'Murtee miira gammachuu ajjeese'- Tapha Liiverpuul fi Man Siitii irratti murteen goolii dhumaa sirriidhaa?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Yeroo garii murteessummaan viidiyoodhaan deeggarame (VAR) sirrii ta'uu dhiisuu danda'a, miira dirree keessa jiruu fi waan karaa seeraan sirrii ta'e gidduutti rarra'ee hafa.

Tapha Liiverpuul fi Maanchistar Siitii Anfiildi irratti Dilbata galgala gaggeeffame keessatti diraamaa hedduutu mul'ate.

Diraamaan tokko waa'ee goolii ishee dhumaati. Maanchistar Siitiin goolii sadaffaa galche se'ee gammachuun mirqaane.

Garuu sana dura dogoggora raawwatameen gooliin sun haqamteetti.

Murtee VAR kana kan jaallate hin turre, keessattuu warri dirree keessaa, hunda caalaa ammoo deeggartoonni Siitii baayyee jibban.

Warri waa'ee kubbaa miillaa gabaasanis murtee kana ija hamaan ilaalan, miirri kubbaa miillaa akkas jijijjiramuusaatti baayyee mufatan.

Ammoo taateen kun waanuma VAR keessa seenuuf dirqamu ture.

Gooliin galuu dura balleessaan raawwatameera, silaa hin raawwatamne ta'ee goolii sana ittisuunuu danda'ama ture. Dubbiin kun hangana salphaa ture.

Diraamaan Anfiildi irratti mul'ate kun dhumarratti goolii 2 fi 1n injifannoo Siitiin xumurame.

Wayita gooliin Siitii ishee sadaffaan galtu gooli eegaan Liiverpuul Alisan Beekar manii (goolii) keessa hin turre. Inni kubbaa gara goolii Siitiitti yaaluuf mana gadhiisee deeme.

Gidduu kanaan Rayan Cherkii kubbaa argannaan gara manii Liiverpuulitti dabarse.

Wayita kana Haalaand kubbattii faana fiigaa, Dominik Soboozlaayi bira darbe. Sobozlaayi garuu qabee duubatti harkise.

Ammoo Haalaandis dabaree isaa wayita Soboozlaay bira darbee kubbattii oolchuuf jedhu qabee duubatti deebise.

Hanga yoonaa lameenuu kubbaa Cherkiin dabarse kana hin tuqne, garuu balleessaa walirratti raawwataniiru.

Haala kana keessatti egaa kan murteessaan dirree irra jiruu fi kan VAR kan rakkoo keessa galan.

Kana murteessuun daqiiqaa dabalame dachaadhaan ga'e.

Murteessaa Craig Pawson wayita Haalaand irratti balleessaan raawwatamu kubbaan goolii Liiverpuul seenaa waan turteef faayidaa Siitii eegsisuuf jecha itti calliseera.

Haalaand fi Soboozlaay kubbattii duubaan ari'u, garuu tokkoonsaaniillee kubbaatti hin buune.

Dhumarratti wayita Soboozlaay dursuun kubbattii deebisuuf jedhu Haalaand ammoo dabareesaa balleessaa irratti hojjete.

Kubbaan Rayan Cherkii dhiite manii Liiverpuul seentus balleessaan jalqaba Haalaand irratti raawwatame garuu dubbii booresse.

Haalaand osoo duubatti harkifamuu baatee kubbattii akka galchu waanuma eegamu. Garuu Soboozlaay erga balleessaa hojjetee boodas ta'u kubbaa sana baraaruuf carraa qaba ture.

Isa kanaaf ammoo balleessaan Haalaand hojjete gufuu ta'eera.

Haala kana keessatti goolii kana mirkaneessuun hin danda'amu.

Soboozlaay osoo kubbaa sana deebisees balleessaa raawwateef kaardii diimaadhaan dirree keessaa baafamuunsaa waan hin oolle.

Dhumarrattis giddu seentummaa VARn kan murtaa'e waluma fakkaata. Gooliin hin mirkanoofne, Soboozlaay kaardii diimaan ba'e.

