Taateewwan yaadatamoo Itoophiyaa, Afrikaa fi Addunyaa bara 2025

Madda suuraa, Getty Images
Bara faranjootaa goolabame 2025 keessa fiixeewwan addunyaa mara keessatti taateewwan yaadataman hedduun ta'aniiru. Itoophiyaan hidha haaromsaa waggoota 14f ijaaraa turte kan xumurtee eebbifte bara kana ture.
Itoophiyaa, Afrikaa fi Addunyaa guutuutti ta'iiwwan yaadatamoo ijoon bara 2026tti ce'uu dura yaadachuu malle kami?
Eebba Hidha Haaromsaa Itoophiyaa
Itoophiyaan bara bulchiinsaa Ministira Muummee Mallas Zeenaawwiitti bara 2011 ijaarsa hidha guddicha Afrikaarraa tokkoffaa ta'uu akka jalqabdu beeksifte.
Yaadni ogeeyyiifi maallaqa Itoophiyaatiin ijaarama jedhu deeggarsa lammiilee biyyattii hedduu akka argatu godhe.
Lammiileen biyyattii mindaa qaban waan argatanirraa kaanis sabbata isaanii hiikanii baroota 14 darbaniif wixinee biyyootni yaa'a gadii hin milkaahu ta'a jedhanii abdatan milkeessan.
Itoophiyaan baroota 14 darban daddaaqama siyaasaa hedduu keessa dabartus, hogganoota biyyaa sadii keessummeessitus ijaarsa hidha kanaarratti ejjennoo osoo hin jijjiiriin milkeessite.
Ijaarsa isaatti maallaqi doolaara biiliyoona 5 ta'u ba'uun kan himamu Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa ammoo kiilomeetira 1.8 dheerata, hojjaansaa meetira 145 ta'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haroon sababa ijaarsa hidha kanaan uumame- Nigaat jechuun kan moggaafame, bara 2020 guutamuu eegale. Hanga bara 2024tti guutamee kan xumurame haroon kun bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74 akka qabatu ibsame.
Dheerinni haroo kanaa kiilomeetira 246 yoo ta'u, gadi fageenya hanga meetira 140 ga'u qaba.
Ijaarsisaa Masriifi Sudaan hin gammachiifne. Masriin guyya ahidhi kun eebbifame Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti xalayaa barreessiteetti.
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis irra deddeebiin ijaarsi hidha Haaromsaa deeggarsa maallaqaa US milkaahuu dubbachuun ijoo dubbii ture. Dubbii kana mootummaan Itoophiya adhugaa miti jedheera.
Filannoowwan biyyoota Afrikaa 10
Afrikaa keessa bara 2025 filannoowwan pirezidantummaa 10 gaggeeffamaniiru. Filannoon kun lammiilee Afrikaa miliyoona 180 ta'an irratti aboo murteessuu kenna.
Lammiilee miliyoona 180 ta'an kana keessaa kan sagalee kenne giddugaleessaan 67.6% ta'a. Namootni sagalee kennuuf galmaahan ammoo miliyoona 78ni caalu.
Filannoowwan kana keessaa inni falmisiisaan isa Kaameruunitti gaggeeffameedha.
Erga bara 1982 aangoorra kan jiru Pireezidantiin ganna 92 Pool Biyyaa marroo saddeettaffaaf turtii aangoosaa dheeresse.
Waggoota 43 darabaniif Kameruniin kan bulche, Pool Biyyaa, ammas filannoof dhiyaachuuufi injifachuun isaa qeeqa kaaseera.
Kiristii Koveentarii - Dubartii Afrikaa jalqabaa Koree Olompiikii addunyaatti pireezidantii taate
Bara 2025 keessa taateewwan seena qabeessa Afrikaa raawwataman keessaa tokko lammiin Zimbaabiwee Kiristii Koventarii dubartii Afrikaa jalqabaa Koree Olompikii Idila Addunyaatti Pirezidantii taatee filatamuudha.
Koventariin bishaan daakuutiin Olompiikarratti dorgomtee yeroo lama biyyashee Zimbaabiweef meedaaliyaa warqee injifatteetti.
Dubartiin ganna 41 kun waggoota saddeet dhufaniif Koree Olompiikii addunyaa hoogganti.
Riikardiin addunyaa lama dubartoota Keeniyaan qabame
Atileetoti Keeniyaa Feet Kipyeegooniifi Beetriis Chebeet riikardii dorgommii tiraakii lama harka galfataniiru.
Keessumaa Chebeet fiigicha meetira 5,000 dubartootaan daqiiqaa 14 gadi fiiguun dubartii jalqabaa taateetti.
Afrikaan Yaa'ii G-20 yeroo jalqabaaf keessummeessite
Afrikaan Kibbaa yaa'ii biyyoota badhaadhan 20 (G-20) Sadaasa 22 keessummeessuu eegalte. Yaa'iin kun biyya Afrikaa keessatti yeroo gaggeeffamu kun kan jalqabaati.
Dhimmoota yaa'iin kun irratti mariyatuufi bu'aasaarratti waliigaluu dhabuudhaan US yaa'ii kanarratti argamuu baattus, biyyootni hirmaatan guyyaa jalqabaatti dhimmoota kaasan murasaa irratti waliigalteerra gahuu ibsaniiru.
Rakkoolee idila addunyaa tumsa walootiin furuurratti biyyootni hirmaatan waliigalaniiru.
Waggaa 23 keessatti lakkoofsi namoota du'anii ni hir'ate
Bara 2025 keessa lakkoofsi namoota du'anii waggoota 23 darban keessaa birqabaan dhibbeentaa 60n hir'ise.
Kanaaf kan gumaache ammoo guutuu addunyaatti walgeettiin talaallii dhibeewwan weeraraan ka'aniifi daddarbanii dabaluu isaati.
Walitti bu'iinsa Iraaniifi Israa'el
Israa'el Baha gidduugalaa keessatti hidhattoota Iraan hundeessitee fi deeggartu kana akkaa Huutii, Hezbollaa, Hamaasiifi kaan irrattis haleellaa raawwachaa turtee booda tasa guyyaa Jimaataa Waxabajjii 13 iddoowwan 'Wiirtuu' sagantaa Nikulaara Iraan jettu haleelte.
Haleellaa Israa'eel Iraan irratti fudhatte kanaan hogganaa Warraaqsa Islaamaa Iraan, Huseen Salaamii dabalatee, saayintistoota niikulaaraa akkasumas aanga'oonni humnoota waraanaa biyyattii hedduun ajjeefamuu miidiyaan biyyaalessaa Iraan gabaaseera.
Dubbi himaan humna waraanaa Iraan haleella kana booda US fi Israa'eel 'gatii guddaa kanfalu'' jedhan.
"Humni Waraanaa keenya haleellaa kanaaf deebii nikenna" jechuunis haaloo akka bahan ibsan.
US jalqaba waayee haleellaa Israaa'el kanaa quba hin qabu jettee waakkattte. Booda Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waayee haleellaa kanaa hunda beekna jedhe.
Guyyoota boodas US boombiiwwan hanga ammaa hojiirra oolchitee hin beekneen buufataalee niikuleeraa Iraan lafa jalatti ijaarte sadii haleelte.
Gidduseentummaan US kun waraanichi to'annoon ala baha sodaa jedhu hammeessee ture.
Walitti bu'iinsi Iraaniifi Israa'elii guyyoota 12 booda Waxabajjii 24 goolabame. US, Kataar waliin ta'uun jaarsummaa gaggeessaa turteen milkooftee Waxabajjii 23 galgala Tiraamp waliigalteen dhukasa dhaabuu waliigalamuu labse. Guyyaa itti aanus biyyootni lamaan walitti dhukaasuu dhaabanii xumura waraana guyyoota 12 ta'e.

