Looltoonni Ertiraa magaalota Tigraay keessaa bahaa jiraachuu jiraattonni dubbatan

Mootummaa federaalaa waliin hiriiruun humnootii Tigraay waraanaa kan turan loltoonni Ertiraa naannolee Tigiraayi keessa turanii bahaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Maddi oduu Rooyitarsi jiraattonni natti himan jechuun akka gabaasetti, loltonni Ertiraa Shiree Indasillaasee fi Aksuum keessaa bahaniiru.

BBCn gamasaatiin konkolaataawwan loltoota Ertiraa fe’an hedduun karaa magaala Aksuumiin dhufuun gara Shiraarootti darbuusaanii arguu jiraattota Magaalaa Shiree irraa odeeffateera.

Jiraattonni kunneenis sochiin loltoota Ertiraa jiraachuu haa argan malee, Tigraay gadhiisanii bahuusaaniif mirkanneeffachu hin dandeenye jedhan.

Akka ibsa jiraattootaatti, miseensoonni loltoota Ertiraa naannawa magaala Shiree turan kana duras eddoodhaa eddootti sosocho’uun waan deddebii’aniifu sochiin tibbanaa kunis naannoo Tigraay gadhiisanii bahuuf ta’usaa adda baafachu akka hin dandeenye dubbatan.

Hojjattoonni dhaabbilee gargarsaa magaaloota Shiree fi Aksumiitti argamanis haaluma walfakkaatuun looltoonni Ertiiraa konkolaataawwan fe’umsaa hedduun guyyaa Kamisaa Muddee 29, 2022 gara kallattii magaalaa Shiraarootti wayita iamlan arguu Rooyitarsi gabaaseera.

Hojjataan dhaabbata gargaarsaa tokko dabaluun, loltoonni harkasaanii mirmirsuun nagaa dhaamaa akka turan ibseera.

Mootummaan federaalaafi TPLF baatii lamaan dura Afriikaa Kibbaa Piritoriyaatti walitti bu;iinsa dhaabuuf waliigaltee taasisaniin humnootiin alaa Tigraayi keessaa akka bahan waliigalun saanii ni yaadatama.

Rooyitarsi loloonni Ertiraa Tigraay keessaa bahaa jiraachu ilaalchisee Ministeera Beeksiisa biyyattiif gaaffii dhiyeessulleen, Ministirichi Obbo Yemaana Gabramasqal sochii loltootaa ilaalchisuun mirkanneessuus ta’e haaluus akka hinbarbaadne dubbatan.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoottan lamaan darbaniif gaggeeffamaa ture keessatti hirmaacnuun sarbama mirga namoomaa olaanaa fi badiinsa bu’uuraalee misoomaa qaqabsiisuun himatamaa turan.

Ertiraan hirmaannaa waraanaa Itoophiyaa keessatti qabu irratti kan jedhe jiraachu baatulleen, biyyoonni lixaa waraanni Ertiraa Tigraay keessaa akka bahuuf Asimaraafi Finfinnee irratti dhiibbaa taasisaa turunsaanii ni yaadatama.

Mootummaan federaalaafi TPLF waliigaltee irra gahusaanii hordofe dhimmi looltoonni Ertiraa Tigraay keessaa bahu waliigaltichatti gufuu ta’u mala jedhamee sodaataamaa ture.

Jiraattoonnis, sochii eegaluun looltoota Ertiraa amma mul’ate hojiirra oolmaa waliigaltee nagaatiif tarkaanfii murteessaa ta’u amanu.

Waliigaltee nagaa

Waraana waliinii waggoota lamaaf ture jaarsummaa Gamtaa Afrikaatin mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti marii godhameen nagaan akka xumuramu walii galame.

Waliigaltee kanaan qaamoleen lamaanuu itti fufiinsa waraana dhaabuf kan walii galan yoo ta’u, deeggarsi namoomaa dhorkaa malee naannoo Tigraay akka seenu, tajaajilliwwan bu’uuraa iddootti akka deebi’an akkasumas humnoonni Tigraay hidhannoo akka hiikkatan waliif mallatteessan.

Akkaataa waliigaltee kanaatti mootummaan federaalaa dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessa jiran kan eegu yoo ta’u yeroodhuma wal-fakkaatatti ammoo humnoota Ertiraa dabalatee humnoonni qaama mootummaa federaalaa hin taane naannoo Tigraay keessaa akka bahan ni ajaja.

Mootummaan federaalafi TPLF erga Piritooriyaatti waliigaltee walii mallatteessanii as si’a lama Naayiroobiitti wal-arguun akkaataa hojiirra oolmaa walii galtichaa irratti mariyataniiru.

Erga waliigalteen mallattaa’ee booda mootummaa federaalafi humnoota Tigraayi gidduutti waraanni gaggeeffamaa ture dhaabbatus gama loltoota Ertiraatin ajjeechaa, saamichifi qaabeenya irra miidhaa geessisaa akka jiran irra deddeebin aangowoonni TPLF dubbataa turan.

Gama biraan tajaajilliwwan kanaan dura adda citanii turanii naannoo Tigraayitti kan eegalan yoo ta’u, deeggarsi namoomaas heddumminaan galaa jira jedhame.

Amma eegamaa kan jiru raayyaan ittisa biyyaa Maqalee seenufi humnoonni Tigraay hidhannoo waraanaa gurguddaa akka lafa kaa’aniidha.

Akkuma jiraattonni jedhan loltoonni Ertiraa naannoo Tigraay gadi dhiisanii bahuu eegalan taanan, waliigalteen qaamolee lamaan gidduutti mallattaa’e gufuu heddu osoo hin qabaatin hojiirra oola jechuudha.