Yeroo Addeessi guutuun mul’atutti addunyaarratti maaltu ta’a?

Madda suuraa, Getty Images
Addeessi guutuun Roobii mul'atu kan dhumaa kan yeroo qorraa hemisfeera kaabaa (bakka Addeessi Cabbii jedhamutti) yoo ta'u, kan dhumaa ganna kibba ikuwaatoriiti.
Addeessi ammallee Guyyaa Jaalalleewwaniitti guutuu ta'ee mul'ata.
Addeessi guutuun kan uumamu yeroo Aduu irraa gama faallaa Lafaa jirtu waan ta'eef, kallattiin Addeessa nutti mul'ataa jiru ammoo guutuun ni ibsa.
Addeessoonni guutuun aadaa fi duudhaa addunyaa guutuu bocuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru. Sheekkoo, gochaalee fi hiika taateewwan Addeessaan walqabatan keessaa muraasni kunooti.
Addeessa guutuun abbootii keenyaaf akkamitti barbaachisaa ture?

Madda suuraa, Getty Images
Addeessi guutuun abbootii keenya duriif hangam barbaachisaa ture?
‘Marsaa’ ji’aa – marsaa idilee ji’a ji’aan deemu – jalqabarraa kaasee yeroo hordofuuf itti fayyadamaa turan.
Lafee ‘Ishangoo’ fudhadhaa - bara 1957 Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo ammayyaa keessatti argame.
Lafeen kun tarii jilba jaldeessaarraa kan fudhatameefi umriin isaa waggaa 20,000 ol ta’uun isaa kan murtaa’e yoo ta’u, gosa kalaandarii jalqabaa ta’uun isaa ni amanama.
Ji'ooloojistii lammii Beeljiyeem tokkoon kan argame lafeen kun, boca sararame adda addaa qaba – isaan keessaa tokko tokko boca geengoo ykn gartokkee geengoo qabu. Arki'ooloojistiin Yunivarsiitii Haarvaard Aleksaandar Maarshaak kunniin marsaa ji'aa adda addaa kan bakka bu'an ta'uu akka danda'an tilmaameera. Lafeen kun akka kalaandarii ji'aa ji'a jahaatti itti fayyadamuu akka danda'u yaada dhiheesse.
Ji'I ykn Addeessi Sabsii ykn midhaan sassaaban/haaman maqaa ji'a guutuu kan yeroo birraa equinox (dhuma Fubaanaa ykn Onkoloolessaa)tti dhihoo ta'eef kennamedha.
Yeroo waggaa kanatti ji’i erga aduun lixxee yeroo muraasa booda kan ba’u yoo ta’u, qonnaan bultoonni midhaan isaanii walitti qabuuf ariifatan ifa ji’aa jalatti hanga galgalaatti hojii isaanii itti fufuu danda’aniiru. Yeroo ammaa kana irra caalaan isaanii ibsaa elektirikii akka fayyadaman beekamaadha.
Yeroo Addeessi guutuu ayyaanota akkamiitu kabajama?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Chaayinaa keessatti, Ayyaanni walakkeessa Birraa, Zhongqui Jie (Ayyaana Ji'aa jedhamuunis ni waamama), guyyaa midhaan sassaaban [haamaa] Ji'i ayyaana ummataa ta'ee kabajama.
Ayyaanni kun waggoota 3,000 dura kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, midhaan barakaa qabu nuuf kenni [quufa nuu taasisi] jechuun kabajamaa ture.
Haaluma walfakkaatuun Kooriyaa keessatti ayyaanni Chuseok guyyaa sadiif kan gaggeeffamu yoo ta’u, ji’a sassaabii midhaanii [haamaa] wajjin walsimsiisuun kan qophaa’udha. Maatiin walitti qabamanii midhaan sassaabanii kabajuufi abbootii isaanii galateeffatu.
Aadaa Hindu keessatti guyyoonni Addeessi guutuun mul’atu, Purnima jedhaman, soomaafi kadhannaadhaan kan beekamanidha.
Kartik Purnima Sadaasa keessa kan gaggeeffamu – ji’a qulqulluu kalaandarii Hindu keessatti – fi injifannoo Gooftaan Shiivaan seexana [jinnii] Tripurasura fi Gooftaan Viishnuu avatar jalqabaa akka Matsyaatti galmeessedha.
Sirnoonni laggeenitti dhiqachuufi ibsaa suphee tarreen ibsuu kan dabalatudha.
Budiistonni Buudaan waggoota 2,500 dura Addeessi guutuu yeroo mul’atu keessa dhalate jedhanii amanu. Akkasumas, ifa argatee ji’a guutuu jalatti akka du’e ni amanu.

