kanatti mormiin sirna appaartaayidii irratti gaggeeffamu gariin hokkoratti jijjiirame. Kanumarraa ka'uun kanneen Maandeellaa morman, isaafi deeggartoota isaa shororkeessitoota jechuun labsan.

1964tti Aabba Maandellaan biyya ganuufi mootummaa miidhuu yaaluun himatamanii hidhaan umrii guutuu itti murtaa'e - kanaafis waggoota dheeraaf Odola Robben irratti hidhaman.

Odolli dhiyeenya Keepp Taawonitti argamtu kun, waggoota 300f mana hidhaa tahee tajaajilaa turte. Aabba Maandellaa dabalatee, hidhamtoonni gara caalu dhiirota sanyii gurraachaa yogguu tahan, sababa siyaasaan kan hidhamanidha.

Haala akkasii keessas tahee, namoonni hedduun addunyaarra jiran yaadasaa deeggaruun, akka gadhiifamaniif qabsaa'aa turan.

Mandellaan hidhaarraa hiikaman

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ganna 27 hidhaa turanii bara 1990tti, Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa yeroosiifi sanyii adii tahan FW de Klerk, akka hiikaman murteessan. Kunis boqonnaa haaraa biyyattiif fide.

Maandellaan sochii farra-appaartaayidiif mallattoo tahani kan turan ennaa tahu, gadhiifamuun isaanii biyya isaaniitti callaa adoo hin taane, addunyaa gubbaatti kabajame.

Waggaa tokkoon booda Afrikaa Kibbaatti appaartaayidin xumura argate. Waggaa sadiin booda ammoo biyyattiin yeroo jalqabaaf filannoo demokraatawaa tahe - kan warri gurraachaas tahe kanneen adiin irratti filachuuf carraa argatan gaggeeffame.

Maandellaan pireezidantii tahuun filataman - ummata biyyattii sanyii akka akkaa tahan walitti fiduuf hojii eegalan.

1993tti hojiisaaniif kabaja isa olaanaadha jedhamu, Badhaasa Nobeelii Nagayaa mo'atan.

1995tti Afrikaan Kibbaa yeroo duraatiif dorgommii ispoortii guddaa tahe qopheessite - Waancaa Addunyaa Raagbii.

Aabba Maandellaan biyyattii walitti fidanii tokkoomsuuf, garee raagbii Afrikaa Kibbaa gara caalu sanyii adii tahaniif deeggarsa kennan.

Gareen maqaa masoo Springboks jedhamuun beekaman kun, waancaa barasanaa kaasan.

Aabba Maandellaan seenaa keessatti bulchaa akkaan beekaman jedhamuun kan yaadataman oggaa tahu, yaada dhiifamaafi walqixxummaa labsuun maqaan isaanii kaha.