Madda suuraa, Getty Images
Jaarsummaa USn waraanni Gaazaa goolabame
Waraana hamaa waggoota lamaa Israa'eliifi Hamaas Gaazaatti gaggeessaa turan tattaaffii Pirezidanti Doonaald Tiraamp, Kataar, Turkiifi Masriin Onkololessa keessa goolabame.
Hamaas jalqaba Israa'el keessatti haleellaa raawwachuufi namoota butuu hordofee Onkololessa 7, 2023 irraa kaasee Gaazaa keessa waraanni gaggeeffamaa ture. Lola Kana keessa lammiileen nagaa Gaazaa kumoota kudhaniin lakkaa'aman lubbuusaanii dhabaniiru.
Rakkoon namoomaa sababa ulaan gargaarsaa uggurameef dhalates gaaga'ama namoomaa guddaa uumee biyyoota addunyaafi dhaabbilee hedduu waywaachisaa ture.
Onkololessa darbe waliigalteen dhukaaa dhaabuu marsaa sadii qabu waliigalameera.
Kana keessatti beekamtiin biyyummaa Filisxeemiifi Gaazaa deebisanii ijaaruu ni argama.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii waliigaltee waraana dhaabuu mallattaa'eef Sadaasa darbe beekamtii kenne. Nagaa kabachiisaan idila addunyaa Gaazaatti akka bobba'us beekamtii kenneera.
Taarifa US fi daddaaqama hariiroo alaa

Madda suuraa, Getty Images
US Ebla darbe imaammata taarifaa haaraa michootashee daldala waliin hojjeettuutti ifa goote.
Sagantaa kanaan Itoophiyaa dabalatee biiyyoota addunyaa garaagaraarratti daballii gibiraa xiqqaa hanga olaanaa keesse. Kaaniin ammoo isinirran kaaha jechuun sodaachifte.
Adeemsi kun sirna daldalaa idila addunyaa baayyee raase. Hariiroo dippiloomasiifi daldalaa biyyootni gurguddoon Awurooppaa hanga Kaanadaa qaban qoreera.
Biyyootni gariin akkuma US goote omishaalee US irraa gara biyyasaanii galan irratti daballii gibiraa gochuun haaloo bahan.
Ameerikaan michuu daldalaa hin amanamne ta'aa jirti jechuunis omishaaleesaanii UStti erguurratti hirkachuu cinaatti gabaa biraa barbaaduuttis fuula naanneffataniiru.
Booda ammoo Tiraamp biyyoota michuu daldalaa jajjaboo waliin marii ta'uun haala jiru sirreessuutti deebi'an.












