Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yunaayitid leenjisaa haaraa jalatti mo'achuutti deebi'e, Siitifi Astoon Viilaan Arsenaal biraa gufatan
Maan Yunaayitid Amooriim hari'ee Maayikil Kaariik bakkasaa erga bu'ee booda kilaboota jajjaboo dabalatee mo'achuu itti fufeera.
Leenjisaan haaraan onnee Yunaayitid dur ittiin beekamu waan itti deebise fakkaata.
Maayikil Kaariik taphoota sadii walitti aansuun injifateera. Manchester Siitii, Arsenaalifi kaleessa ammoo Fuulhaam walitti aansuun irra aane.
Amma Yunaayitid Cheelsii caalee qabxii 41 sassaabbatee gabatee Pirimeerliigii sadarkaa 4ffaarra taa'ee jira. Sadaffaarra kan jiru Aston Viilaa irraa qabxii shan qofa fagaata.
Amooriim yeroo leenjisaa turetti kan ittiin komatamaa ture keessaa akkaataa taphattoota itti hiriirsu jijjiiruu diduufi rincicaa ta'uu isaatini.
Ammas taanan ittisa Yunaayitid irratti rakkoon jiraatus, Maayikil Kaarik taaktika Amooriim jijjiirera.
Kuni ammoo Koobii Maayinoo leenjisummaa Amooriim jalatti eeggataa ta'uun yeroo dheeraaf tapha malee isa teessisa taphatti deebiseera.
Amooriim jalatti Buruunoo Fernaandeez bilisa ta'ee taphachuu dhabuunsaa rakkoo guddaa Yunaayitid mudatee tureedha.
Maayikil Kaariik garuu Buruunoo bilisa gochuun carraa goolii akka inni uumufi kubbaa bareechee akka qooduuf carraa uumeef.
Manchestar Siitiin harkumaan qabxii gate
Maanchestar Siitiin kaleessa tapha Tootenhaam waliin taasise irratti carraa guddaa of jalaa balleesse. Dirree Tootenhaam deemee boqonnaa dura tapha akka ajaa'ibaatti to'atee galchii Cherkiifi Antoon Seeminiyoo lakkoofsisaniin 2-0 dursaa boqonnaa bahan.
Boqonnaa deebi'anii hedduu osoo hin turin Solaankeen Tootenhaamiif lakkoofsise. Galchii lammataas Solaankedhumatu Tootenhaamiif lakkoofsise. Boqonnaa booda Tootenhaam taaktika taphaa jijjiiruun Siitiin akka kubbaa hin qabanne gochuun qabxii qooddachuu danda'an.
Siitiin 2-0 dhaan dursuu irraa 2-2 wal-qixa bahuun dorgommii waancaa Pirimeerliigii Arsenal wajjin taasisu of jalaa gufachiise. Osoo mo'atee garaa garummaa Arsenaal waliin qabu gara 4tti gadi buusuu osoo danda'uu hin milkaa'in hafe.
Siitiin qabxii jahaan caalamee 2ffaarra jira. Arsenaal miilla walirra kaa'atee qabxii 53 sassaabbatee liigicha dursaa jira.
Kilbani tokko boqonnaa booda sababni itti gadi bu'uuf waa lamatu jira, akkuma Siitiin dirree Tootenhaamitti ta'e jechuudha. Sababni jalqabaa dadhabina qaamaa yoo ta'u inni lammataa xiin-sammuudha.
Siitiin ji'a Amajjii keessa taphoota heddu taphatus taphattoota heddu waan qabuuf wal-jijjiiree taphachiisaa ture. Kanaaf Siitiin rakkoo dadhabbii qaamaa taphattootaa hin qabu.
Sababa ijoo Siitiin boqonnaa booda itti caalamee qabxii qooddatee bahe xiin-sammuu taphattootati. Boqonnaa dura 2-0 lakkoofsisuun akkasuma caalmaa taphaa guddaa waan qabaniif, boqonnaa boodas caalletuma galchii dabalataatuu galchina kan jedhu sammuutti qabatanii boqonnaa deebi'uunsaanii hin oolle.
Astoon Viilaan dirreesaatti taphattoota kudhaniin mo'ame
Bara kana kilaboota gahuumsa gaarii qabaniifi dorgommii waancaa Pirimeerliigii taasisan jiran keessaa tokko kan ta'e Astoon Viilaan kaleessa dirreessaa Viilaa Paarkitti Bireentifoordiin mo'ame.
Bireentfoord galchii Daangoo Otaaraa boqonnaa dura lakkoofsiseen 1-0 Astoon Viilaa dursuun boqonnaa bahan.
Gama biraan ammoo Bireentfoord boqonnaa dura qormaanni isa mudate- Keeviin sheed kardii diimaan jalaa bahuun nama 10 qofaan taphachuun dirqama itti ta'e.
Boqonnaa booda Astoon Viilaan ittisa Bireentfoord cabsuuf yaalii garaa garaa taasisus hin milkoofne.
Astoon Viilaan walitti aansuun si'a lama mo'ameera. Kuni ammoo dorgommii waancaa Pirimeerliigii Arsenaalifi Siitii waliin taasisu jalaa danqeera.
Amma qabxii 46 qabatee Arsenaal irraa qabxii 7 fagaatee sadaffaa irra taa'ee jira.