Balleessaa jalqaba Haalaand irratti hojjetame yoo ilaalle gooliin sun kennamuu hin qabdu jedhanii yaaduun waan ta'u hin fakkaatu ture.

VAR garuu tarkaanfii sirrii fudhachuun goolii sana haqeera. Kun namoota hedduuf liqimfamuu baatus.

Gooliin sun Maanchistar Siitiif gatii guddaa akka qabdu beekamaadha, hunduu xumura bara taphaarratti ida'amee gatii baasu qaba.

Ammoo Liiverpuul irratti lakkaa'amuunshees baayyee miidhaa qabdi.

Erga VAR gidduu seenuun murtee isa dhumaa dabarsee booda murteessaan taphichaa Pawson wayita murtee sana labsu uummanni dirree sanaa bakka lamatti hirame- yaadaan.

Warri gabaasanis akkasuma. Fakkeenyaaf tapha kana gabaasaa kan ture ittisaan duraanii Maanchistar Siitii Gaarii Neviil murteen kun ''haqa maleessa'' ta'ee akka itti mul'ate ibse.

''Seerri akka jiru nan beeka, ammoo miirri taphaas eegamuu qaba. Murteedhaan miira namaa ajjeesuu dhiisanii goolii sana eeyyamuudha,'' jedhe.

''Tapha akkasii itti of kennitee ilaalta. An VAR nama deeggaruudha, nan jaalladhas. Garuu amma gammachuu ajjeese.''

''Jaallattoonni kubbaa battala akkasii arganii ittiin bohaaruuf kubbaa ilaalu. Taateen akkasii gaafa duraa badu miirri isaaniis gadi bu'a,'' jedhe.

Dursaan garee taphattootaa duraanii Maanchistar Yunaayitid Rooy Keen ''waan hundaafuu, taateen kun diraamaa turetti dabalamee gaariidha, namatti tola,'' jedhe.

Jifataan Maanchistar Siitii Erliing Haalaand waahila isaa duraanii RB Salzburg kan ta'e Soboozlaay akkas ta'uusaaf gadduufii ibseera.

''Murteessaan seera taphaa hordofuu qaba,'' jechuun Sky Sports'tti hime Haalaand.

''Akkas ta'uusaatti baayyeen gadda. Goolii kennanii, kaardii diimaa dhiisuudha, kanuma dubbiin. Garuu ammoo seera, akkasumatti hojjeta.''

Leenjisaan Maanchistar Siitii Pep Gaardiyoolaa akkas jechuun BBC Match of the Day'tti hime: ''Murteessaa sittan hima, goolii mirkaneessi gara mana kee gali.''

Taphataan Hangarii umrii waggaa 25 Doominik Soboozlaay daqiiqaa 74ffaa irratti kubbaa adabbiin argatan haala ajaayibsiisaa ta'een gara gooliitti geeddareera.

Haata'u malee Maanchistar Siitiin daqiiqaa 10 booda (daqiiqaa 84ffaa irratti) goolii dursaan garee isaa Bernaardoo Siilvaa galcheen walqixxaatan.

Kun akka dursaa garee taphattootaatti Bernaardoo Siilvaaf milkaa'ina guddaadha.

Dhaloonni ammaa Maanchistar Siitii deeggaran injifannoo akkanaa Anfiildi irratti dhandhamanii hin beekan.

Kanarratti Pep Gaardiyoolaan bifa qoosaan kan dubbate qaba. Waggaa shan dura injifannoo Anfiildi irratti argatan kaasuun ''sun hin lakkaa'amu mitii?'' jedhe. Yeroon sun yeroo weerara Covid waan tureef daawwattoonni istaadiyemii hin seenne.

Amma Maanchistar Siitiin qabxii ja'aan Arsenaaliin caalamee lammaffaarra jira.

Aston Viilaan sadaffaa, Maanchistar Yunaayitid ammoo afraffaarratti argama.