Madda suuraa, Getty Images
Taateewwan kunneen kan mallatteeffaman Buddha Purnima yoo ta'u, yeroo baayyee guyyaa ji'a guutuu Ebla ykn Caamsaa keessa raawwatama.
Siriilaankaatti Addeessi guutuun mul’atu ji’a ji’aan ayyaana ummataa yoo ta’u, Poya jedhama. Kun yeroo gurgurtaan alkooliifi foon itti dhorkamudha.
Baaliitti ji'i guutuun Purnama jedhamuun kan mallatteeffamu yoo ta'u, yeroo waaqoliifi waaqoliin dubartootaa gara Lafaatti gadi bu'anii eebba isaanii kennu jedhamee amanamudha.
Yeroon kun yeroo kadhannaa, aarsaa waaqaa dhiheessuufi biqiltuu ija kennu itti dhaabanidha.
Muslimoonni yeroo Addeessi guutuun mul’atutti guyyoota sadiif akka soomanan jajjabeeffamu. Isaan kun Guyyoota Adii ykn Al-Ayyam al-Bid jedhamuun beekamu. Nabiyyuu Mohaammad guyyoota kanatti Rabbiin halkan dukkanaa ibseef galateeffachuuf soomana akka turan himama.
Amantii Kiristaanummaa keessatti Ayyaanni Faasikaa Addeessa guutuu jalqabaa booda kan kabajamu Dilbata jalqabaa kan birraa equinox hordofeeti.
Meeksikoofi biyyoota Laatiin Ameerikaa biroo tokko tokko keessatti, “shubbisa ji’aa” dhalattoota Ameerikaa kan dubartoonni Addeessa guutuu walitti dhufanii, ayyaana guyyoota sadiif turu irratti shubbisuufi waaqeffachuuf haaromfamuu isaati.
Oduu duriifi sheekkoo akkamiitu Addeessa guutuu ilaalchisee himama?

Madda suuraa, Getty Images
Awurooppaatti bara duriirraa kaasee Addeessa guutuun namoota tokko tokko maraatummaa akka fidu yaadameera. Jechi “lunacy ” jedhu “luna” jecha Laatiin ji’a jedhu irraa kan argamedha.
Yaadni ji’i guutuun amala to’annaa hin qabne ykn to’achuu hin dandeenye kakaasa jedhu sheekkoo werewolves(nama yeeyyiitti jijjiirame) – ilmaan namaa fedhii malee gara bifa yeeyyiitti jijjiiramanii halkan ji’a guutuu hawaasa isaanii shororkeessu jedhamee amanama.
Dhaloota Kiristoos dura Jaarraa 4ffaa keessa, hayyuun seenaa Giriikii Herodotus waa’ee gosa Iskiitiyaa (bakka amma Raashiyaa jedhamtutti) Neuri jedhamu barreessee, waggaa waggaan guyyoota hedduu gara yeeyyiitti akka jijjiiraman dubbateera.
Awurooppaatti namoonni hedduun Jaarraa 15ffaafi 17ffaa gidduutti namooa yeeyyiitti jijjiiraman jedhamuun himatamanii murteen irratti darbaa turuutu himama.
Taatee kaanana walqabsiisee dhimmoota hameenyummaa isaaniin yaadataman keessaa tokko kan abbaa lafaa Piitar Istuubee (ykn Stumpp) jedhamu Jarmanitti bara 1589 mudatedga.
Adamsitoonni naannoo sanaa yeeyyiirraa gara namaatti jijjiiramuusaa akka argan himaniiru.
Piitar erga dararamee booda, qabattoo falfalaa kan akka inni gara yeeyyiitti jijjiiramee, namoota adamsee nyaatu isa dandeessisu akka qabu himate.
Addeessi guutuun akkamiin jireenya guyyuurratti dhiibbaa qabaata?

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon akka agarsiisutti, yeroo ji'a guutuu ykn naannoo ji'a guutuutti namoonni hirribni isaan fudhachuuf yeroo dheeraa itti fudhata; hirriba gadi fagoo ta’e keessaammoo yeroo xiqqaa turu, ykn yeroo xiqqaa rafu.
Akkasumas, hormoonii melatonin jedhamu akka hirribni isaan qabuuf isaan gargaaru gadi aanaa ta’e qabaatu.
Namoonni qorannoowwan kanarratti hirmaatan akka ifa ji’aatiin irriba hin dhabneef kutaalee ciisichaa cufame keessattillee hirriba quubsaa akka hin arganne gabaasan.
Namoonni biqiltuu kunuunsan hedduun yeroo ji'a guutuu ta'etti (akkuma warri Baaliin yeroo Purnama godhan) biyyee ni fooyyessa jedhanii amanuudhaan sanyiifi biqiltuu dhaabu.
Yeroo ji'i guutuun jiru humni harkisa ji'aa gama tokkoon lafa harkisa, humni harkisa aduu ammoo gama biraa harkisa. Kunis dambalii guddaa uumuu bira darbee jiidhina dabalataa gara fuula lafaatti akka harkisu yaadameera.
Bineensonni yeroo ji'a guutuu carraan nama ciniinuu isaanii dabaluu akka danda'u qorannoon bara 2000 UK, Bradford keessatti gaggeeffame ni mul'isa.
Qorannoon kun akka agarsiisutti, bara 1997 fi 1999 gidduutti guyyoota naannoo ji'a guutuutti lakkoofsi dhukkubsattoota miidhaan bineensotaan ciniinamanii hospitaala galanii baay'ee dabaleera.
Kan nama gaddisiisu garuu, ciniinnaa yeeyyiirraa ta’e tokkollee hin galmaa'in ture.












